Sunday, March 4, 2018

Qabsoo Oromoo - Hiree Tophiyaa


Gaafa Bitooteessa 2, 2018 waggaa dheeraa booda siyaasaa biyya Tophiyaa keessatti waan haaran mul'ate. Kunis Paarlaaman biyyattii dhimma walmormisiisaa tokkorratti walmormee murtiin isaa meediyaa addunyaa guute.

San caalaa wanni nama dinqu garuu waan kana dura ta'ee hinbeekne, paarlaamaa biyyattii harka 100 paartin mootummaa qabate jiru kana bakka bu'an irraa abdii kutatuu dhiisee ummanni guyyaa kana dursee bakka buutota bilbilaan cinquu isaati. Kuni seenaa mootummaa kanaa keessatti kan baratamee miti. Biyyoota gara dhiyaa kana malee biyya keenyatti bakka buutota san ummanni keenya, bakka nu bu'an jedhee waan amantii irraa hinqabneef isaanuu dubbisuu hinbarbaadu, dhimma kiyya paarlaamaa keessatti naaf dubbatu jedhee abdii irra hinkaahun ture.

Haata'u malee namni hedduun guyyaa Bitootessa 2, 2018 akka murteessatti eegaa ture. Namni hedduunis waan eege dhabee, labsiin yeroo muddama (LYM) cubbuudhanis ta'u darbee, namni hedduun waan lama balaaleffate:

-  Paarlaamaa san kan dursu af-yaa'in Abbaa Duulaa Gammadaa lakkoofsa waliin dhahuudhan murtii kufe darbe jedhe

- Namoonni Oromoo ta'anii LYM kuni Oromoo fixuuf akka barbusagalee kennanitti aare

 Wanni tokko garuu dursee adda bahuu qaba. LYM kana DHDUOn akka dhaabatti mormite moo namoota muraasatu keessaa morme?

Namni tokko tokko DHDUON akka dhaabatti LYM kana akka mormite, haata'u malee namoonni tokko tokko maqaa dhahuudhan DHDUO keessaa akka diina cinaa hiriiran akka labsii kana deeggaran dubbatu. Dubbiin kuni dhugaarraa fagoodha. Sababiin isaas:

- DHDUOn osoo LYM kana mormite ta'ee Lammaafi Dr. Abiyyi gadi bahanii Agaazin ajaja komand postiin yeroo Naqamte, Dambi Doollofi bakka adda addaatti ummata fixu balaaleffachuufi nuti Agaazii kana hinaffeerre, naannoo keenyas too’achuu hindadhabne jechuutu irra ture.

- Miseensonni paarlaamaa Oromoo hundumtuu (178) DHDUO bakka bu’uudhan filatamanii achi jiru. Isaan keessa tokkichuu dhaaba mormituu bakka hinbu’an. Kan calaqqisiisanis ejjennoo dhaaba isaaniti. Kanaafuu, osoo DHDUOn dhugumaan LYM kuni akka kufu barbaaddi ta’ee silaa miseensoni kuni hundumtuu guyyaa murteessaa kana walgayicha hafuu hinqaban ture. Amma garuu harka irra caalan walgayicha hafan. Iilmi Tigree tokko manatti hinhafne. Kan sagalee labsii kana kuffisuuf kennus hedduu ta’a ture tokko tokko diinaf bitamanis.

- Odeeffannoo hamma ammaa jiruun guyyaa labsiin kuni murtaahu dursee Lammaaf Dr. Abiyyi akkasumas koree olaanon DHDUO bakka bu’oota kana walitti qabanii akka LYM kana dabarsan gaafachaa turan. Waldoorsisaafi walitti dheekkamaa turan.

Kana hundumaa walitti qabnee yoo laallu namoonni tokko tokko DHDUO keessaa LYM kana mormanis DHDUOn akka dhaabatti labsii kana hinmormine. Wanni nama dhibu garuu labsiin kun MNO aangoo inni qabu mulqee hojii maleeyyii kan isaan godhu ta’uu isaati. Osoo kana beekan labsii kana dabarsuun isaanii immoo DHDUOn dhaaba saba Oromoo caalaa ABUT/TPLF jiraachisuuf dalagdu ta’uu mul’isa ykn ajaja ABUT ala homaa gochuu dhaaba hindandeenye ta’uu addeessa.

Oromoon qabsoon isaa sadarkaa addunyaan isa dhaggeeffattu kana kan gahe, qalbii siyaasaa addunyaa hawwatu kana dhaqqabe qabsoo DHDUOn gaggeessiteen osoo hintaane qeerron lubbuu ofii kaffaleeni. DHDUOn gaafa qeerron, qarreen, jaarsaa jaartin bahanii karaarratti Agaazin fixu diina waliin dhaabatanii qeerroo yakkaa turuu isaanii hindagatamu. ABUT Oromiyaa keessatti humna dhabuu ofii gaafa beektu hogga DHDUO qeerrodhaan gitan dargaggeeyyii as baaftee ummata Oromoo afaanin itti fakkeessuu eegalte. Oromoonis filannoo biraa wan dhabeef, hoggantoonnii KFO waan hidhaa jiraniif, dhaabolii ala jiran irraa eegee waan dhabeef DHDUO jijjiiramtee kan Oromoo ta’uu hawwee fudhate. Haat’u malee garuu fuuldureen Oromoo hiikkan isaa kara DHDUOtiin akka hindhufne ifa baheera. Ummanni Oromootis bakka murteessatti eegee DHDUO akka humna hinqabne ykn murannoo hinqabne ykn durumayuu sabaaf hinijaaramin ifatti argeera.

Karaa biraatin eega hogganni KFO hidhaadhaa bahanii as kan duraan DHDUO duuba hiriire marti hoggantoota KFO gaafachuu, deeggaruufi ummanni simannaan jara kanaaf godhe DHDUO abdii ummanni na deeggare jedhu jalaa buusee akka warruma irraa dhalattetti galtuuf akeeke fakkaata.

Fuuldureen Oromiyaafi saba Oromoo harka DHDUO osoo hintaane harka qeerroo jira. Hoggantoota KFOtis yoo feete ABUT deebiftee hidhuu dandeessi. Kanaaf hireen saba Oromotif hafe qeerroo qofa.

wanti yeroo hedduu dagatamu tokko garuu DHDUO bakka bu'anii Prezidaantii, Af-yaa'ii fi ministeera kan ta'an kuni kan tajaajilan wayyaanee ta'ullee addunyaan akka waan Oromoodhaf dhaabbataniif bakka bu'iinsi isaanii Oromoorran miidhaa guddaa qaba. Addunyaan Oromoon dhugumaan bakka bu'oota mootummaa kana keessaa qabdi kan jedhu hedduu Oromoo miidhara. Sababiin isaas akkuma agarru isaan garaa ofiitif qofa wayyaanedhaaf ergamu malee mirga Oromoo prezidaantin, Af-yaa'ii fi ministaroonni suni yoo dubbatan hinagarre.

Karaa biraatin ABUT tapha siyaasaa biyyoota dhiyaa kana waliin baroote 1970 fi 1980 keessa taphattee itti milkoofte kan gama Rusiyaafi Ameerikaa jidduudhaa waa buufachuu sanitti deebitee jirti fakkaata (cold war). Torbee kana ministeerri haajaa alaa Ameerikaa Tophiyaa daawwachuu dhaqaa jiru. Torbee dhufu immoo ministeerri haajaa alaa Rusiyaa biyya Tophiyaa daawwatu. Biyyi Toophiyaa daandii murteessarra jirti. Kana keessatti haala siyaasaa gaafa Afrikaa yeroo ammaa kana keessaa jiru keessatti namuu gahee ofii qabaachuu barbaada. Kanaaf hiree Tophiyaa fuulduraatis kan murtaahu ummata biyyattii san qofaanii miti. ABUT tooftaa dur itti qaroomten Rusiyaa fi Chaaynaa qabattee Ameerikaa dorsisuun akka ishiin barbaadde akka deeggaran gochuuf yaalti. Kuni immoo sakaallaa qabsoo Oromootif saboota Topphiyaa hundaati.

 Bitootessi seenaa biyya sanii keessatti murteessadha. Torbeewwan as deeman Bitootessa bara 2018 keessaa kuni seenaa biyyattii saniitif murteessadha. Yookan ABUT wabii yakka kana dura hojjetteef akka itti hingaafatamneef argattee hiikkon dhufa yookan Ruusiyaaf Chaaynaa qabattee ammaa achi komand poostidhaan biyya san bittuuf yaalti. 

Haata’u malee Oromoo abshaalomuu qaba. Qabsoo kana kophaa osoo hintaane saboota biraatis itti gurmeeffatee diddaa lagannaa gabaa, diddaa hojii dhaabuu kkf diinagdee biyya sanii dugda kutuu qaba. San booda waraanni biyya sanii dubbii jijjiiruu jalqaba. San booda walitti garagaluun dhufuu mala. Fuuldureen Oromiyaa hiikkoo argachuu mala. Kunimmoo fuulduree Tophiyaatifis murteessadha.


Featured Post

Raadiyoo Damablii gabaabaa

Odeeffaannoo baadiyyaa dhaqqabsuuf tamsaasa raadiyoon dambalii gabaabaa qabaachun murteessadha. Ummata keenyaa dammaqsuun maalumaafuu mur...