Thursday, June 29, 2017

Lafa Oromoo saamun eenyufuu hinhayyamamu

Lafa Oromoo saamun eenyumaafillee hinhayyamamu
Yeroo ammaa kana qotee bulaa Oromoo irraa lafa saamun seeran ala, dhara, cubbuudha, dhiibbafi miidhadha jenene mediyaa argame mararratti lallabaa jirra, namuu yaaddoofi sodaa tokko malee dubbata.
Ofii lafa qotee bulaa kan gatiin mi’aaye, kan saamanii manaafi iddoo daldalaa irratti ijaarataa jira keessattuu lafa Finfinnee marsee jiru ta’uu ifaadha.
Kanarraa kan ka’e abbaan biyyuummaa Finfinnee kan oromooti, kan qotee bulaa irraa fudhatame saniiti jennee afaan guunnee dubbanna.
Warri Galaan, Warri Ganuu, Warri Alloo, Warri Qaalluu (Qaalittii) war, Warri Tufaa Munaa, Warri Abeebee Tufaa, warri Gullallee, warri Bulbulaa, Gosti Oromoo Tuumaa sadeenii walumaagalatti Naannaa Finfinnee san qubatee ture lafa isaa qofa osoo hintaane gosa isaa, sanyi isaa dhabe.
Kanallee Masterplaniin yeroo lama itti dhufe. Masterplaniin inni jalqabaa bara 1879 (waggaa 137 har’aa) itti dhufe. Gaafas qawwee qabatee warri Minilik Oromoo lafarraa duguugee kaan ajjeesee, kaan gubee, kaan jaji’ee qayee isaatirraa buqqisee lafa maqaa jijjiiree “Addis Ababaa” jedhee itti moggaase. Oromoo harka kennuu didee SHAGGAR jedhee maqaa masoo itti baase.
Masterplaniin lammeessoo immoo bara 2015 keessa itti deebi'e. Hedduu kanattis irraa hindhaabbanne.
Lafa buqqa’uun Oromoo qofaratti hinjalqabamne. Saboonni gabrummaa jalatti kufan hedduun isaanii akkanuma lafa ofii dhaban. Garuu jaarraa 21 keessatti guyyaa adiidhan lafa isaanitirraa buqqa’anii yoo darbaman fuula AU, fuula UN fi US akkasumas EU fuulduratti nama dinquu danda’a. Waajjiraalen gargaarsa fi bakka buutonni motummoota addunyaa Finfinnee keessaa waajjira qaban akka waan hinagarree ija qabatanii gurra qabatanii callisan.
Oromoo fagoo jiru yoo gosa isaa saamamaa jiru, biyya isaa ciramaa jiru kanaaf jedhee iyyee ajjeefamu akkan waan hinagarree callisan.
Kan isaanii (alagaan) callise qofti nama hindinqu. Oromoonis kan saamicha qabeenyafi saamicha lafaa kanatti hirmaachaa jiran lakkoofsa hinqaban. Warri biyya keessaa malaammaltummadhan Tigree waliin hiriiranii daldaltoota lafaa ta’anii qotee bulaa sossobanii, dorsisanii, boruu mootummaan sirraa fudhataa gurguri jedhanii lafa sanyii isaanii qircacha jiran hedduudha. Oromoon alarraa galanii saamicha Tigree kanatti hirmaataa jiran (Disapora) hedduutu jira. Yeroo biraa qabsaa’aa fakkatu, isaan malee waayen qabsoo oromoo hinta’u asumaan immoo Burayyuu, Sandaafa, Dukam, Galaan, Finfinnee keessaa lafa saamichaan gurguramaa jiru kana saaman. Diinni gaafa saamu waliin saamu.
DHDUO (OPDO) akka waan gaarii gootee barsiisotafi hojjettoota Oromoo ta’aniif lafan qooda jetti. Ajab! Lafti kuni kan eenyuti qoodanii? Eenyurraa fuudhanii, eenyuf kennuu? Inni saamichaa mitii? Yoo Oromoo ta’e saamun isaaf hayyamama jechuudhaa?
Gaafii hunduu akka waan hinbeeknee irra utaalu kana mee haa kaafnu. Oromoo yoo ta’e lafa qotee bulaa Ollaa Finfinnee saamun isaaf hayyamamaa? Maasaa Xaafii abbaa tokkoo keessatti mana ijaarrachuu eenyutu isaanif hayyame? Samicha addaa burree hinqabu.

Dhimmi kana mediyaan keenya hinqaana’inaa, yoo mana saamichaan ijaarame qabaattanis himatanii cubbuu bahuu wayyaa. Kaasaa haa hasofnuu. Boru rakkoo qabaa. 

Finfinnee

Dhimma Fifinnee laalchisee tibba kana haasaa oo'adha. Akkuma yaadannu mootummaan Wayyaanee ji'a lama dura beekaa oduu loote fakkeessee labsii dhimma Finfinnee (faydaa addaa Finfinnee) jedhu gadi lakkisee ture.
Kunillee miira Oromoo laaluf ilaalcha jiru tilmaamuf ture. Biyya keessattis ta'ee biyya alaaltitti dhimma abbummaa Finfinnee laalchisee marii bal'aan ta'aa ture. Ammas irra deebi'ee gaafa 26.06.2017 labsii mana marii Ministeerota baase isa jedhuun "Faayidaa addaa Oromoon Finfinnee" irraa qabu jedhanii baasan haasaa'aa tibbanaa ta'eera.
Mediyaa adda addaa irratti gaggeeffamu irraa akka laallutti Oromoon yoo DHDUO hinta'in hunduu Finfinnee irraa faydiaa addaa osoo hintaane Finfinnee mataan ishii kan Oromoo ta'uudha. Biyya ofii irraa dantaa addaa maal eegganna inni jedhu bakka maratti gaafii kaasaa jira.

Oromoon wayyaanee waliin falmiin qabu dhimma Finfinnee qofaa miti. Osoo wayyaanen Finfinnee keenya gooteyyuu Oromoon deebii argate jechuu miti.
Oromoo har'a:
1- Ummanni kumaatamaan lakkaahamu ajjeefamee jira
2- Lammiiwwan keenya kumaatamaan hidhaa jiru
3- Barataan hedduun mana barumsaatii ari'amanii jiru
4- Qotee bulaan keenya kumaatamaan lakkaahamu lafa isaa irraa buqqa'ee ormi lafa isaa gurgurachaa jira.
5- Hoggantoonni Oromoo hidhaa jiru. Kan mirga Oromoo dubbate hundi hidhaatti guurama.

Oromoon mirga ofii seeran gaafate marti ykn ajjeefamuu ykn hidhamuutu isa mudata.

Osoo haalli kuni akkanatti jiruu har'a Oromoo waayee masterplan Finfinnee qofaa dubbachuu hinqabu. Mirgi addaas ta'ee abbaan biyyummaa nuti Finfinneerraa qabnu dhuma qabsoo keenyatii miti. labsii ofii kana keessatti Wayyaanen ammas yoo barbaachise qotee bulaa keenya akka lafa isaanii irraa buqqa'an ifa godheera.
Lafti naannoo Finfinnees ta'ee bakka biraa buqqisaa jirti. Biyya keenya osoma ijaan agarruu saamamaa jirra. Wayyaanen dhimma xixiqqoo yeroo yeroon nuun qopheessaa akka nuti isarraa wacnu godhaa turti, waan ofii barbaaddu godhaa deemti.
Gaafin Oromoo har'a waayee mirga xixiqqoo osoo hintaane gaafii abbaa biyyumaati. Saba keenya ficcisiifnee, ummata hidhaatti gannee har'a mirga xixiqqoo qofarratti wacuun keenya hiikkaa hinqabu.
Ummanni Oromoo walqabatee ka'ee mirga abbaa biyyummaatif falmachuu qaba. Akkuma qabsoo biyyoota biraa dhumee dhumarratti mirga ofii argata.

Friday, June 16, 2017

Sochii Oromoo biyya alaa maaltu sakaalaa?

Morkkin jireenya hawaasummaa, sochii siyaasaf diinagdee keessatti hedduu barbaachisaadha. Morkii gaarii, kan waloo, kan jibba hinqabne, kan wal gitaa waan barbaachisu.
Haata’u malee sochii Oromoo biyya alaa jiru kana biratti keessattuu sochii siyaasaa keessatti morkii waliin osoo hintaane tokko badee ana qofa jiraata morkii jedhu fakkaata. Akkaatan maqaa itti walxureessuu, akkaataa waan maraa anatu godhe malee namni biraa keessa hinjiru jechuu, warra biraa akka jibbamu gochuuf yaaluu, diinaf wal saaxiluu jiru yoo laalle hedduu nama yaaddessa.
Mee morka bara darbe kana dhaabota siyaa Oromoo jidduu jiru haa laallu. Kanumatu irraa mul’ata.
Mee ijaarsa ykn gurmuuwwan ijaaraman haa laallu
Mee mediyaa Oromoo haa laallu
Mee namoota jalee gareewwan kanaa ta’anii nama arbsaa oolan haa laallu waan boruuf ijarsa ta’u osoo hintaane waan lamuu walitti hindeebinu fakkeessuf yaalu.
Egaa gabaabumatti sochii biyya alaa kan bu’aa hedduu ummata keenyaf buusuu danda’u kanatu inaaffaa walirratti ta’ee sakaalee qabee taa’a. Tokko yoo waa hojjete tokko dura gora. Tokko yoo mala haaraa fide kuun jalaa kuffisa, waanuma waliigalteen hinjirreef malee sababa gahaallee hinqabu. TV tokkoo diinni yoo uggure kuun itti gammada-diina waliin itti gammada.
Egaa inaafatu sochii biyya alaa kana sakaalee, lugamee qabe.
 Malli hoo maali ree?
 Sochii biyya Oromiyaa keessatti ta’aa jiru kana laalchisee:
 Mee koottaa akkana haa goonuu!
Anatu ummata dhammaqse
Anatu ummata fincilaaf kakaase 
jenne kanarratti walqoccoloo haa dhiifnuu.
Ummanni ofumaaf isa gahee, gidiraa, cubbuu, miidhaa, hidhaaf ajjeechan isa kaasee jenne dhugaa ofitti haa himnuu.
San booda ammas nu eegaa jennee ummata keenya sakaaluu haa dhiifnuu.
Ummanni akka ofirratti hirkatee qabsoo ofii gaggeessu haa jajjabeessinuu.
Anatu dhufee bilisa si baasa jenneetis ummata abdii hinjirre kennuufii haa dhiifnuu.
Humna diinagdee walitti qabnee saba keenya bira ha dhaabbannuu!
Jabaadhaa, ka'aa jennee karaa duraa haa gorruu. Yoo dandeenya ta'e ala kana teenyee aangoo tarii boru dhuftuuf wal nyaachuu haa dhiifnuu.
Yoo dhiira/Qeerroo/Qarree/dubartii dhugaa taane gallee ummata bira haa dhaabbannuu.
Yoo lugna taane immoo afaan keenya haa qabannuu.
Internetii irraa lola haa dhiifnuu.
Tarii yoo waaqni qalbii nuuf kenne tajaajila interneetii kana waan ummata keenya jabaassu, waan dipilomaasii gargaaruf haa oolchinuu.
Walbarsiisuf haa itti fayyadamnuu. Sammuu keenya qaruuf itti dhimma haa baanuu. Aadaa fi duudhaa keenya kan oromuu dharra'ee barataa jiru kana walirraa haa barannuu. Aadaa fi duudhaa keenya diinni itti bobba’ee balleessuf deemu kana ittiin haa qolannuu.
Mee koottaa akkana haa goonuu!
Ummanni keenya akka ofirratti irkatee lolatu haa deeggarruu.
Yaa Waaqi nama ummata badii malee dhumaa jiru kana dura dhaabbatu ati bisaasessi, balleessi, tasa buqqisi.... Amiin!
Hoo bishaan kee fidi wayaa koo!

Featured Post

Raadiyoo Damablii gabaabaa

Odeeffaannoo baadiyyaa dhaqqabsuuf tamsaasa raadiyoon dambalii gabaabaa qabaachun murteessadha. Ummata keenyaa dammaqsuun maalumaafuu mur...