Thursday, January 20, 2011

BIYYA GADAA OROMIYAA DEEBISANII IJAARUU

Kutaa tokko
Galmoo G.

Biyyi Oromiyaa eega gabrummaa baroota jalatti baroota 1880 moota keessa kufee kaasee mormiin sadarkaa gara agraatitti godhamaa ture. Haata’u malee haala qindaayefi grumaayen akka biyya mirga ofii falmatutti qabsoon kan eegalame baroota 1960 moota keessa. Kunis sochii ijoollee Baalee (kan Waaqoo Guututin hogganame), sochii Salaalee (Agarii Tulluutin) namoota dhuufadhaan sirna Hayla sillaasee morman dabalatee qindoomina Waldaa Gargaarsa Maccaa fi Tuulama hangafoota yoo jenne dhugaadhan alaa miti.

Kanaan alatti sochiin akka dhaaba siyaasatitti godhame dhaabolii akka Adda Bilisummaa Biyyoolessa Toophiyaa (ENLF), Dhaabbata Wallaansoo Bilisummaa Ummata Oromoo (OOPLS) fi ABOn angafoota dhaabolii siyaasaa maqaa Oromootin dhaabatani. Dhaaboliin kunniin kan hundeeffaman akkuma beekamu sochii san dura godhamaa turan kan akka sochii Maccaa fi Tuulamaa kkf irratti hundaahaniiti. Hundeeffama ABOtiif jalqabni Maccafi Tuulama jedhanii namoonni kaayanis nijiru.

Egaa hawwii qabsaa’otaa irraa haala ka’een sochiin akka barbaadan deemuu haabatu malee baroota jalqaba 1970 moota keessa dhaaboliin asii olitti jalqabaman kuni sochii ijoollee Baalee kan gara Oromoo Abbo jijjiirame malee hundumaa ABO tu dhuufataa deeme. ABO akka dhaaba siyaasaa qofa osoo hintaane akka ayyaana amantii tokkotti saba Oromoo biratti fudhatamuun isaa dursitoota isaatif aangorratti aangoo kennaa deeme. Kanarraa kan ka’een namoonni tokko tokko olaantummaa agarsiisaa deemnan mormiin keessaa isaa mudate. Haalota akkanaa kanarraa kan ka’ee namoonni sochii keessa turan irraa bahanii dhaaba mataa ofii ijaarrachuu jalqaban. Kunis ABIO (IFLO) kan amma AWDO ta’e IBSO, ABUO, AWO kkf maqaa dhahuun nidanda’ama. Dhaaboliin kunniin ABO tti mufatanii, sochii inni godhaa jirufi ture akka haala qajeellotti adeemaa hinjirre haa balaaleffatan malee humna sochii godhu tokko ta’anii waan fooyya’aa ummata Oromoo agrsiisan hinjiru.

Thursday, January 13, 2011

Dhaaba siyaasaa ta'uudhaf ulaagan jiraa?

Hamma ammaa dhaaboliin siyaasaa Oromoo hundeeffamuu isaanii gabaarra oolchuu malee akkamitti akka hundeeffaman kan beekaman dhaabotii bata 1970 moota keessa hundaaffaman qofa. Kunillee hundee fi akkamitti akka hundeeffaman kan beekaman dhaabota akka ATBUO, ABO, AWDO dha.
Baroota 1990 keessa dhabooleen siyaasaa sadeen tokko haa hundeeffamman malee kuun akkuma tasaa kan gadi bahani. Keessattuu mufoo tasa ABO keessatti dhalateen dhaaboliin siyaasaa hundeeffaman kaayyofi galti isaanii kanuma ABO sanirraa waan gara gara isaan baasu hinmul'atu. Hedduun isaanii waan dhaaba jiru sanirraa haaraa fidan jiraatee osoo hintaane waldhabdee namoota jidduu jiru qofatu uumama isaanitiif sababa yoo jenne dhugaarraa fagoo miti.

Featured Post

Raadiyoo Damablii gabaabaa

Odeeffaannoo baadiyyaa dhaqqabsuuf tamsaasa raadiyoon dambalii gabaabaa qabaachun murteessadha. Ummata keenyaa dammaqsuun maalumaafuu mur...