Monday, January 23, 2017

Roorron hammaattus ---diinni baayyatus!

Haala amma biyyi teenya Oromiyaan keessa jirtu hedduu nama yaddeessa.
Diinni keessaf alaan itti bobba'ee jira. Lammiin wal gaarreeffachuun, Somaalen ollaa nutti duulun, ergamtoonni saba kibbaa seenaa Oromoo xureessun... kan amma mul'atu keessaa isa muraasa.
Barri 2017 yeroo bari'u haalli jiru inuu Oromootti hammaate. Diinni ilmaan Oromoo manguddoota, dargaggoo, ilmaan boru ol guddattu mana barumsaa hanqisee kaampii leenjii geessun gaagga'uutti jira. yoo akka isaanii sabni Oromoo rifatee akka lamuu qabsoo kanatti hindeebine gochuufi. Darggaggoonis ta'ee maanguddoon dhiibbaa diinatif akka harka hinkennine ifaadha. Kana wayyaanenis sirriitti hubattee jirti.
karaa biraatin yeroo ammaa somaalee maallaqa kennuudhan akka isaa ummata harka duwwaa jirurratti duulan gochaa jiru. Toftaa wayyaanee kan bara dheeraa, diina ollaa nutti bituuf falmii gara isaanitirraa gara biraa akka jallattu gochuu toftaa dulloomaa fayyadamaa jirti.
Addunyaan osoo gurra qabaattee dhageessi ta'ee haalli amma saba Oromoo irratti gahaa jiru sadarkaa sanyii duguuggaa bira darbee jira. Sabni keenya guyyaa guyyaan akka baalaa harca'aa jira.
Kana keessa TV ESAT jedhamu harcaatuwwan saboota kibbaa keessaa qaxaruudhan seenaa Oromoo maqaa xurreessii gaggeessaa jira. ESAT TV Ginbot 7 yoo ta'u warri Oromoodhaf dhaabbanna jedhan kan Ginboot 7 waliin waliigaltee qabanillee kana dubbacchuu waan danda'an hinfakkaatu. ODF kan Ginbot 7 waliin dalagu yeroo seenaa saba inni bakkan bu'a jedhuu jallisanii maqa balleessan, arrabsan waa tokko dubbachuu dadhabuun isaa hedduu nama maalalchiisa.
Sabni keenya yeroo ammaa roorroo hammatte keessa jira. Mootummaa tokko yoo kufuutti dhiyaatu too'achuu dadhabu, ummata gama maraan miidhaa itti guddisa. waan isa sodaatanii irraa dhaabbatan se'ee ummata hidhaaf ajjeechaa hammeessa.
Kuni garuu kufaatii isaa daddafsiisa malee hinoolchu.
Roorron hammaattus, diinni baayyatus bilisummaan hinooltu.
Sabni keenya biyyaa qabsoo isaa ittuma jabeessuu qaba. Yooo qabsoo kana irraa xiqqeesse jarri kana caalaa sanyii nu fixxi, roorroo hamaatu dhufa. Kanaaf duubatti deebi'uun miidhaa kana caale waan fiduuf itti mudduu qofatu mala.
Warri biyya alaa jirrus hamilee saba keenyatii jennee, waan xixiqqorratti wal qoccoluu dhiifnee walitti dhufnee jabeessuu, irkisuufi deeggaruu qabna. Maal nu dhibeedhan yoo duubatti deebine seenan nu gaafata. Namni martuu asiifi achi waan hinjirre afarsuu dhiisee egeree saba isaatif yaadee waan saba walitti fidee jabeessurratti hojjechuu qaba. Namuu boru waan hara dalaguuf seenan isa gaafata. Itti gaafatama seenaa jala haa baanu. walitti dhufnee ummata keenya biyyatti dhumaa jiru saniif jennee irree keenya haa jabeessinu. Hamilee saba keenyaa haa tiksinu!
Roorron hammaatus diinni bayyatus sabni keenya boru injifachuun isaa hinooluu, haa jabaannu!

Featured Post

Raadiyoo Damablii gabaabaa

Odeeffaannoo baadiyyaa dhaqqabsuuf tamsaasa raadiyoon dambalii gabaabaa qabaachun murteessadha. Ummata keenyaa dammaqsuun maalumaafuu mur...