Friday, December 23, 2016

Itti Deebina!

ይደገማል!
Itti deebina!
Oromoon qabsoo jalqabe kanatti lubbuu fi qabeenya hedduu dhabeera. Qabsoon fiixee hindeebinerra geessee jirti. Qeyeen nama hedduu buqqa'eera. Ilmaan keenya hedduun lubbuu itti dhabaniiru. 
wayyaanen hamma saba keenya tuffatte hiitee eega tumaa baateen booda T-shirt itti hindeebinu jedhu itti uwwiftee isin eebbifne jettee gadi baafte.
Kan kumaatamaan lakkahaman ammalee hidhaa jiru. Kuni kan oduu TV isaanii irratti mul'isan kuni akka jiilchuf mul'isuuti.
Eenyutu kanaaf jiilee dhiisa. Eeenyutu eenyuu gadi ta'ee gabrummaa fudhatee sodaatee jiraata. Ammaa achi immoo inuu hamma duruu caalaa akka haalli hammaatu ifaadha. Sabni Oromoo saba jiiluu miti. Saba sodaatee jiille itti hindeebinu jedhee harka kennuu miti. Kana mallattoo kalee AMbotti mul'ate ragaadha.
Yaa saba Oromoo harka kennuun inuu dhumaatifi miidhaa caalaa fida. Diinni qabeenya keenya saamuudhaf karoorfate kuni yoomuu nuuf hinahu. Yoomuu nu hindhiisu. sanyi keenya balleessuf akka ka'e ifaadha.
Kanaaf deebin kutatatanii waan qabaniin ka'uudha. Yoomuu diina kokkee qabuu qofatu mala ta'a. Diinni gaafa kokkee qabne osoo hinjaalatin nu waliin dubbachuuf ka'a.
Kanaaf qabsoon jalqabame kuni duubatti deebi'uun kan wareegama caalaa nu baasisu waan ta'eef jabaannee itti fufuu qofatu mala ta'a.
Kanaaf warri T-shirt nuuf qophaahurratti kana nuuf barreessaa:
ይደገማል!
Itti deebina!

Friday, December 16, 2016

KFO - xiyyeeffannaa argachuu qaba


akka kootti hoggantoonni KFO kan hidhaman dhugumaan bakka dhqan dhabanii osoo hintaane, waan hoggana tokkorraa barbaachisu waan guutaniif. Isaanis ummata ofii jidduutti argamuudhan, waliin hidhamuudhan waliin du'uu murteeffatan.
yeroo hedduu mootummooni Awuropafi Ameerika kuni partii mormitootaa waliin dubbannu kan sirriitti gurmaaye dhabne jedhu. dhaabolii siyaasaa keenya kan biyya alaatti wal qoodan kanniin akka sababaa dhiyeessu.
Gaafin koo garuu dhaabni siyaasaa Oromoo Kongresiin Federalistii Oromoo osoo ummata ofii gurmeessee waliin hidhamaa jiruu maalif dhaabolii biyya alaatti walqoodan kana qofarratti xiyyeefatan kana jedhu.
Isaan qofaa miti, nullee yeroo hedduu walqooduu dhaabolii siyaasaa keessattuu ABO ala kanatti ta'u kanarratti qofa xiyyeeffachuudhan akka waan qabsoo bittinnooftee haasofna.
Mee koottaa akkana haa yaannuu:
Amma dhaaboliin kunniin cimanii wal ijaaranii qabsoo ummataa cinaa hiriiranii kan ammatti uammata jidduu jiru, kan hidhamee miidhamaa jiru KFO haa jajjabeessinuu.
Dhaabolii keenya ala kana jiraniinis akkasitti ummata keessan biratti hojiidhan muldhadhaa jennee haa gorsinuu!

OFC deserves attention!

The take of the weekend - OFC deserves attention!
We observe that the western countries which have interest in Ethiopia usually blames the opposition for not being serious and well organised. Some often mentions that there is no seious opposition political party to deal with. They magnify the weakness of opposition parties deliberating mainaly on political parties based in abroad.
As far as Oromo political parties are concerned, we have a solid polical party in Ethiopia, Oromo Federalist Congress which showed strong leadership. The leaders showed their strength and dedication by not running from resposiblity, stand detamined and get arrested. Marara Gudina and Bekele Garba are good examples of leadership who stand with their people even if they could go to abroad and seek asylum like many did.

TPLF have detained the leadership and executive members as well as members of the party to just weaken it. OFC still showed the right leadership, stand strong with the struggle of the people.
My question is then, why the West, EU and US blame the weakness of opposition party and lack of seriousness while there exists a party, registered and within the constution, is standing and struggling peacefully? Why we only see the weakness of political parties based in abroad and blame lack of serious opposition parties?

I think Oromo elites also should wake up and give reconition to OFC and support what they are doing. The leaders of OFC are paying ultimate sacrifice in the struggle for freedom.

We have to show the west that the leadership is back home and working with the people. If they are serious about helping in bringing peace to the country, there is a responsible and well organised party and they sould deal with it.

To our political parties based in abroad, learn a lesson from OFC and be among your people and for your people and not stand against everything moving.

Monday, December 5, 2016

Booredha haa jennu!

Ummanni Oromoo waggaa har’aa Sadaasa 2015 irraa eegalee waan takkaa hinyaadamin mul’ise. Akkanatti walfaana ka’a jedhee lammiinis, diinnis hineegne.
Akkuma rooba tasa roobee, galaana tasa gaaraa garagalee, diinarra jige. Lammiin gammadee, diinni rifatee baarage. Ummata keenyas jimlaadhan fixaa jira. Ummannnis kutannoodhan sodaa malee harka duwwaa qawwee dura dhaabbate.
Warri biyya ambaa keessa jirrus haalli hamma ammaa ittiin lammii keenya bira dhabbanne gaaruma ture. Gareen duur walitti hindhufne saba ofiitif jechuudhan wal bira dhaabbatanii tokkummaa mul’isuun alagaa hedduu rifachiise.
Haata’u malee tibba darbe kana waan xixiqqoorratti kaanee maqaa walii xureessfi wal yakkuun mul’ate saba keenya hamilee kan tuqu. Warra haadha fi abbaa ofii dhabe, haadha ilmaan ofii qabsooo kanarratti dhabde, warra obbolaa ofii dhabe, warra qeyeen isaa buqqa’e, goota lubbuu ofii wareege kan akka Muktaar Huseen faa, gootota barattoota Gincifi walisotti qawwee fuuldura uleedhan dhaabbattee addunyaa dinqisiifte san laaluu qabna.
Maal biyyanna Booordha haa jennuu…
Warra jiruu ofii dhiisee muka gale, kan qeyee ofii lagate san laaluu qabnaa.
Maal biyyanna ilmaa osoo jiruu hinargin Irreecharratti akkasitti harca’an, kan Baalee Roobeetti dhuman, kan Arsiitti dhuman, kan Booranatti dhuman, kan Gujiitti dhuman, kana Harargeetti dhuman, kan dhiya Oromiyaa, kan walloo fi jiddu galeessa oromiyaatti akkasitti harca’an san sammuu keenya dagachuu danda’aa?
Saba keenya akkasitti dhume san osoo agarruu, akkamitti waan xixiqqoodhaf haaloo qabannee yeroo keenya walirratti fixna? Akkamitti humnaa fi qabeenya keenya diinarratti bobbaasuu dhiifnee yeroo qabnuun maqaa wal faaludhaan balleessina?
Maal dhiiroo Booornen hinjiruu? Booren dhiiraa hinjiruu? Booren dubartii hinjiruu? Safuun saba keenya dhumeef qabnu hinjiruu? Safuun saba keenya hidhaa keessatti affeelamaa jiruu hinbadee?
Dhiiroo mee boru ganama yoo kaanuu, Booree saba kootii haa jennu. Maqaa walballeessuu haa lagannu. Kan maqaa saba ofii balleessu nama diinaf hojjetu malee kan saba isaaf dhukkubsatuu miti. Like fi share gochuufii haa dhiifnu, hamilee isaaf kennuu haa dhiifnu, faarsuu haa dhiifnu!
Yoo sabni keenya dhumaa jiru kan diiggaa gaggeessu diina saba keenyati. Kanaafuu diinaf gumaachuu dhiifnee waaqaf lafaaf jennee saba keenya bira haa dhabannu. Yoo birallee dhaabachuu dadhabne diina saba keenyatiif hojjechuu haa dhiifnu.
Booredha haa jennu. Booree lammii haa qabaannu!

Booredha!

Featured Post

Raadiyoo Damablii gabaabaa

Odeeffaannoo baadiyyaa dhaqqabsuuf tamsaasa raadiyoon dambalii gabaabaa qabaachun murteessadha. Ummata keenyaa dammaqsuun maalumaafuu mur...