Thursday, July 5, 2018

Oromoodhaf falli mariifi jaarsummaadha


Mirga Oromoo argate eegaa, ofiifis mariidhan
Yeroo ammaa kana Oromoo mirga dur argatee hinbeekne argachaa dhufuun isaa waan halamuu miti. Yoo xiqqaate Oromoon harki caalan hidhaadhaa bahuun bu’aa tokko. Hanqinoonni hedduun akkuma jirutti ta’us bu’aan argame kuni waan xiqqaa miti.
Bu’aa hara argame kuni immoo lubbuuf dhiiga ijoollee Oromootin argame malee dhaaba siyaasaa tokkoon miti. Sabni Oromoo akka sabaatti tokkummaadhan ka’ee kan diina cinaa hiriires kan lammii cinaa hiriires walitti diigee irra oolee moo’ate.
Haata’u malee bu’aa lubbuun ijoollee Oromoo - QEERROOn waggoota sadan darban kana qofa kuma jahaa ol ta’u itti dhabne kana wal saamun mul’achaa jira. Dhaaboliin Oromoo anatu kana fide, anatu abbaa mirgaati isa jedhurratti ifatti walirratti duulaa jiru. Kunimmoo dhumaatii har’allee Oromoota gara dhiyaa fi bahaatin gaggeeffamaa jiruuf sababa ta’uu Oromoon tolcheeti beeka. Keessattuu waliigaltee dhabuun DhDUO fi ABO shanee jidduu jiru ummata keenya jeeqaa jira, jeequfis jira. Kana immoo ummanni Oromoo marti sagalee tokkoon dhaabolii kana lakkii jechuu qaba. Nu gahe jedhanii maanguddoon walitti fidanii dubbii kana ammumatti yoo goolabuu baatan ummata keenya dur wayyaanen fixaa turte har’ammoo ofiif waloluu henna jechuudha. Diinni keenyas tana keessa carraa argatee mataa ol qabachuuf ta’a jechuudha.
Hiikkon nuti qabnu akka saba Oromootti Jaarsummaa aadaa keenyaa kan alagaan nuuf taa’u osoo hintaane kan nuti ofii taa’annu godhachuu qabna. Dhimma kana waan hunda dura Abbootin Gadaa Oromoo walitti dhufanii osoo oolanii hinbulin hiikkaa akka argatuuf ifaajuu qabu.
Dhaaba siyaasaa jaarsummaa didee ykn murtii maanguddoo kanniinii dide kamuu ummataaf ifa ta’uu qaba. Yoos jeequmsi hafee kan Oromoo dide ifatti beekamee ummanni dura dhaabbata jechuudha.
Hammasii garuu gareen kamuu olola hinbarbaachifne walirratti oofurraa of qusachuun hedduu barbaachisaadha.
Siinqen teenya baatee lola dhaabsisuudhan mirga addaa qaban san addunyaatti mullisuu qabu. Abbaan Gadaa labsii dabarsee bakka ummanni keenya itti dhiigaa jiru kana dhaquudhan lola dhaabsisuun hedduun barbaachisaadha. Guyyaa guyyaadhan dhiigni Oromoo bakka kamittuu jigu dhaabbachuu qaba. Kan dur dhumnee hedduu nu miidhaa jira, nu gubaa jiraata. Ammaa achi sabni oromoo rakkoo ofii rakkoo ofii hiikkachaa gaafa Afrikaatis akkasumas addunyaadhafis hiikkoo ta’uu qaba malee ofii beekamtiifi waan xixiqqoorratti wal lolaa diinaf lammata karaa saaquu hinqabnu.
Abbootii Gadaa dhimma kanarratti deeggaruu qabna, jabeessuu qabna, bira dhaabbachuu qabna.
Abbootin gadaas dhimma kanaaf dursu kennu jedheen yaada!

Kitaabni Qabsoon Oromoo Eessaa Karam gabaarra oole


QABSOON OROMOO EESSAA KARAM
Barreessan - Asnaaqaa T.Irkoo (T. G)
 Maxxansa 4ssoo WAxabajjii 2018

Kitaabni kuni maxxansaa haaran gabaarra oolera!
Maxxansaa 4ssoo haala yeroo waliin walsimatee fooyya’e.



Maxxansaa jalqabaa kitaabichaa bara 2009 Norway, bara 2013 fi 2014 Finfinneetti maxxanfamee hedduu gurguramee ture.

Kitaabichis:
Seenaa Qabsoo Oromoo qorachuudhan
Qabsoo Oromoo kan biyyoota biraatin walbira qabuudhan
Gadaan akkamitti Oromoo akka bulchaa ture yaadachuudhan
Haala yeroo ammaa dhaaboliin siyaasaa Oromootifi ummanni Oromoon biyyattifi alatillee keessa jiru kan durii waliin walbira qabuudhan,
Haala siyaasaa Oromoo mariif isiniif dhiyeessa.

Kitaabni kuni gabaarra oolera.

Kitaabicha Manneen kitaabaa Finfinnee fi Adaamaa argattu. 
Warri raabsuu barbaaddan:
Karaa asii gadii kanaan nu quunnamuu dandeessan:
 +251910423762
+251931289238
hordofaa@gmail.com
+4799151829
gipheedhugumaa2008@gmail.com
Qabsoon Oromoo Eessaa karam


Featured Post

Raadiyoo Damablii gabaabaa

Odeeffaannoo baadiyyaa dhaqqabsuuf tamsaasa raadiyoon dambalii gabaabaa qabaachun murteessadha. Ummata keenyaa dammaqsuun maalumaafuu mur...