Thursday, May 24, 2018

Kitaabni kuni yeroo gabaabatti gabaarra oola

QABSOON OROMOO EESSAA KARAM
Barreessan - Asnaaqaa T.Irkoo (T. Goolee)

Maxxansa 4ssoo Caamsaa 2018

Kitaabni kuni maxxansaa haaran yeroo gabaabatti gabaarra oolufi!
Maxxansaa 4ssoo haala yeroo waliin walsimatee fooyya’e gabaarra oolufi.

Maxxansaa jalqabaa kitaabichaa bara 2009 Norway, bara 2013 fi 2014 Finfinneetti maxxanfamee hedduu gurguramee ture.


Kitaabichis:
Seenaa Qabsoo Oromoo qorachuudhan
Qabsoo Oromoo kan biyyoota biraatin walbira qabuudhan
Gadaan akkamitti Oromoo akka bulchaa ture yaadachuudhan
Haala yeroo ammaa dhaaboliin siyaasaa Oromootifi ummanni Oromoon biyyattifi alatillee keessa jiru kan durii waliin walbira qabuudhan,
Haala siyaasaa Oromoo mariif isiniif dhiyeessa.


Kitaabni kuni Yeroo gabaabatti gabaarra oolufi.

Warri raabsuu barbaaddan:
Karaa asii gadii kanaan nu quunnamuu dandeessan:
                hordofaa@gmail.com
              +4799151829
               gipheedhugumaa2008@gmail.com

              +251910423762

Qabsoon Oromoo Eessaa karam

Thursday, May 17, 2018

ADO maalif arriitin biyya galuun barbaachise?

Warri ADO maalif ariitidhan biyya galuu murteessan?
Ji’oota muurasa dura Obbo Leencoo lataa gaafilee kana gaafatamanii turan: Dhuguma amma dhaabni keessa Qeerroo hogganuu danda’aa? Dhaabni biyya alaatii dhufu kuni fedha qeerroo guutuu dandeessuu? Gaafii jedhuuf deebin isaanii fedha qeerroo guutus bakka bu’uus hindandeenyu, afaanumaaf jenna malee jedhanii deebisan. Dubbiin isaas dhugaarraa fagoodha nuti qeerroo bulchuuf yaalun jedhan. Afaanumaaf jenna malee dhuguma amma paartin kumtuu biyya alaatii dhufee biyya san bulcha jennee hinamannu jedhan. Eega hinamaninii maalif amma daddaffiin galluu fedhan ree?
Gaafin lammeesoo immoo ADO waan haaraa maal ummataaf fida? KFOn kan kaayyoo walfakkaataa qabu kunoo biyya jiraa, maalif ADO barbaachise isa jedhu hindeebisan.
Dubbiin sadaffaa immoo Maalif alaabaa mataa ofii hinqabanne, maalif alaabaa ABO qabattan isa jedhuufis deebii hinkennan. Akka miseensonno ADO tokko tokko jedhanitti garuu umrii keenya ABO keessatti waan fixneef gatiin ifaajee keenyaa deeffachuuf alaabaa kana ergifanne jedhu. Alaaban suni kan dhiiga ilmaan Oromootin ijaaramte waan ta’eef ummata biratti jaalatama qabdi isa kana saamufi.
Walitti qabaatti – maalif DHDUOn osoo biyyaa hintasgabbeessin ADO gara biyyaa affeeran isa jedhuuf dubbiin ifa. DHDUOn KFO waliin morkuu waan hindandeenyef hojii isaan ummata gochaa turan ummanni waan beekuf ummata adda qoodanii (KFO fi ADO) morka keessatti bu’aa argachuufi. Kuni hoo DHDUO milkeessaa? Bullee laalla.

Why ODF rushed home before it is settled?
Obbo Lencho Lata asked few months back if his party is really capable to understand the Oromo youth (qeerroo) and represent their interest and if it is realistic for exiled political parties to come home and lead the Oromo people today, he replied, no it is not realistic. He specifically said, I don't believe that we can represent the current Oromo youth. We just talk for sake of talking. This was on a discussion with obbo Lencho Lata.
The second issue is what difference is ODF making or what new does ODF come with when an alternative party OFC is there almost with the same agenda. No answer.
The third is why ODF is not creating its own party flag and on the contrary take OLF flag? There is no answer but many of ODF members claim that they have been OLF members and contributed a lot. They borrow OLF flag as a compensation for their contribution to OLF.
Concluding: why OPDO is rushing and inviting ODF home before they even controlled the country? It is simple, they couldn’t compete with OFC and this is their plan to split the Oromo mass and give balance for OPDO to compete. Will they be successful in that? Let's wait and see.


Wednesday, May 9, 2018

Kitaaba Qabsoon Oromoo Eessaa karam

Maxxansaa haaran fooyya'e yeroo dhiyootti gabaarra oolufi.
Kitaaba kana bara 2009 Norway tti bara 2013 immoo Finfinnee mana maxxansa Elleni P.P.PLC karaa namaa maxxansiisen ture. Manni maxxansaa suni eega cufamee turuu isaa odeeffannoon qaba. Haata'u malee kitaabni kuni ammas biyya keessatti maxxanfamee akka gurguramaa jiru irra gaheen jira. Namoonni kitaaba kana gurguraa jirtan eenyurraa bittannii akka gurguraa jirtan yoo naaf dhaamtan namoota seeran ala gurgurataa jiran kana beekun salphaadha. Kunimmoo boruufis eenyuyyuu gargaara. Hayyee maarree hojii qulqulleessuu kana haa hojjennu kaa.
Karaa biraa kitaaba kana maxxansaa haaran yeroo dhiyootti fooyya'ee kan gabaarra oolu ta'uu isiniif ibsa.

Sunday, May 6, 2018

Band Aid and TPLF


In 1974, there was famine in Northern part of Ethiopia which costed thousands of lives. The then Emperor of Ethiopia, Haile Sillassie hide the famine to cover up for his fame.

In 1984, famine came again in the same area of Northern Ethiopia. Many part of Ethiopia was not aware of the scale of the disaster. The then dictator gov’t tried to hide this from the eye of the world, but journalist Michael Buerk revealed this to the world in his BBC report.

His report caught the attention of Bob Geldof, a singer from Ireland. He took it and mobilized the music world for aid and they organized Band Aid. There was a music recorded by world famous singers and concerts were organized all over the world.

When this was happening, little known in another part of Ethiopia, almost the news was blocked by the dictator government. When the musicians organized aid money and collected millions of dollars and try to delivery help to the famine stricken area, Mengistu Haile Mariam, the Presidant of Ethiopia denied it blaming the then rebels of TPLF and he wanted to punish the people accusing them for harboring the rebels.

Then aid world helped by US gov’t found a link to the rebels and met them in Sudan to agree delivery without the knowledge of the Eth. Government. The rebels came with a sand full of many lorries covering only the upper part with food and showed it as if it was a food cheating the aid workers. They get paid millions of dollars and used it to buy weapon and to fight the government. But it was with a cost of human lives, hundreds of thousands died of famine while we were unaware of it in the other part of the country and the live aid band feeling that they helped, the money was misused by the then rebels TPLF and todays government of Ethiopia. TPLF is a criminal group who cheated the world and killed hundreds of thousands of people. This just come on top of thousands they killed while demonstrating and thousands languishing in prison till today. Just watch the Band aid and BBC documentary.

Interesting story for Sunday.






Sunday, March 4, 2018

Qabsoo Oromoo - Hiree Tophiyaa


Gaafa Bitooteessa 2, 2018 waggaa dheeraa booda siyaasaa biyya Tophiyaa keessatti waan haaran mul'ate. Kunis Paarlaaman biyyattii dhimma walmormisiisaa tokkorratti walmormee murtiin isaa meediyaa addunyaa guute.

San caalaa wanni nama dinqu garuu waan kana dura ta'ee hinbeekne, paarlaamaa biyyattii harka 100 paartin mootummaa qabate jiru kana bakka bu'an irraa abdii kutatuu dhiisee ummanni guyyaa kana dursee bakka buutota bilbilaan cinquu isaati. Kuni seenaa mootummaa kanaa keessatti kan baratamee miti. Biyyoota gara dhiyaa kana malee biyya keenyatti bakka buutota san ummanni keenya, bakka nu bu'an jedhee waan amantii irraa hinqabneef isaanuu dubbisuu hinbarbaadu, dhimma kiyya paarlaamaa keessatti naaf dubbatu jedhee abdii irra hinkaahun ture.

Haata'u malee namni hedduun guyyaa Bitootessa 2, 2018 akka murteessatti eegaa ture. Namni hedduunis waan eege dhabee, labsiin yeroo muddama (LYM) cubbuudhanis ta'u darbee, namni hedduun waan lama balaaleffate:

-  Paarlaamaa san kan dursu af-yaa'in Abbaa Duulaa Gammadaa lakkoofsa waliin dhahuudhan murtii kufe darbe jedhe

- Namoonni Oromoo ta'anii LYM kuni Oromoo fixuuf akka barbusagalee kennanitti aare

 Wanni tokko garuu dursee adda bahuu qaba. LYM kana DHDUOn akka dhaabatti mormite moo namoota muraasatu keessaa morme?

Namni tokko tokko DHDUON akka dhaabatti LYM kana akka mormite, haata'u malee namoonni tokko tokko maqaa dhahuudhan DHDUO keessaa akka diina cinaa hiriiran akka labsii kana deeggaran dubbatu. Dubbiin kuni dhugaarraa fagoodha. Sababiin isaas:

- DHDUOn osoo LYM kana mormite ta'ee Lammaafi Dr. Abiyyi gadi bahanii Agaazin ajaja komand postiin yeroo Naqamte, Dambi Doollofi bakka adda addaatti ummata fixu balaaleffachuufi nuti Agaazii kana hinaffeerre, naannoo keenyas too’achuu hindadhabne jechuutu irra ture.

- Miseensonni paarlaamaa Oromoo hundumtuu (178) DHDUO bakka bu’uudhan filatamanii achi jiru. Isaan keessa tokkichuu dhaaba mormituu bakka hinbu’an. Kan calaqqisiisanis ejjennoo dhaaba isaaniti. Kanaafuu, osoo DHDUOn dhugumaan LYM kuni akka kufu barbaaddi ta’ee silaa miseensoni kuni hundumtuu guyyaa murteessaa kana walgayicha hafuu hinqaban ture. Amma garuu harka irra caalan walgayicha hafan. Iilmi Tigree tokko manatti hinhafne. Kan sagalee labsii kana kuffisuuf kennus hedduu ta’a ture tokko tokko diinaf bitamanis.

- Odeeffannoo hamma ammaa jiruun guyyaa labsiin kuni murtaahu dursee Lammaaf Dr. Abiyyi akkasumas koree olaanon DHDUO bakka bu’oota kana walitti qabanii akka LYM kana dabarsan gaafachaa turan. Waldoorsisaafi walitti dheekkamaa turan.

Kana hundumaa walitti qabnee yoo laallu namoonni tokko tokko DHDUO keessaa LYM kana mormanis DHDUOn akka dhaabatti labsii kana hinmormine. Wanni nama dhibu garuu labsiin kun MNO aangoo inni qabu mulqee hojii maleeyyii kan isaan godhu ta’uu isaati. Osoo kana beekan labsii kana dabarsuun isaanii immoo DHDUOn dhaaba saba Oromoo caalaa ABUT/TPLF jiraachisuuf dalagdu ta’uu mul’isa ykn ajaja ABUT ala homaa gochuu dhaaba hindandeenye ta’uu addeessa.

Oromoon qabsoon isaa sadarkaa addunyaan isa dhaggeeffattu kana kan gahe, qalbii siyaasaa addunyaa hawwatu kana dhaqqabe qabsoo DHDUOn gaggeessiteen osoo hintaane qeerron lubbuu ofii kaffaleeni. DHDUOn gaafa qeerron, qarreen, jaarsaa jaartin bahanii karaarratti Agaazin fixu diina waliin dhaabatanii qeerroo yakkaa turuu isaanii hindagatamu. ABUT Oromiyaa keessatti humna dhabuu ofii gaafa beektu hogga DHDUO qeerrodhaan gitan dargaggeeyyii as baaftee ummata Oromoo afaanin itti fakkeessuu eegalte. Oromoonis filannoo biraa wan dhabeef, hoggantoonnii KFO waan hidhaa jiraniif, dhaabolii ala jiran irraa eegee waan dhabeef DHDUO jijjiiramtee kan Oromoo ta’uu hawwee fudhate. Haat’u malee garuu fuuldureen Oromoo hiikkan isaa kara DHDUOtiin akka hindhufne ifa baheera. Ummanni Oromootis bakka murteessatti eegee DHDUO akka humna hinqabne ykn murannoo hinqabne ykn durumayuu sabaaf hinijaaramin ifatti argeera.

Karaa biraatin eega hogganni KFO hidhaadhaa bahanii as kan duraan DHDUO duuba hiriire marti hoggantoota KFO gaafachuu, deeggaruufi ummanni simannaan jara kanaaf godhe DHDUO abdii ummanni na deeggare jedhu jalaa buusee akka warruma irraa dhalattetti galtuuf akeeke fakkaata.

Fuuldureen Oromiyaafi saba Oromoo harka DHDUO osoo hintaane harka qeerroo jira. Hoggantoota KFOtis yoo feete ABUT deebiftee hidhuu dandeessi. Kanaaf hireen saba Oromotif hafe qeerroo qofa.

wanti yeroo hedduu dagatamu tokko garuu DHDUO bakka bu'anii Prezidaantii, Af-yaa'ii fi ministeera kan ta'an kuni kan tajaajilan wayyaanee ta'ullee addunyaan akka waan Oromoodhaf dhaabbataniif bakka bu'iinsi isaanii Oromoorran miidhaa guddaa qaba. Addunyaan Oromoon dhugumaan bakka bu'oota mootummaa kana keessaa qabdi kan jedhu hedduu Oromoo miidhara. Sababiin isaas akkuma agarru isaan garaa ofiitif qofa wayyaanedhaaf ergamu malee mirga Oromoo prezidaantin, Af-yaa'ii fi ministaroonni suni yoo dubbatan hinagarre.

Karaa biraatin ABUT tapha siyaasaa biyyoota dhiyaa kana waliin baroote 1970 fi 1980 keessa taphattee itti milkoofte kan gama Rusiyaafi Ameerikaa jidduudhaa waa buufachuu sanitti deebitee jirti fakkaata (cold war). Torbee kana ministeerri haajaa alaa Ameerikaa Tophiyaa daawwachuu dhaqaa jiru. Torbee dhufu immoo ministeerri haajaa alaa Rusiyaa biyya Tophiyaa daawwatu. Biyyi Toophiyaa daandii murteessarra jirti. Kana keessatti haala siyaasaa gaafa Afrikaa yeroo ammaa kana keessaa jiru keessatti namuu gahee ofii qabaachuu barbaada. Kanaaf hiree Tophiyaa fuulduraatis kan murtaahu ummata biyyattii san qofaanii miti. ABUT tooftaa dur itti qaroomten Rusiyaa fi Chaaynaa qabattee Ameerikaa dorsisuun akka ishiin barbaadde akka deeggaran gochuuf yaalti. Kuni immoo sakaallaa qabsoo Oromootif saboota Topphiyaa hundaati.

 Bitootessi seenaa biyya sanii keessatti murteessadha. Torbeewwan as deeman Bitootessa bara 2018 keessaa kuni seenaa biyyattii saniitif murteessadha. Yookan ABUT wabii yakka kana dura hojjetteef akka itti hingaafatamneef argattee hiikkon dhufa yookan Ruusiyaaf Chaaynaa qabattee ammaa achi komand poostidhaan biyya san bittuuf yaalti. 

Haata’u malee Oromoo abshaalomuu qaba. Qabsoo kana kophaa osoo hintaane saboota biraatis itti gurmeeffatee diddaa lagannaa gabaa, diddaa hojii dhaabuu kkf diinagdee biyya sanii dugda kutuu qaba. San booda waraanni biyya sanii dubbii jijjiiruu jalqaba. San booda walitti garagaluun dhufuu mala. Fuuldureen Oromiyaa hiikkoo argachuu mala. Kunimmoo fuulduree Tophiyaatifis murteessadha.


Tuesday, February 13, 2018

Qabsoo Oromoo - hiikkaa yeroo dheerraa

Akkuma argaa jirru yeroo ammaa Wayyaanen hidhamtootan hiika jettee waadaa galtee jirti.
Haata'u malee ummata walitti qabdee jimlaadhan hiite keessaa takka takkaan gadi dhiifti. Namoota adda baaftee kaan sababa itti barbaaddee hidhaa tursiifti.
Karaa biraatin jijjiirama fidaa kan jirru nuyi, karaa seeratiin rakkina hiikuf socho'aa jirra jedhee kan dubbatu warra DHDUOti. Akka isaanitti suutu suuta jijjiirama fiduu waan danda'aniif mormiin, diddaa fi fincilli biraa hinbarbaachsiu.
Haala qabataamdhan jiru yoo laalle immoo yeroo ammaa kana yoomuu caalaa ummata daangaa Somaalerraa buqqa'an kaampii keessatti wayyaanen rasaasan fixaa jirti. Oromoon maal fida jettee ummata xiiqii keessa galchaa jirti. Hidhamtoota silaa hiikuf waadaa galtes hiikuu dhiiftee sababa adda addaa tarreessaa jirti.
Gaafin amma jirtu garuu wayyaanen kadhaadhan ykn akka DHDUOn jedhu kana karaa nagaatin rakkina kana hiikuf fedhii qabdii isa jedhu.
Hojii Wayyaaneen hojjechaa jirtu yoo laalle yeroo ammaa kana rakkina biyya keessatti dhalate kana karaa nagaa hiikti abdiin jedhu hinjiru. Fincila, diddaa, lagannaa gabaa gochuudhan osoo ummanni keenyas hinmiidhamin duraa duuban haala itti fufiinsan qabuun dhiibbaa gochuun hedduu murtessadha. Kana hinta'u taanan garuu wayyaanen guyyaa guyyaadhan ummata keenya fixaa, jijjiiramni eegnu sunillee hindhufu.


Friday, October 27, 2017

Sochii yeroo ammaa

Asnake T Erko
Saba keenya kaleessa Ambotti  dhumeef gadda guddaatu nutti dhagahame. Hedduu keessi keenya booye. Qabsootti sabni jiru duuti kan hinoolle ta’us haala kanaan karaarratti namni keenya rasaasa diinatiin yoo dhumu arguun heddu nama gaddisiisa.
Eega haala Ambotti kalee ta’e kanarratti namoonni yaada adda addaa FB gubbaatti yoo kennan arga. Namni kuuni:
-          DhDUO/Foolsii Oromiyaa balaaleffata
-          Namni kuun humna dhabuu keenya balaaleffata
-          Namni kuun waldhagahuu dhabuu keenyatu wareegama hinbarbaachifne kana fide jedha. Yaadonni biroos jiru.
Wayyaanen gara Debretsiyoonin yaada ofii dabarfattee jirti. Ammaa achis akka nama keenya fixuu hedan akeekanii, dhaadataniiru.

Walitti qabnee yoo laallee:
-          DhDUO/Foolisiin Oromiayaa hiriira amma ta’aa jiru nu hinbarbaachisu jechaa turan. Tarii karaa biraatin yoo Wayyanen ummata keenya fixxu irraa qoluuf ammatti humna hinqabnuu baatanii hindhuminaa jechuus ta’a.  Dhugumatti Osoo kaleessa foolisiin Oromiyaa waraana Wayyaanee hidhate san dura dhaabbatee nama hamma tokko ajeesuu danda’us miidhaa guddaa gama Oromootin gaha. Hidhannaa wal hinmadaalle waan ta’eef.
-          Karaa biraatin hiriira amma ta’aa jiru kana hambisuuf yaamicha hedduutu godhame, garuu dhaabsisuun hindanda’amne. Sababiin isaas waan diinni ummata keenya kakaasef osoo hintaane ummanni gubannaan inni qabu waan irraan gateef. Ummanni yoo diinni balbala isaa duraan saamee fe’ee dabarsu laalee dhiisuu waan dadhabeefi. Gubannaan, hidhaan, ajjeechan daangaa darbee gabrummaa baachuu dhadhabeeti. Saba gabrummaa baachuu na gahe jedhe dhoowwan hindhaabu.
-          Wayyaanen karaa biraa hiriira bahamu kanarratti jeequmsa kaasuf gara waldhabdee sabaaf sablammootaa jijjiiruf, walitti bu’iinsa amantii gochuuf hedduu akka ifaajaa jirtus argaa jirra. Yeroo ammaa hiriirri kuni futtaafatee yoo itti fufe gara hintaane, homtuu too’achuu hindandeenyetti deemuus mala. Kuni Wayyaanedhaaf guyyaa baasuu mala.

Maal taana ree? Akka yaada koo:
-          Haala yeroo ammaa kana keessatti DhDUOn ummata keenya hamma gandaatti dammaqiinsa kennuu. Kunis kaabinee hattuu achitti ummata saamaa jirtu buqqisanii ummanni namoota isa dursan akka filatan gochuu. San booda dammaqiinsa qabsoon kuni kan sabaaf sablammota biraa waliin osoo hintaane kallaatiidhan kana Wayyaanee waliinii ta’uusaa, kan amantii osoo hintaane kan Wayyaanee waliin ta’uusaa ummata keenya odeeffannoon hindhaqqbne, keessattuu fagoo jiru sirriitti hubachiisuu
-          DhDUOn milishaaf foolisii ofii hidhachiisuu, ummanni akka hidhatu hiree kennuu, kan dur irraa hiika turaniif deebisuufii. Raayyaa ittisa biyyaa keessaa kan saba keenya ta’e dammaqsuuf aka saba isaa bira dhaabbatu gochuu.
-          San booda akkaatan itti fincilli ka’u kan naannaa tokkoo qofti ka’ee dhumu osoo hintaane giddu galeessumaadhan akeekamee walbira guutuu Oromiyaa finciluu. Innis hojii dhaabuu, gabaa lagachuu, karaa cufuu kkf karaa miidhaa saba keenyarraan osoo hingeenye waldhageettidhaan sochii Wayyaanee dhaabu gochuu. San booda yeroo gabaabaa keessatti kan hara wayyaanen nu fixaa dhaadattu kuni jijjiirama, Tophiyaa dinnagdeen ishii gaafa dhabbatu diinni osoo hinjaalatin harka kennaa deema.
-          Kana gochuuf immoo wal balaaleffachuu dhiifnee namuu hamma qabuuf beekun wal utubuun heddu murteessadha. Aangoo hinargamin kanaaf dursanii maqaa walxurreessuu dhiisun hedduu murteessadha. Saba keenya diinni marsee jiru kana laalun, boruuf yaadun hedduu murteessadha. Dhugaa jirurratti hundaa’anii socha’uun hedduu gaaridha. Humna diinaa beekanii akkaataa barbaachisuun socho’uun gamnummaadha.
-     Biyyota alaa kanattis saba keenya cinaa dhaabbachuudhan akka haala jiru kana addunyaan hubatu karaa xalayaa, midiyaafi hiriiran hojjechuun hedduu barbaachisa.

Waaqni qalbii nuuf haa kennu, saba keenyaf waliigaltee haa kennu, diina keenya haa doomsu!

Featured Post

Raadiyoo Damablii gabaabaa

Odeeffaannoo baadiyyaa dhaqqabsuuf tamsaasa raadiyoon dambalii gabaabaa qabaachun murteessadha. Ummata keenyaa dammaqsuun maalumaafuu mur...