Monday, May 9, 2011

Oromoo ammallee

Oromoon ammallee taa'ee wal hamachuudhan yeroon ofii fixuu hinqabu. Dhalli haaran qabsoon waa buusa jedhee eegee dhabee, ifatee jira.
Waayee qabsoo midiyaadhan itti lallabamu malee qabatamaan wal nyaachurra darbamee wanni mul'ate hinjiru. itti qabanii yoo laalan tafkiin ija qabdi jedu. Itti qabnee yoo laalle dhaaboleen alagaa kan kaleessa qabsoo isaanii jalqaban dhageettii addunyaa argachaa jiru. Biyyoonni humna qaban ofitti qabanii dubbisu, maal isinii goonu jedhanii qarqaaru.
Nuti hoo Oromoon maalif alagaa irraa marartee dhabne?
Sabanii isaatif ofii waliif marartee waan dhabneef ta'a jedheen yaada.
Dhalli Oromoo har'a biyya keessatti yoo guyyaa guyyaadhan ajjeefamu, hidhamu, reebamu marartee tokko hinqabnuuf. Kanas kan mul'isu isaanif jennee waliif obsinee fuula gara nyaaphaa deebisuu dadhabuu keenyarrati.
Osoo marartee saba keenyaf qabaannee wal hinyaannu, haalli sabni keessa jiru nutti dhagahama, nu adoocha, nu guba, nu waadda ture. Teenyee ofii wal nyaachudhaaf yeroo hinqabnu. Ammaa achi walirratti duuludhaaf daqiiqaa tokkollee kan nu hafe hinjiru. Yoo boru hinbeeknee, kan har'a garaadhaf du'u ta'e malee.
Kan yoo sabni isaa ajjeefamu gammadu waan jiru hinfakkaatu, kan qalbiin fayyaa hintaane malee.
Oromoon ammallee, taa'ee walirratti bobba'uu hinqabu-diinarratti malee!
Galmoo

Featured Post

Raadiyoo Damablii gabaabaa

Odeeffaannoo baadiyyaa dhaqqabsuuf tamsaasa raadiyoon dambalii gabaabaa qabaachun murteessadha. Ummata keenyaa dammaqsuun maalumaafuu mur...