Sunday, May 27, 2018

Biyya teenya deeffachuuf Kora Oromoo barbaachisa


Biyyi takka jiraachuf lafa, ummata, afaan, aadaa, seenaa kkf qabaachun bu'ura dubbiiti. San booda immoo biyya san kan bulchuuf sirna ittiin bulchu qabaachun immoo jiraachuu biyya saniitif hundeedha.
Oromiyaan waggaa gara 150 harka alagaatin bulaa turuu waan hedduu ragaa barbaadun nama barbaachisuu miti, waan addunyaan marti beektu waan ta'eef. 
Waggaa dhibbaa ol akka Oromoon fedhutti osoo hintaane akka halagaan fedhuttif isaanif tolutti qajeelchanii nu bulchaa turuun isaanii gaafii hinqabu. Oromoonis alagaadhan buluuf qabeenya isaa samamu kanarratti falmaachaa turuun waan hedduun keenya keessatti guddanne.
Egaa falmaan biyya Oromiyaa deebisanii ijaarrachuu suni deemee amma waan fiixerra gahe fakkaata. Biyyi Oromiyaa akka gaafa waggaa 150 dura Gadaadhan bulaa turtee san amma immoo Gadaan haala hammayyoomen qaramee ittiin buluun sirna namni hedduun hawwu.
Yeroo diinni nu bulchaa ture waan dhabne keessaa:
- Gadaa
- Biyya keenya
- Qabeenya keenya
- Aadaa keenya
- Afaan keenya
- Amantii keenya
- Siyaasaa mataa keenyaa fi kkf

Amma biyya keenya deebifnee ijaarranna ykn harka halagaa jalaa baafnee ofiin of bulchina jennee ifaajee bara dheeraa, lubbuu qaqqaalii hedduu itti dhabne. Kuun jiruuf ofii, maatii ofii, bultii ofii itti dhabe. Kuun biyyaa bahee badheerratti dhume, kuun biyya keessatti manneen hidhaatitti affeelamaa ture, jiras. Gadadoon ummata keenyarra gahaa turu waan duranaaf seena barreessitooni galmeessanii kaahan ta'a.
Amma garuu yeroo murteessaa irra geenyee jirra. Innis yeroo alagaa harkaa biyya keenya deeffachaa jirutti. Kanarra gahuudhaf wareegama kaffalames nu martuu nibeekna.
Gadaan keenyas deebi'aa jiraachuu mallattoo heddutu jira. Biyya keenyas nu harkatti deebi'uus karaarra jira. Qabeenya keenya ammas halagaatu harkaa qaba. Kana deeffachuuf hojii cimaa barbaachisa. Aadaa, afaan, amantii keenya kan bade deeffachuuf murannoodhan hojjechuu nu feesisa. Walumaagalatti biyya keenya deebifnee ijaaruf tokkummaadhan akka biyyaatti gurmaahuu nu feesisa. Tokkummaadhan gurmaahuu jechuun dhaabilee keenya kan siyaasaa fi hawaasummaa gurmuu tokkoo waayee biyya keenyatirratti waliif galuun waan hundaa dursa. Kanaaf kora Oromummaa yaammachuun mala boru osoo hintaane har'a godhachuu qabnu.
Biyya Oromiyaa deebifnee ijaarrachuuf dura Oromiyaa akkamii isa jedhurratti waliif galuun murteessadha.
1. Oromiyaa biyya akkamii ijaarranna?
2. Ollaa keenya waliin akkamitti bulla?
3- Saboota nu keessa jiran waliin akkamitti bulla?
4. Saboota biyya Tophiyaa keessa jiran waliin akkamitti bulla?
5. Qabeenya keenya akkamitti deeffanna?
6. Qoodamni qabeenya keenya mootummaa federaalaa keessatti akkam ta'a?
7. Nageenya biyya keenyaa akkamitti tikfanna?
8. Daangaa biyya keenyaa akkamitti tikfanna?
9. Rakkoo wal jidduu jiraatu akkamitti hiikkanna?
10. Dhaaboliin siyaasaa Oromoo bakka bu'an dhimma Oromoo irratti yoo xiqqaate ulaagaa akkamii qabaachuu qabu?
11. Gadaa keenya akkamitti deeffanna?
12. Aadaa, afaan, amantii kkf nu jalaa bade akkamitti deeffanna? Oromoo akkamitti waldanda'ee waliin bula?
13. Dhaaboliin siyaasaa Oromoo kan saba biraa ykn biyyaa waliin yoo waliin galan dantaa Oromoo dabarsanii akka hinkennine maaltu akka ulaagaa lafa taa'a?

Gaafilee murteessoo kana fakkaatan hedduu deebii kennuufii qabnu kan biyya keenya deebifnee ijaarrachuuf murteessoo ta'an jiru. Kana irratti hundaa'udhaan, tokkummaa qeyee Oromoo eega ijaaramee booda qabsoo biyya keenya deebifnee ijaaruu irratti bobbaana.
Kuni akka dhufuuf kan ummanni gaafii dhiyeessuu qabu malee dhaaboliin siyaasaa nuuf guutan jennee waan teenyee eegnu miti.
Yeroo dhaaboliin siyaasaa gaafilee bu'uraa dhiisanii maqaaf waliigaltee bu'ura hinqabne takkaaf lamaan godhatan wanni Oromoon diduufis gaafileen bu'uraa waan deebii hinarganneefi. Gaafilee bu'uraa kanaaf deebii kennuuf dhaabilee siyaasaa lama ykn sadi qofti waliigaluun gahaa miti. Oromoon hundi kan keessatti hirmaatan, yaada nama hundaatuu kan keessummeessu korri Oromummaa kan biyya oromoo deebisee ijaaruu qindaahuu qaba. Kanallee warri Abbootii Gadaan abbummaadhan qopheessuu qabu. Yoo kana ta'uu baate biyya keenya deebifnee ijaarrachuuf alagaa nu saamuf nullee fixaa jiru ofirraa dhaabuf bara dheeraa nu gaafata. Qabsoon lubbuu qaalin itti kaffalame kunis badheetti hafee allaattin nyaachuu malti. Kanaafuu walitti wacuu dhiifnee Kora Oromummaa godhachuun murteessadha. kuni yaada dhuunfaa kotiti.


Thursday, May 24, 2018

Kitaabni kuni yeroo gabaabatti gabaarra oola

QABSOON OROMOO EESSAA KARAM
Barreessan - Asnaaqaa T.Irkoo (T. Goolee)

Maxxansa 4ssoo Caamsaa 2018

Kitaabni kuni maxxansaa haaran yeroo gabaabatti gabaarra oolufi!
Maxxansaa 4ssoo haala yeroo waliin walsimatee fooyya’e gabaarra oolufi.

Maxxansaa jalqabaa kitaabichaa bara 2009 Norway, bara 2013 fi 2014 Finfinneetti maxxanfamee hedduu gurguramee ture.


Kitaabichis:
Seenaa Qabsoo Oromoo qorachuudhan
Qabsoo Oromoo kan biyyoota biraatin walbira qabuudhan
Gadaan akkamitti Oromoo akka bulchaa ture yaadachuudhan
Haala yeroo ammaa dhaaboliin siyaasaa Oromootifi ummanni Oromoon biyyattifi alatillee keessa jiru kan durii waliin walbira qabuudhan,
Haala siyaasaa Oromoo mariif isiniif dhiyeessa.


Kitaabni kuni Yeroo gabaabatti gabaarra oolufi.

Warri raabsuu barbaaddan:
Karaa asii gadii kanaan nu quunnamuu dandeessan:
                hordofaa@gmail.com
              +4799151829
               gipheedhugumaa2008@gmail.com

              +251910423762

Qabsoon Oromoo Eessaa karam

Thursday, May 17, 2018

ADO maalif arriitin biyya galuun barbaachise?

Warri ADO maalif ariitidhan biyya galuu murteessan?
Ji’oota muurasa dura Obbo Leencoo lataa gaafilee kana gaafatamanii turan: Dhuguma amma dhaabni keessa Qeerroo hogganuu danda’aa? Dhaabni biyya alaatii dhufu kuni fedha qeerroo guutuu dandeessuu? Gaafii jedhuuf deebin isaanii fedha qeerroo guutus bakka bu’uus hindandeenyu, afaanumaaf jenna malee jedhanii deebisan. Dubbiin isaas dhugaarraa fagoodha nuti qeerroo bulchuuf yaalun jedhan. Afaanumaaf jenna malee dhuguma amma paartin kumtuu biyya alaatii dhufee biyya san bulcha jennee hinamannu jedhan. Eega hinamaninii maalif amma daddaffiin galluu fedhan ree?
Gaafin lammeesoo immoo ADO waan haaraa maal ummataaf fida? KFOn kan kaayyoo walfakkaataa qabu kunoo biyya jiraa, maalif ADO barbaachise isa jedhu hindeebisan.
Dubbiin sadaffaa immoo Maalif alaabaa mataa ofii hinqabanne, maalif alaabaa ABO qabattan isa jedhuufis deebii hinkennan. Akka miseensonno ADO tokko tokko jedhanitti garuu umrii keenya ABO keessatti waan fixneef gatiin ifaajee keenyaa deeffachuuf alaabaa kana ergifanne jedhu. Alaaban suni kan dhiiga ilmaan Oromootin ijaaramte waan ta’eef ummata biratti jaalatama qabdi isa kana saamufi.
Walitti qabaatti – maalif DHDUOn osoo biyyaa hintasgabbeessin ADO gara biyyaa affeeran isa jedhuuf dubbiin ifa. DHDUOn KFO waliin morkuu waan hindandeenyef hojii isaan ummata gochaa turan ummanni waan beekuf ummata adda qoodanii (KFO fi ADO) morka keessatti bu’aa argachuufi. Kuni hoo DHDUO milkeessaa? Bullee laalla.

Why ODF rushed home before it is settled?
Obbo Lencho Lata asked few months back if his party is really capable to understand the Oromo youth (qeerroo) and represent their interest and if it is realistic for exiled political parties to come home and lead the Oromo people today, he replied, no it is not realistic. He specifically said, I don't believe that we can represent the current Oromo youth. We just talk for sake of talking. This was on a discussion with obbo Lencho Lata.
The second issue is what difference is ODF making or what new does ODF come with when an alternative party OFC is there almost with the same agenda. No answer.
The third is why ODF is not creating its own party flag and on the contrary take OLF flag? There is no answer but many of ODF members claim that they have been OLF members and contributed a lot. They borrow OLF flag as a compensation for their contribution to OLF.
Concluding: why OPDO is rushing and inviting ODF home before they even controlled the country? It is simple, they couldn’t compete with OFC and this is their plan to split the Oromo mass and give balance for OPDO to compete. Will they be successful in that? Let's wait and see.


Wednesday, May 9, 2018

Kitaaba Qabsoon Oromoo Eessaa karam

Maxxansaa haaran fooyya'e yeroo dhiyootti gabaarra oolufi.
Kitaaba kana bara 2009 Norway tti bara 2013 immoo Finfinnee mana maxxansa Elleni P.P.PLC karaa namaa maxxansiisen ture. Manni maxxansaa suni eega cufamee turuu isaa odeeffannoon qaba. Haata'u malee kitaabni kuni ammas biyya keessatti maxxanfamee akka gurguramaa jiru irra gaheen jira. Namoonni kitaaba kana gurguraa jirtan eenyurraa bittannii akka gurguraa jirtan yoo naaf dhaamtan namoota seeran ala gurgurataa jiran kana beekun salphaadha. Kunimmoo boruufis eenyuyyuu gargaara. Hayyee maarree hojii qulqulleessuu kana haa hojjennu kaa.
Karaa biraa kitaaba kana maxxansaa haaran yeroo dhiyootti fooyya'ee kan gabaarra oolu ta'uu isiniif ibsa.

Sunday, May 6, 2018

Band Aid and TPLF


In 1974, there was famine in Northern part of Ethiopia which costed thousands of lives. The then Emperor of Ethiopia, Haile Sillassie hide the famine to cover up for his fame.

In 1984, famine came again in the same area of Northern Ethiopia. Many part of Ethiopia was not aware of the scale of the disaster. The then dictator gov’t tried to hide this from the eye of the world, but journalist Michael Buerk revealed this to the world in his BBC report.

His report caught the attention of Bob Geldof, a singer from Ireland. He took it and mobilized the music world for aid and they organized Band Aid. There was a music recorded by world famous singers and concerts were organized all over the world.

When this was happening, little known in another part of Ethiopia, almost the news was blocked by the dictator government. When the musicians organized aid money and collected millions of dollars and try to delivery help to the famine stricken area, Mengistu Haile Mariam, the Presidant of Ethiopia denied it blaming the then rebels of TPLF and he wanted to punish the people accusing them for harboring the rebels.

Then aid world helped by US gov’t found a link to the rebels and met them in Sudan to agree delivery without the knowledge of the Eth. Government. The rebels came with a sand full of many lorries covering only the upper part with food and showed it as if it was a food cheating the aid workers. They get paid millions of dollars and used it to buy weapon and to fight the government. But it was with a cost of human lives, hundreds of thousands died of famine while we were unaware of it in the other part of the country and the live aid band feeling that they helped, the money was misused by the then rebels TPLF and todays government of Ethiopia. TPLF is a criminal group who cheated the world and killed hundreds of thousands of people. This just come on top of thousands they killed while demonstrating and thousands languishing in prison till today. Just watch the Band aid and BBC documentary.

Interesting story for Sunday.






Featured Post

Raadiyoo Damablii gabaabaa

Odeeffaannoo baadiyyaa dhaqqabsuuf tamsaasa raadiyoon dambalii gabaabaa qabaachun murteessadha. Ummata keenyaa dammaqsuun maalumaafuu mur...