Wednesday, September 29, 2010

Hamma Cufatanii nidanqarfatu

Hamma cufatanii nidanqarfatu

Mootummaa Biyya Alaatitti (Government in Exile)
Biyyi yeroo alagaadhan bitamaa turtu rakkoolee keessatiif saaxila baati. Kunillee jiddu galeessummaan dhabamuudhan waldhagahuufi waliif abboomamuutu hir'achaa deema. Namuu kan sodaatu dhabaa deemee waan walitti qabanirra waan dhuunfaa ykn dhaaba tokkoo qofarratti xiyyeeffachuutu bal'achaa deema. Bulchiinsa saba kana walitti qindeessee, dhaabolii jidduu walitti bu'iinsa jiru hiikaa, gara nyaaphaa akka fuulleffatan godhu jiraachuu qaba. Yookan seera dhablummaa (anarchy) ummata diigaa deema. Kuni immoo gabrummaa umrii dheeressaa deema:

Oromoon yeroo ammaa abbaa biyyummaa argachuudhaf yeroo yaalii godhu kanatti rakkoo keessaa isa mudate kana hiikkachuudhaf mootummaa yeroof biyya alaatitti (government in exile) dhaabun mala tokko ta’uu danda’a. Kunis biyyoonni mirgi isaanii sarbame hedduun mala itti fayyadamaa turaniifi jirani. Biyyoota ormaa kan mirgi isaanii waan dhiitameef biyya ofii keessatti mootummaa ijaarratanii biyya ofii bulchuu hindanda’in keessa:

- Burma- mootummaan abbaa irree waraanan biyya isaanii qabannaan motummaa biyya alaatti ijaaran.

- Tibet- biyyi isaanii biyya chaaynatiin waan qabamteef yeroo mormii biyya ofii argachuuf gochaa jiran kanatti mootummaa biyya ormaa keessatti ijaaranii sochii godhan. Dalai Lama hogganaa amantii ta’ullee mootummaa isaanii biyya alaatti bara 1992 dhaabee dhageettii guddaa argataa jira.

- Equatorial Guinea- dhaabni siyaasaa mormitootaa biyya alaatitti mootummaa ijaaree socho’a.
Egaan kanaan alatillee biyyoota mootummaa biyya alaatti ijaarratanii gaafa tokko biyya ofiitti deebi’anii biyya ofii bulchudhaf haala mijeeffachaa jiran keessa:
Abkhazia
Belarusia

Kabinda

Chechen

Serbian Kranjin keessatti argamu.

Akkataa dhaabolii siyaasaa ta’anii socho’uufi mootummaa biyya alaatitti ijaaruu jidduu garaa garummaan jiru, mootummaa biyya alaatti yoo ijaaran addunyaan kan nama fudhattu ta’uu baatus bu’aa hedduu qaba.
Bu’aawwan kana keessayis ijaarama caasaa biyyuumaa qabaachufii akka addunyaan akka biyyaatiitti nama dhageessuf hiree hedduu bana. Biyyoota ormaa yoo quunnamanis maqaa dhaaba siyaasaa tokkootin osoo hintaane maqaa biyya saniitin quunnamu jechuudha. Biyyi keenya ‘Biyya Gadaa Oromiyaa’ addunyaarratti beekkamaa deema. Alaabafi kaartaan daangaa lafa keenyaa mul’achaa, dhagahamaa deema.
Mootummaan biyya alaatti ijaaramu (government in exile) waan hojjechuu danda’u keessaa:

• Waliigaltee biyyoota biraa waliin godhuu

• Seerafi heera biyyattii foyyessu

• Waraana ijaarrachuufi qabaachuu

• Biyyoota biraa waliin quunnamtii dipiloomaasii horachuu

• Waraqaa eenyummaa saba ofiitif kennuu

• Dhaabolii siyaasaa haaran akka ijaaraman hayyama kennuu

• Sirna dimokiraasiitin of ijaarufi caasaa horachuu

• Filannoo gaggeessuu

• Hoggantoota mootumichaa filachuudhaf filannoo bal’aa gaggeessuu danda’a. As keessaa bal'inaan dubbisuun nidanda'ama:

http://en.wikipedia.org/wiki/Government_in_exile

Egaa kan asii olitti eeramanan kuni ijoo dubbiiti. Mootummaa biyya alaatti ijaarrachuun waan nu barbaachisuuf keessaa waraanni keenya sochii yoo godhu akka makaraarsitootaa osoo hintaane akka waraana biyya tokkootti akka laalamuf hiree qaba. Garee mormitootaa qofa osoo hintaane warra biyya qabu tokko jedhamuu argata.

Egaa gaafa biyyi teenya mirga ofii gonfatte haala amma keessa jirru kanaan walirratti olola oofaa biyya galuurra haala caasaa biyyummaa qabu tokkoo sirna keenya sirna dimokiraasii addunyaanuu irraa barattee ittiin bulaa jirtu sirna Gadaatin mootummaa ammumarraa ijaarree haala sirna qabu tokkoon falmii keenya karaa barbaachise maraan itti fufuutu caala. Mootummaa jennee biyya keenya yaamufi yaamsisuun waan baay’ee barbaachisaadha.

Mootummaa biyya alaatitti ijaarudhaan socho'uun rakkoolee dhaabolii jidduu jiran kanas furachuufi bakki itti wal gaafatan akka jiraatu godha. Mee mata duree kanarrtti namuu osoo yaada kennee gaaridha.

Yaanni kuni kan fudhatame kitaaba "Qabsoon Oromoo eessaa Karam" jedhamu keessayi.

T. Galmoo

No comments:

Featured Post

Raadiyoo Damablii gabaabaa

Odeeffaannoo baadiyyaa dhaqqabsuuf tamsaasa raadiyoon dambalii gabaabaa qabaachun murteessadha. Ummata keenyaa dammaqsuun maalumaafuu mur...