Sunday, December 19, 2010

Ummanni Oromoo Dhaabota siyaasaa irraa maal eega?

Dhaaboliin siyaasaa Oromoo dhugumaan haala ummanni keenya keessa jiru xiinxaluun tarkaanfii haala uummanni keenyaa keessa jiru waliin deemu fudhachuu qaban malee bara baraan abjuu hinguunne itti himuu ummanni dhagahuu ifatee jira.
Ummanni keenya amma maal barbaada?

  • Dhaaba waa fidu malee dhaaba seenafi hawwii itti himuu miti.
  • Dhaaba waa godhu malee ka’aa jedhee kaasee yoo uummanni rukutamu akka ofii waa godhee kan dhaadatuu miti
  • Dhaaba ammatti mala baasee salphinna sabni Oromoo yeroo ammaa kanatti keessa jiru keessaa isa baasuu malee baraan dhaadannoo dhageessisaa kan jiraatuu miti.
  • Qabeenya biyya keenyaa yoo nyaaphni itti bobba’ee kaan saamee kaan gurguratu kan alaa taa’ee oduu himu osoo hintaane kan ummata cinaa dhaabbatee falmu fedha.
  • Dhaaba waan dhaabateef hojiin mul’isu malee maqaa qofaaf ijaaramee yoo birraan bari’u biyyoota ormaa irra naanna’uun Oromoo irraa horii gurrachaa jiraatuu miti.
  • Dhaaba saba ofii cinaa dhaabatee diina yoo xiqqaatee xiqqaate irraa dorsisu malee kan ala taa’ee intarnetiidhaan ibsa baasuu miti.
  • Haala amma itti fayyadamaa jiran kanaan, dhaaboliin raadiyoo ofiitin labsii hedduu tarreessun sabaaf badii malee tolli inni fide hinjiru.

Thursday, December 9, 2010

Gaafifi deebii kitaaba ' QO Eessaa karama' iarratti - VOA waliin

Guyyaa 08.12.2010 Raadiyoo VOA Afaan Oromoo waayee jaarsummaa araara dhaabota Oromoo jidduutti ta'a jiru ilaalchisee barreessitoota kitaabota waayee Qabsoo Oromoo waliin marii taasisanii turan. Qophii Dirree Dimokiraasii jedhumarratti waayee kitaaba Qabsoon Oromoo Eessaa Karama jedhu keessatti haala adeemsa qabsoo Oromoo mariin torbee lamaaf itti fufu jalqabame.

Anis kitaaba kana barreessuf waan kakaase akkasumas bu'urri waldhibdee dhaabota Oromoo maal akka ta'e akka qorannaafi xiinxala kootti qabsoon Oromoo karam qajeeluu akka qabu waanan kitaaba kana keessatti barreesse eeren jira.
xurree asii gadii kana keessaa dhageeffachuu dandeessu.

Kutaa lammeessoo VOA-gaafifi deebii

Featured Post

Raadiyoo Damablii gabaabaa

Odeeffaannoo baadiyyaa dhaqqabsuuf tamsaasa raadiyoon dambalii gabaabaa qabaachun murteessadha. Ummata keenyaa dammaqsuun maalumaafuu mur...