Thursday, March 26, 2009

Osoo nu teennee laalluu

Osoo Teennee Laalluu

Osoo teennee laalluu:
Wallolluu
Walirratti ololluu
Walqoonnuu
Walabaarruu
Walbalaaleffannuu
Nyaaphni waggaa dhiba biraa hacuuccan nu bulchuudhaf of qopheessaa jira. Isaanis:

Ammallee dadhabina keennatti fayyadamuudhan nu qoodaa
Mootummoota halagaatitti nu yakkaa
Qabeenya biyya teennaa gurgurataa
Tooftaa haaradhaan addunyaatti cinaacha garagalfataa
Nu jala bu'ee haala keenna yeroo yeroo qoratee nutti mala haaraa baafataa
Sakaallaa gara garaa nuuf qopheessaa
Qabeenya keenyan meeshaa waraanaa bitee nuun fixa.

Osoo nuti teennee walnyaannuu diinni baroota dheeradhaaf ammas nu hacuucaa nu bituuf of qopheessaa jira.

Maali ree malli:
Daandii odeeffannoo nyaaphaf banaa ta'e cufuu
Dhimma sabaatif dursa kennuu
Mootummoota biyya ambaatitti afaan tokkoon dhiyaachuu
Walitti dhiyaannee mari'achuu
Qabeenya biyya keennaa akka hingurguramne dhoorkuu- sabni xiqqaanuu
ofirraa dhoowwatee
Haala tooftaa nyaaphni ittiin saba keenna hacuucaa jiru saaxiluu
Humna keenna ijaarree mul'achuu.

Simbirroo.

Featured Post

Raadiyoo Damablii gabaabaa

Odeeffaannoo baadiyyaa dhaqqabsuuf tamsaasa raadiyoon dambalii gabaabaa qabaachun murteessadha. Ummata keenyaa dammaqsuun maalumaafuu mur...