Monday, November 14, 2016

Atlantaa dhaqeen jira, nagaan galeen jira – waanan arge kunoo

Oromo leadership convention in Atlana, Georgia Nov 11-13, 2016
Yaa'ii hoggontoota Oromoo Atlantaatti Jorjiyaa sadaasa 11-13, 2016

Atlantaa dhaqeen jira, nagaan galeen jira – waanan arge kunoo

Gaafa 10.11.2016 Bergen Norway irraa abdii fi hawwii guddadhan gara Atlantaa kanan deeme. Sa'aatii gara 15 eegan karaarra turen boodan Atlantaa gahe. Dirree xiyyaarratti Taksiin qabanne akka hiree kan Oromoo ture. Innis yoosuma nagaa nu fuudhee akka yaa'ii kanaas dhufne nu gaafate. Nutis akka yaa'ii kanaaf abdiidhan dhufne itti himne. Inni Jiraataa Atlanataa yoo ta'u akka yaa'ii kanarratti himraatuf kaan gaafanne. Innis akka galmaayee bakka teessumaa galma keessatti argate, garuu haati manaa isaa bakka waan hinargatiniif maal akka godhu wallaale lachummaa akka hinhafne nuuf hime.
Dafee yoona cimina nama kanaan dinqisiifadhe. Haadha manaa ofiitif akkana dhimmuun isaa, kora kanarrtti dubarstoonni barbaachisummaa isaanii nu qaabsise. Hinhafinaa, walirras ta'u teenya malee ishiinis alatti hinhaftuu jenneenii wal eebbisfnee gargar baane.

Akkuma Hoteela Hilton Atlanta Airport geenyen siree keenya bakka nuuf kennanii namoota dubbsiuuf gadi yaane. Hoteelli suni kan foqii 17 qabu yoo ta'u hedduu bal'aadhas. Lafti marti Oromoodha. Hoteelli guutun Oromoo dubbata. Ani gama koon bara 1991 akka gaafa Gullallee jirruu tokko natti fakkaate. Miira koo keessa waan deddeebi'e. Meeqa laata kan gaafa san achi ture kan hiree har'aa kana argatee as jiru jedheen yaade. Meeqa bosona seenee hafe, meeqatu eegasii hidhaa jira, meeqatu du'e, meeqa as buuten dhabame, meeqa qeyeen isaa diigamtee, meeqa maatin faca'e?.... yaanni kuni fudhatee naan lixe.

Kanan gaafas Gullalleeti arge lameen tokko akkan asittis argu abdadheen hiriyoota koo duriitin nagaan wal gaafachuutti dabarre. Nama achi jiru san keessaa yoo xiqqaate harka 60 ol waanan beekuf meeqa akkan nagaan gaafadhee dhiisu wallaalen, osoon waliin hingayin gallee rafne. Rafnus Atlanataafi Norway garaa garummaa sa'aatii 6 waan qabaniif sa'aa 4 caalaa rafuu hindandeenye. Halkani iyya indaaqqoo kaanee namoota ka'an waliin haasa'uun waan hamma achi turre san hundaa goone.

Bariisaa gaafa 11.11.2016 ganamaan sa'aa 8 irraa kaanee walitti yaane; hamma sa'aa tokkoo (1 pm) dura sagantaa waan hinjalqabaminiif namni walitti dhufee nagaan wal gaafachuuf hiree bal'aa argate.

Namni yoo sagantaan banamu eegee, abdii fi hawwii guddaan galma guute. Namni affeerame 300 yoo ta'u kan dhufe 550 akka ta'efi hunduu akka bakka argate nuuf himan. Akkuma banameen akkan eebbisu waltajjiirratti na affeeran. Anis akkuma aadaa keenya manguddoo aadaa barbasiisee na guddise Obbo Bariisoo Guraaroo (Kanadarra dhufe) affeere. Innis hayyoota amantii biraa waliin ta'uudhan eebba nu habbuuqachiisee, milkaayaa nuun jedhe.

Gaafa jalqabaa kana sagantaan nuuf ibsamee san booda gareedhan adda qoodamnee kutaa kutaa keessatti bu'ura yaa'ii kanarratti marii goone.
As keessatti ijoo yaa'ii Atlantaa charatarii Oromoo qopheessuu, gargaarsa sadarkaa addunyaatti gama giddu galeessa ta'een qindeessu fi dippilomaasii akka giddu galeessummaan gaggeessamuuf qindeessuu ta'uun nuuf ibsame.

Chartarii ykn seera Oromoo kanaafis bu'urri Gadaa Oromoo ta'uun nuuf ibsame. Gadaa akka ka'umsatti fudhatamuu isaa akka nama Gadaa Oromoo qorataa jiruu tokkotti gammachuufi hawwii guddaa na keessatti uume.

Eega marii keenya gaafa duraa galgala xumurreen booda galmatti deebinee gareen hunduu marii ofii cuunfaa isaa dhiyeesse. Galgaluma kanas wixinee seera (wixineen charterii qophaayee nuuf qoodame).

Gaafa 12.11.2016
Ganamaan sagataan banamee innis yaadannoo guyyaa qabsoo akka haaratti Gincitti jalqabame gochuun ture.

Guyyaa kana eebba jaarsoliin ture. Ansi hiree argadheen eebbiseen ture.
Gaafa kana guyyaa guutuu wixinee qophaaye kana irratti galma keessatti akkasumas garee gareedhan marii goonee cuunfaa marii keenyaa waliif ibsaa turre.
Yeroo kanatti ogeeyyoni seera fi namoonni ogummaa wixinee seeraa qopheessuf qaban hedduun irratti hirmaataniiru. Wixineen kuni duranaaf ummataaf waan dhiyaatuf amma asirratti hinibsu. Ta'u s qabxiilee biyya tokko bulchuuf barbaachisu maraa of keessaa qaba. Bakka hanqates akka dabalu manni eeree jira.

Marii gareedhan qoodamnee goonu kanarratti namni harki sagaltamaa ol abdii fi hawwiidhan akkaataa wixneen egeree Oromoon ittiin akeekamu kanarratti yaada osoo of hinqusatin kennaa ture. Ta'us namni xiqqaan wixineen kuni hinbarbaachisu, kan qopheessuu malus warra waggaa 40 ol qabsoorra ture jedhan. Namni obsaan yaada isaanis dhaggeeffate. Namuu dhaabas ta'ee namoota maqaa dhahuun qeequn hinturre. Namuu akkamitti wal arrabsoo foyyeeffannee wal gorfannee waliin deemna isa jedhurratti yaada kennaa ture. Walaloo tokko kan qeeqa dhaaba siyaasaa ykn hoggantootaa of keessaa qabu yoo dhiyaatu, namni galma keessa jiru hedduun dallanne, yoosuu dhaabsifamee warri waltajjii gaggeessus dhiifama gaafate. Innis kan ta'e osoo hingulaalin waan dhiyaatefi. Asirraa hagam akka sabni keenya foyya'e na hubachiise. Wal arrabsuun kan barri irra darbe ta'uu, kan nu baasu waltuffii dhiifnee, mariidhan garaa garummaa yaadaa qabnurratti mari'achuu qofa.

Guyyaa 13.11.2016
Guyyaa kana walitti qabaadhan wixinee seeraa qophaaye, dhimma gargarsafi dhimma dippilomaasii irratti yaada cuunfaa dhiyaate.
San booda yaada ummataaf ibsame (press release) dubbifamee manaan mirkaneeffame. Wixineen kunis akka caalatti fooyya'ee chartarii ta'u itti waliif galame (akka dokumentii bu'uraatti). Kana jechuunis qindeessitoonni yaada fooyyessaa manarraa dhiyaate kana dabaluun hawaasota Oromoo biyya jiran maratti mari'achiisun akka foyyeesan, namuu yaada qabu akka itti dabaluuf hiree argatu walitti dhaammanne, san booda charterii Oromoo ta'ee dhiyaatu waliifgalame.

Ummata yaa'ii kanarratti argame:
Hoggantoota hawaasaa biyyoota gara garaa
Manguddoota biyyaa
Hayyoota amantii gara garaa
Hayyoota Oromoo
Waldaa Dargaggoota
Waldaalee dubartootaa
Namoota dhuufaadhaan
Dhaabilee siyaasaa gara 9 ta'anirraa bakka bu'oota
Dhaabni siyaasaa tokko hafuun isaa ifa ture.

MAALIFAN ATLAANTAA DHAQE?

Ani Atlaantaa kanan dhaqeef warra biyya alaa jirruuf osoo hintaane warra biyya jiru, kan walitti dhufee hiree ofiitirraati mari'atee addunyaa dhageessisuuf carraa hinqabneefi. Yeroo ammaa kana Awuropas ta'ee Ameerikaan Oromoon maal akka barbaadu, saboota ollaa isaa jiran waliin akkamitti akka buluu barbaadufi kkf waan gaafachaa jiraniif sabni hiree qabu walitti dhufee charter akkanaa kana qopheessee dhiyyeessun mala marii hinqabne. Duranaaf yoo biyya arganne immoo kan ummanni Oromoo foyyeeffatu ta'a.
Wanni akka salphaatti laalamuu hinqabne saba keenya biyyatti dhumaa jiru kana deeggarsa addunyaa arganmsiisuf osoo biyya keenya argannee waan gochuuf deemnu ibsuufin murteessadha. Kanaaf charteriin Oromoo Atlanataa kuni hedduu barbaachisaa jedhee natti dhagama. Kanaafan karaa dheeraa kutee Atlaantaa, Jirjiyaa dhaqe.


Waan qindeessitoonnii hojii itti aanu keessatti fooyyessuu qaban:
  • Eega bu'urri Heera fi seera keenyaa Gadaa ta'ee, hayyoota gadaa dabalataan affeerun sirriitti bilchiisun barbaachisaadha.
  • Hayyoota seeraa bakka gara garaa dabaluun
  • Waldeelee amantii irraa keessatti dabaluun
  • waldaalee durbartootafi dargaggoo keessaa itti dabaluun. Hirmaannan dubartootaa hedduu barbaachisaadha.
  • Hirmaannan Ameerikaafi kanaadaa gaarii yoo ta'u Awuropparraa hedduu hinturre. Kanaaf yaa'in akkanaa gara Awuroppafi Eeshiyaattis qophaayee dhimmi kuni bal'inaan akka irratti matri'atamu akka hiree argatan
  • warra hafe dabalachuuf irra caala garaa bal'achuun dhimma biyyaa waan ta'eef hamma danda'ameen ifaajuu isaanirraa eegama.


Dhaabotiin siyaasaa:
Yaa'ii kanarratti hirmaannan dhaabolii siyaasaa akka dhuunfatti gaarii ture. Ta'us dhaaboliin kuni hunduu waan ABO irraa fottoqanii of ijaaraniif ofii isaanitiif walitti dhufanii waliin dalagurratti rakkoo cimaa qabu. Tokkummaa yaadaa kan sabni Oromoo hawwu kanas fiduuf dhabooliin siyaasaa gufuu ta'u. Kanaaf hawaasni Oromoo bakka jiruu cimee, walitti dhufee dhaabolii kana akka wixinee kanaaf hojjetan dhiibbaa gochuu qaba.

Waan abdii namaaf kennu:
  • Hoggantoonni hawaasaa kan akkanatti walitti dhufuuf hiree argatanii hinbeekne walitti dhufuun wal baruu akkasumas duranaaf waliin hojjetuuf abdii horatan
  • Waldaalen amantii Waaqeffannaa, kiristaanaa fi islaamaa marii addatti yeroo fudhachuun godhaniin duranaafillee haawasa kana daangaa amantii darbee akka tokkummaa sabummaa ofii cimsuuf akka irratti hojjetani waliif galan (interfaith netwrok)

walumaagalatti Yaa'in Oromoo Atlantaa kuni kan milkiidhan xumurame yoo ta'u jalqaba gaarii itti fufamuu qabu.

As keessatti warra hafes hirmaachisuuf qaama manguddootaa ijaarun hedduu barbaachisaadha. Adeemsa kana keessatti ani keessaan hafe kan jedhu yoo jiraate komee isaa obsaan dhaggeeffatanii dhimmaa biyyaa waan ta'eef garaa bal'inaan waliin mari'achuun milkii duranaatif karaa saaqa.

Warri yaa'ii kanarratti hinhimaatinif sadarkaan dura dhaabbatan waan darbeef amma achi maqa xurreessii fi yakkuu dhiiftanii akkaataa hirmaannaa argattanii dhimma saba keessanii irratti foyyeessitaniif of qopheessaa.

Teenyee wal yakkuufi balaaleffachuun bu'aa hinqabu.

Atleeti FAYYISAA LEELISAA Ambaasaddara Oromoo ta'ee moggaafamee jira. Namoonni qabsoo yeroo ammaa hogganaa jiran, kan akka Baqqalaa Garbaa fa'as irra deddeebi'ee maqaan ka'eera.

Yaa'in Atlanataa (Oromoo Leadership convention) milkiidhan xumuramee jira. Kanan argee gale.

Imala sa'aa 16 booda reefu nagaan gara Norway deebi'een jira.

Asnake T Erko (14.11.2016)








5 comments:

Unknown said...

Waaaw
Maashaa allahu jabaadha baga milkiin nuuf galtani nutis kanuma eegaa turre

حيدر العروسي said...

Baayyee namatti tola jabaadhaa akkuma atuu tuquuf yaaltee wal gahiin akkanaa biyyoota Ilmaan Oromo itti babal'atan keessatti cimee itti fufuu qaba .

Galatoomi saba koo

Unknown said...

Heddu nama gammachiisa nama boonsa imaammata hojjitti jijjiruuf karoorfatame heddu jira itti fufuu qaba haali biyya kessafi biyya alaa wal madalchisuudhaan diina fonqolchurratti tokko taane hojjechuudhafi wali galtefi waliin hojjechurratti ammumarra itti fufuu qaba

Balex said...

Danuu namatti tola

Admin said...

Hundi keessanuu yaada kennitaniif galatoomaa!
Asnake

Featured Post

Raadiyoo Damablii gabaabaa

Odeeffaannoo baadiyyaa dhaqqabsuuf tamsaasa raadiyoon dambalii gabaabaa qabaachun murteessadha. Ummata keenyaa dammaqsuun maalumaafuu mur...