Sunday, April 12, 2009

Eessaa Karam

Kitaabni magaalarra oolera!




Seenaa Qabsoo Oromoo xiinxaluudhan
Qabsoo Oromoo kan biyyoota biraatin walbira qabuudhan
Gadaan akkamitti Oromoo akka bulchaa ture xinxaluudhan
Haala yeroo ammaa dhaaboliin siyaasaa Oromootifi ummanni Oromoon biyyattifi alatillee keessa jiru xiinxaluudhan,
Mala Marii isiniif dhiyeessa.

Kitaabni kuni magaalarra oolera.
ajajachuuf :
tulluugalmoo@yahoo.com quunnamaa!

Thursday, April 2, 2009

Halagaan bara meeqa nu bituuf?

Halagaan waggaa meeqa Oromoo hacuucudhaaf karoorfataa jiraa?

Oromoon gaafa dura hacuuccaa Yohannisifi Minilik jalatti kufu namni waggaa meeqa akka Oromoon hacuucamaa jiraatu tilmaame har’a hinjiru ta’a. Haata’u malee namni bara 1991 haala siyaasa biyya sanii beeke garuu wayyaanen waggaa hedduuf akka biyya san qabattee turuu hindandeenye tilmaame hedduudha. Namni hedduun Wayyaanen waggaa 2-3 caalaa biyya san qabattee akka turuu hindandeenye tilmaame. Sababiwwan akka wayyaanen osoo hinturin kuftu nama tilmaamsisee ture keessayis
Keessattuu sabni Oromoo yoomuu caalaa dammaquu
Si’aayina Dhaabileen Oromoo yeroo san qaban
Sochii dargaggoonni Oromoo godhan
Sabni xiqqoon saba bal’aa kana qabachuun hindandeessu-akka galaanaa irra garagaraa amantii jedhufi kkf ture.
Kanarrti hundaayee namni hedduun doggoggora tilmaamee ture. Ta’us har’a wayyaanen biyya Oromoo eega qabattee kunoo waggaa 20f deemti. Ammas yeroo dhiyootti gadhiisisuuf haala jiru argaa jirra nu martuu.

Sabni mil.3 hincaalle har’a saba mil. 40 caalu dhiittee bituun nama dhagaye hundaa amanuu dhoowwa. Kana amanee fudhatu nama keessa keenya sirriitti hubatee beeku qofa. Innis Habashaan bara Minilik akkamitti Oromoo qabatee ture isa jedhutti nu deebisa

Abshaalumaadhan biyyoota Awurooppaa waliin waliigaltee gochuudhan meeshaa yeroo saniif kan Oromootirra caalu argachuu isaanii
Oromoo keessaa jabaa qabatanii Oromoo wal rukuchiisudhaan (fkn Gobana Daacee)
Kaan faarsaa fira fakkeeffachuudhan kaan rukutuudhan (fkn Kumsaa Morodaa)
Oromoo jidduutti shakkiifi mamii uumanii wal amantii dhoowwudhaan bara san qofa osoo hintaane baranaafuu milkaa’an.

Bara 1992 namni maqaa isaa hinyaadanne tokko haasa’a waayee fuuldrua biyya sanii laalchisee godhe keessatti- “dirqama waggaa 100 dhufuuf hojjetan kennineefiira”- jedhe.

Oromoodhafis alagaan waan inni waggaa dhibba darbe gargar isa fageessaa ture kennee tureeyii? Amma hoo haala keenya nu jala deemee hordofaa maal taanurratti osoo hintaane maal walgoonurratti akka xiyyeeffanuuf hojii nuuf baasaa jiraa diinni?

Bara ammaa kanas wayyaanen Oromumaan Oromoo hacuuccee qabachaa jirti. Kunis tooftuma waggaa 100 dura akaakayyooni isaanii ittiin Oromoo qabatanii turanitti fayyadamuudhan:

DHDUO ijaaranii saba Oromoo irratti bobbaasudhaan
Kaan faarsaa kaan abaarudhaan, balleessudhaan, hidhuufi ajjeesudhaan
Abshaalomaan gargaarsa biyyoota biraa irraa argachuudhan
Qabeenya keenya buna, warqii, lafa Oromoo gurgurachuudhan meeshaa waraanaa bitachuudhan
Hayyoota siyaasaa qaxaratee Oromoo qorachiisee tooftaa waggaa dhibba biraa ittiin Oromoo bulchu Oromuma keessa taa’ee itti malachuudhan; haala baraa waliin jijjiirrachaa mala baafachaa Oromoodhaf immoo dirqama inni ofirratti hinbeekne kennaafii jira.

Haala amma jirru kanaan Oromoon dirqama diinni qopheessef dhiisee karoora mataa ofii bafatee socho’uuf hagam qophaaye?

Diinni Oromoo karaa teknolojii ammayyaa fayyadamuudhan PALTALK/internet forum gara garaatin haala irra jirru hordofuudhan osoo horii guddoo hinbaasin haala Oromoon keessa oolu hubata. Eessa akka jiru beekee ‘isaanuu fagoo jiruu-walabaarurra hintarree’ jechuun hafuura dheeraa bafatee tooftaa bara fuulduraa akkamitti akka Oromoo wal nyaachisee waliin xaxu qopheessa. Diinni namaa kan yaadda’u yoo namni haala irra jiru wallaale qofa.

Kana keessaa bahuuf Oromoon beekaa, hayyuu, baayee qaba. Garuu waldhagahuu qaba.
Leenca lolaa, goota hedduu qaba- garuu karaa kan akeekufi kan qajeelchu jiraachuu qaba.

OROMOO! Diinni keenya fuulduratti bara meeqa nu bituuf akka qiyyaafachaa jiru beeknayii?
Kutaa biraatin walitti deebina.

Simbirroo

Featured Post

Raadiyoo Damablii gabaabaa

Odeeffaannoo baadiyyaa dhaqqabsuuf tamsaasa raadiyoon dambalii gabaabaa qabaachun murteessadha. Ummata keenyaa dammaqsuun maalumaafuu mur...