Tuesday, February 13, 2018

Qabsoo Oromoo - hiikkaa yeroo dheerraa

Akkuma argaa jirru yeroo ammaa Wayyaanen hidhamtootan hiika jettee waadaa galtee jirti.
Haata'u malee ummata walitti qabdee jimlaadhan hiite keessaa takka takkaan gadi dhiifti. Namoota adda baaftee kaan sababa itti barbaaddee hidhaa tursiifti.
Karaa biraatin jijjiirama fidaa kan jirru nuyi, karaa seeratiin rakkina hiikuf socho'aa jirra jedhee kan dubbatu warra DHDUOti. Akka isaanitti suutu suuta jijjiirama fiduu waan danda'aniif mormiin, diddaa fi fincilli biraa hinbarbaachsiu.
Haala qabataamdhan jiru yoo laalle immoo yeroo ammaa kana yoomuu caalaa ummata daangaa Somaalerraa buqqa'an kaampii keessatti wayyaanen rasaasan fixaa jirti. Oromoon maal fida jettee ummata xiiqii keessa galchaa jirti. Hidhamtoota silaa hiikuf waadaa galtes hiikuu dhiiftee sababa adda addaa tarreessaa jirti.
Gaafin amma jirtu garuu wayyaanen kadhaadhan ykn akka DHDUOn jedhu kana karaa nagaatin rakkina kana hiikuf fedhii qabdii isa jedhu.
Hojii Wayyaaneen hojjechaa jirtu yoo laalle yeroo ammaa kana rakkina biyya keessatti dhalate kana karaa nagaa hiikti abdiin jedhu hinjiru. Fincila, diddaa, lagannaa gabaa gochuudhan osoo ummanni keenyas hinmiidhamin duraa duuban haala itti fufiinsan qabuun dhiibbaa gochuun hedduu murtessadha. Kana hinta'u taanan garuu wayyaanen guyyaa guyyaadhan ummata keenya fixaa, jijjiiramni eegnu sunillee hindhufu.


Featured Post

Raadiyoo Damablii gabaabaa

Odeeffaannoo baadiyyaa dhaqqabsuuf tamsaasa raadiyoon dambalii gabaabaa qabaachun murteessadha. Ummata keenyaa dammaqsuun maalumaafuu mur...