Thursday, May 4, 2017

Eessa jirraa?

Kutaa duraa
Sabboonummaa Oromummaa hagam guddate?
Sabboonummaan Oromummaa yoom dhalate jennee walgaafachuun waan barbaachisu natti hinfakkaatu. Sababiin isaas gaafa Oromoon umamerraa qabee sabboonummaanOromummaa waan jiruuf. Sabboonummaan of ta’uu, waan ofiitti amanuu, waan ofii kan ormaa caalchisuu, waan ofii xiqqeessuu dhiisuu, nama ofii jajjabeessuu, mirga ofii kabachiisuu, waloo qabaachuu, daangaa gosaa darbanii Oromummaa dursuu, biyya Oromoo akka kan ofiitti laaluu, aadaa Oromoo hundaa kabajaa kennuu, ganda koo malees Oromoon jira, innis dhiiga kiyya jedhanii jaalachuu, kabajuu, akka hireen ani argadhe argatuuf jajjabeessuu, wal jaalachuu akka sabaafi biyyatti yaadudha. Kunis Hundee jiruuf jireenya Oromoo kan ta’e Gadaa akka madda aadaa keenyatti laaludha.
Eegan waayee sabboonummaa fi hundee Oromummaa hammana jedheen booda sabboonummaan eessaa ka’ee eessa jira jennee haalaallu:
Sabboonummaa Oromummaa gaafa durii, Oromo Odaa tokko jalatti bulu, Odaa Roobaa malee Odaan biraa hinjirre, Oromoon Waaqa gurraachatti bulu, kan amantiin biraa hinjirre, gaafa Oromoon gosa hinheddumaatin, gaafa maanguddoon Oromoo Odaatti walgeessee waan bade hundaa qajeelchitu, gaafa Oromoon xinnaa guddaan wal dhagahu, gaafa yaamee waliif owwaatu, gaafa Oromoon «Dubbiin tan dhugaati, dhugaan kan Waaqati» jedhu san  - guutuu turte.
Sabboonummaan Oromummaa eenyummaa jechuudha. Oromoon eenyu akka ta’e beekee osoo daangaa kamiinuu wal hinqoodin, kaan ofitti aansee, kaan ofirraa hinfaccinsin, hinfageessin, hunduu saba kooti, Oromiyaan biyya kooti jedhee itti bulu sani. Oromummaan Oromoo maraa akka obbolaa ofii laaluu jechuudha. Kana yoo jennu jabaas, laafas, beekas, wallaalas dheeras gabaabas, kan addunyaatti beekames kan qeyee ofii qofatti beekamus hundumaa kiyya jedhanii fudhachuudha.
Sabboonummaan Oromoo sadarkaa kam gaye ree?
Oromoon akka olitti ibsame kana gaafa babal’achaa hindhufin, gaafa walitti dhiyaatee jiru, gaafa Odaatti walitti dhufee mari’atu garaa garummaa jirus yoosuu hiikkata. Haata’u malee garuu waggoota 150 as eega diinan cabee, amantii biraan, aadaa biraa akka fudhatu godhamee, afaan fi aadaa Ormaa jalatti akka bulu godhamee as Oromoon sabboonummaan isaa akka cabu akka xiqqaatu taasifamee jira. Kanaaf ragaan Oromoon eenyummaafi sabboonummaa Oromummaa isaa eeggatee irraatti du’aa ture jiraatus kan of ganee, ani Amaara ofiin jechuu jalqabe akka jiru eerun nidanda’ama. Kuunis ani Oromoo miti jedhee amantiidhan of yaamuu jalqabes jira. Kan maqaa kutaatin of yaamuu jalqabes jira. Ani Oromoodha jechuu dhiisee ani Shawadha, ani Wallagga, ani Sidaamodha kkf ofiin jechaa tures jira.
Yeroo Oromoon Oromummaa ofii dura amantii, kutaa lafaa kkf of yaamuu jalqabe kanatti eenymmaan gadi kufee lafa tuqe. Mee giraafii asi gadii Kanaan haalalu


Akka madaallii kootitti bara Minilik biyya Oromoo qabaterraa kaasee sabboonummaan Oromummaa gadi bu’ee bara gabrummaa jala turre san gadi xiqqaachun hamma namni of ganuu gahee bara 1991/1992 yeroo hiree argatee sabni walitti dhufe san dagaaguu jalqabe.
Bara 1991 yeroo jalqabaatif ummanni Oromoo sodaa malee afaan ofiitin ifatti ani Oromoodha jedhee dubbate. Kanaaf raga hedduu barbaadun nama hinfeesisu. Hiriyoonni keenya hedduun isaanii kan waliin barataa turre kan duraan yoo nuti afaan Oromoo dubbannu nu arrabsan “Bar warri koo Oromoodhaa” nuun jechuu jalqaban. Gaafa dubbii sirriitti mirkana taate “Bar anis Oromoodhaa” jedhanii ifa baasan.
Yeroo kana Oromoo ta’uun waan jaalatamaa ta’ee mul’ate. Sabni keenya sirboota guduuffattee xiiqiidhaan olkaayyate gadi dimbiliqsee sirbe, geerare, walitti bahee booye, gaabbe, dhaammate. Bara san namni guyyaa tokkoof Gullallee dhaqe fayyeeti gala.
Yeroo kuni yeroo itti sabboonummaan Oromummaa bakka itti kufee ka’e. Ka’ee akka haaraa ol jechuu jalqabe. Yeroon kuni yeroo sabni keenya wal dagatee, kutaafi amantii himachuu jalqabe deebi’ee gosa himatee Oromoon saba tokko ta’uu itti dammaqe.
Kana yoon jedhu garuu Oromoon hunduu of dagate jechuu koo akka hintaane naaf hubadhaa. Oromoon of hindagatin, kan sabboonummaan eenyummaa isaa gadi hincabin waan jiruuf qabsaayee Oromummaa bade kana deebisee. Maarree asirratti ABO hojii boonsaa hojjete kanaaf akka dhaabatitti, qabsaa’ota lubbuu ofii wareeganiif akka dhuufatittis galata galchuutu nurraa eegama. Waan isaan wareegamaniif sanis dagachuun nurra hinjiru. Kan ittiin masakamnu ta’uu qaba.
Kana booda sabboonummaan eenyummaa akkuma dammaquu qabe Kanaan itti hinfufne. Takka gadi bu’aa, takka ol bahaa deemuu jalqabe. Mee giraafii kanaan haalallu:


Akkuma giraafii kanarratti agartan takka gadi bu’aa, takka ol bahaa deema. Mee fkn xiqqoo ishiin isiniif kenna:
Yeroo Oromoon walitti dhufee waayee saba isaa mari’atee haalli mijate sabboonummaa nidagaaga. Akka bara dheegaddaa kana jechuudha. Yeroo kaan immoo goodoo keenyatti deebinee waayee amantii ykn kutaa faarsina. Sabboonummaan nu jalaa mucucaattee nama jechuun kan ganda keenyaa qofa nutti fakkaata. Mee kanaaf sadarkaa sabboonummaan keenya irra gahe ibsuus fakkenya tokkon haalallu:
Waayen Oromummaa yoo tuqame – waca kaafna
Waayen kutaa yoo tuqame sirriitti waca kaafna
Waayen amantii yoo tuqame lubbuu namaa balleessurra duubatti hindeebinu

Yoo fkn asii olii kana laalle hara namni tokko yoo Oromoo arrabse akkam Oromoo arrabse jennee wacnee dhiifna. Yoo kutaa keenya tuqe immoo sirriitti san caalaa wacna. Akka Gandaa waliin dhabbanee nama san irratti ololla. Yoo waayen amantii keenyaa tuqame garuu ajjeessuf itti dhaadanna, dafnee labsii itti baafna, lafatu garagala.
Ani gandi keessan yoo arrabsame callisaa, amantiin keessan yo tuqames hindabbatinaa jechaa hinjiru. Garuu akkuma olitti tuquu yaale gandaaf amantii durallee Oromummaa keenyatu ture waan ta’eef amma immoo nuti warra Oromummaa booda dhufe bakka caalaa kennina waan ta’eef sabboonummaan keenya gadi xiqqaachaa dhufeera kan jedhu mul’isuufan.
Mee fakkeenya dhimma OMN laalchisee tibba kana dhalate haa laallu. Yaada namoonni kannanis haalallu. Dhugaa jirtu kan beeku warra boordii OMN fi keessa beektota ta’ee osoo jiruu nuti yaada gama keenyaa gama Facebook yoo ibsanne eessa dhaabbaneeti? Akkuma yaada namoota agarreefi eessatti akka dhalatan waliin akkasumas eenyu deeggaran isa jedhu waliin wal bira qabnee yoo laallu madaallin kutaadhan wal gargaaruu ifa ta’ee mul’ata. Sabboonummaan Oromummaa keessattuu baqataa Oromoo biyya ambaa jiru biratti haala asii gadii kanaan dursa argatti:

1-      Amantii
2-      Kutaa
3-      Oromummaa

Kanas yoon jedhu namni hunduu mantiidhan nama qooda, hunduu kutaadhan nama fanfansa jechuu kootii miti. Kan hamma ammaa Oromoo addaan osoo hincitin turreeyyuu namoonni sabbooummaa Oromummaa sirriitti qaban waan jiraataniif. Heddutu jiraa, isaantu walitti nu dhoowwa. Kan walitti nu hidhee walillee nyaannu akka addaan hinhafne nu dhoowwu immoo Oromummaa nu keessatti hafte sani. Duguugamtee waan hindhuminiif.
Akkuma dhimmi OMN keessatti dhalate kanaa ammas mee fakkenya siyaasaa tokko haalallu. Baroota 1990 san keessa dhaabni siyaasaa akka Waaqaa itti bullu ABO ture. Dhaabotiin biraa jiraatanis iddoo hinarganne. Bara ammaa kana garuu mee waayen ABO yoo ka’e yaada baqataan Oromoo kennu haalaallu. Nu martuu akkuma agarru garee maqaa dhayanii arrabsoo yoo roobsan agarra. Maqaan garee ABO dhahu yoo ka’e yaada meeqatu kennama. Bara darbe kanaa waan hedduu na dinqisiisen arge. Hagam tokko amantii fi gandummaa akka hidda nu keessatti godhatten laale. Abbaan taaytaa OPDO kan ture baqatee biyya alaa dhufee gaafa TV irratti dhiyaate warri akka gootaa faarsaa turan, nama tuqe hundaa arrabsaa turan tibbuma san immoo hogganni ABO yoo TV irraan ibsa kennu arrabsoo ture wal bira qabee yoo laalu hedduun na yaaddesse. Karam deemaa jirra kan jedhu ifa naaf ta’uu dide. Kana yoon jedhus mirga namni tokko siyaasaa fedhe deeggaruuf qabu wallaalee osoo hintaane hagam tokko dhugaan akka jallattu, haggam tokko amantiifi gandummaan akka Oromummaa caaltu wan natti mul’ateef. Kanallee akkuman jalqabarratti kaasuu yaale yoo sabboonummaan Oromummaa nu keessa jiraate namni tokko amantii koo qabaatus, gosa koo ta’us kutaa koo ta’us yoo dhugaa hinqabaannee isa deeggaruun narra hinjiru. Waan olitti tuqne yaadadhaa “Dubbiin kan dhugaati, dhugaan kan Waaqati” jedhu Oromoon durii.
Hara kanan ka’eef sabboonummaan Oromummaa sadarkaa kam gahe isa jedhu hamman hubadhetti ibsuuf malee tokko kaan caalchisuufii miti. As keessatti fakkeenyi koo yoo sirrii isinitti fakkaachuu baates kan keessaniin bakka buustanii garuu eessa jirra jedhaa of madaalaa. Sabboonummaan Oromummaa deebifamee jabeessun, dammaqsuun, wal salfachiinee bakka sadarkaa Oromummaatti wal deebisuun qabsoo keenyaf hundeedha.
Sabboonummaan Oromummaa bakka dur turee gadi bu’ee maqaa amantifi kutaa himachuu bakka jirru ol ka’aa dhufee yeroo ammaa biyyatti dargaggoon keenya daangaa amantifi kutaa bira darbanii waliin dhaabatanii gaafa Irreechaa waliin dhumanii bool’a takkatti waliin awwaalaman haa laallu. Haa yadannu, haa nu quuqu. Kana laallee eenyummaa Oromummaaf waan hunda dursa kennaafii.
Hoo bishaan kee, fidi wayaa koo, jedhe namichi wayaa miiccee cuuffee lagatti hurgufuudhan.
Asnake T Erko

No comments:

Featured Post

Raadiyoo Damablii gabaabaa

Odeeffaannoo baadiyyaa dhaqqabsuuf tamsaasa raadiyoon dambalii gabaabaa qabaachun murteessadha. Ummata keenyaa dammaqsuun maalumaafuu mur...