Saturday, August 18, 2018

Dhaabotiin siyaasaa Oromoo – Waligaltee godhachuu


Dhaabotiin siyaasaa Oromoo kan seenadhaan qofa osoo hintaane amma lubbuudhan jiran walitti dhufanii dhaaba cimaa lama ykn sadi ijaaran hawwii Oromoo hedduuti. Akkuma mediyaa irraa argaa jirrutti Oromoo hawwii ofii kana ibsachuurra darbee walgayiif seeminaara qindeessuudhaan akka walitti dhufan haala mijeessaa jiraachuu agarra. Kana keessa kan ganna dura barattoonni Universitii Finfinnee qindeessan marii jalqaba gaarii ture. Ammas marii mediyaa irratti dhimma kana kaasun warri itti dhimman hedduu galata qabu. Kanatti dabalataan Waldaan Qorannoo Oromoo (OSA) sagantaa ofii kan baranaa dhimma kana godhatee ture. Marii bareedatu gaggeeffame dhaabotiin akka DHDUO keessaa hafanis.
Walitti dhufeenya dhaabotii siyaasaa kana akkanumatti dimshaashaan dubbachuun hiikkoo hinfidu. Hiikkoo kan fidu sirriitti babbaysanii walitti dhufuu dura waan ta’uu qabu laaludha.
Dhaabotiin Oromoo asii gadii kuni yeroo ammaa kana akka dhaabatti walcalanis socha’aa jiru.
1.       ABO shanee Gumii (Jaal Dawud Ibsaa)
2.       ABO Tokkoome (Jaal Jaarraa Abbaa Gadaa)
3.       ABO QC (Jaal Galaasaa Dilboo)
4.       KFO (Dr Mararaa Guddinaa)
5.       DHDUO (Dr Abiy Ahmed)
6.       ATWO (G. Kamaal Galchuu)
7.       ADO (Obbo Leencoo Lataa)
Dhaaboliin kuni walumatti garuu yoo akka dhaabatti keenye:
1.       ABO
2.       KFO
3.       DHDUO
4.       ATWO
5.       ADO
Dhaabolii kuni shanan walitti dhufanii lama ykn said ta’uu dura garuu hidhaa keessa jiran hiikkachuutu isaan barbaachisa. Dhaaboliin kuni harki irra caalan dhaabolii saboota biraa waliin waliigaltee qabu.
1.       ABO (waliigaltee PAFD- kanasa dhaabolii OLF, ONLF, SNLFt, GPLM, BPLM)  
2.       KFO (Medrek – waliigaltee OFC, ESDP, SEPDC)
3.       DHDUO (EPRDF – dhaabolii- OPDO, TPLF, ANDM, SEPDF)
4.       ATWO (kuni garuu walitti makamuu daabolii sadiiti gaaridha- KWO, ATUO, FIO)
5.       ADO (waliigaltee – Ginbot 7)
Dhaabotiin Oromoo shanan kuni dhaabotii saboota Toophiyaa waliin akkuma olitti kaahame kana waliigaltee godhataniiru. Haata’u malee garuu waliigaltee isaanii kan dhaabota saboota biraa waliin qaban kana dura dhaabotii Oromootin waliif galuu qabu. Waliigalteen isaan amma dhaabotii alagaa waliin qaban kuni yoo kan waliigaltee uumuf hawwan kana kan daangessu ta’e sakaallaa san keessaa bahu qabu. San booda walitti dhufuudhan akka hundee aadaa Oromoo sirna Gadaa ka’uumsa godhachuudhan ijaaramuu danda’u. Dhaabotii xiqqeessudhaan kan walitti makan eega makamanii booda kan ciminaan ijaaraman lameen ykn sadeen agoobara tokko ijaarrachuu danda’u. Egaa Tokkummaa Dimokiraasii Oromoo haaraa ijaaramu kanatu yoo barbaachisaa ta’e dhaaboii halagaa waliin gala.
Yeroo ammaa DHDUOn kan biyya bulchaa jiru EPRDF waliin waliigalteedhan filatameeti. Kuni waliigaltee inni godhurratti haala biyya gaggeessuu irratti maal fida inni jedhamus akka mootummaan kuni ammaaf hindigamne laalun gaaridha. Qorannaa gahaa gochuun akka waliigalteen kuni hindiigamne godha. Dura qorachuuf gareen dhimma kana hojjetu itti dhimmu ijaaramuun hedduu barbaachisaadha.

Featured Post

Raadiyoo Damablii gabaabaa

Odeeffaannoo baadiyyaa dhaqqabsuuf tamsaasa raadiyoon dambalii gabaabaa qabaachun murteessadha. Ummata keenyaa dammaqsuun maalumaafuu mur...