
Kitaaba Qabsoon Oromoo Eessaa Karam jedhu kana yeroo ammaa maxxansaan saddeessoon biyya keessatti gabaarra oolera!
Maxxansaa jalqabaa bara 2009 biyya alaatti kan bahe yoo ta'u bara 2013 maxxansaa 2ssoo biyya keessatti akkasumas Bitooteessa 2014 maxxansaan sadeessoo biyya keessatti bahuundhan darggaggoon baraneen qabsoo biyya alaatii dhufee isa bilisoomsu taa'ee eeguu osoo hintaane ofumaa abbaa qabsoo ta'ee akka abbaa biyyummaa ofiitif ka'u dhaamsa dabarsa.
Haala qabsoon Oromoo keessa ture xiinxaluudhan haala fulduratti ta'uu qabu akeeka.
Qabsoo biyyooni ormaa gaggeessan xiinxaluudhan waan irraa barachuu mallu agarsiisa.
Mootummaa yeroo dhaabudhaan akka Oromoon biyya alaa kan biyya keessaa waliin gurmaayee abbaa biyyummaa ofii mirkaneeffatu gorsa.
Gadadoo halagaan nurraan gahe teenyee faarsuu dhiifnee waan nurraa eeggamu akka goonu dhaamsa qaba.
Bitadhaa dubbisaa, haala yeroo waliin akka sochoonu nu akeekaa!