Gaafa
Bitooteessa 2, 2018 waggaa dheeraa booda siyaasaa biyya Tophiyaa keessatti waan
haaran mul'ate. Kunis Paarlaaman biyyattii dhimma walmormisiisaa tokkorratti
walmormee murtiin isaa meediyaa addunyaa guute.
San caalaa wanni nama dinqu garuu
waan kana dura ta'ee hinbeekne, paarlaamaa biyyattii harka 100 paartin
mootummaa qabate jiru kana bakka bu'an irraa abdii kutatuu dhiisee ummanni
guyyaa kana dursee bakka buutota bilbilaan cinquu isaati. Kuni seenaa mootummaa
kanaa keessatti kan baratamee miti. Biyyoota gara dhiyaa kana malee biyya keenyatti
bakka buutota san ummanni keenya, bakka nu bu'an jedhee waan amantii irraa
hinqabneef isaanuu dubbisuu hinbarbaadu, dhimma kiyya paarlaamaa keessatti naaf
dubbatu jedhee abdii irra hinkaahun ture.
Haata'u malee namni hedduun guyyaa
Bitootessa 2, 2018 akka murteessatti eegaa ture. Namni hedduunis waan eege
dhabee, labsiin yeroo muddama (LYM) cubbuudhanis ta'u darbee, namni hedduun
waan lama balaaleffate:
- Paarlaamaa san kan dursu
af-yaa'in Abbaa Duulaa Gammadaa lakkoofsa waliin dhahuudhan murtii kufe darbe
jedhe
- Namoonni Oromoo ta'anii LYM kuni
Oromoo fixuuf akka barbusagalee kennanitti aare
Wanni tokko garuu dursee adda bahuu
qaba. LYM kana DHDUOn akka dhaabatti mormite moo namoota muraasatu keessaa
morme?
Namni tokko tokko DHDUON akka
dhaabatti LYM kana akka mormite, haata'u malee namoonni tokko tokko maqaa
dhahuudhan DHDUO keessaa akka diina cinaa hiriiran akka labsii kana deeggaran
dubbatu. Dubbiin kuni dhugaarraa fagoodha. Sababiin isaas:
- DHDUOn osoo LYM kana mormite
ta'ee Lammaafi Dr. Abiyyi gadi bahanii Agaazin ajaja komand postiin yeroo
Naqamte, Dambi Doollofi bakka adda addaatti ummata fixu balaaleffachuufi nuti
Agaazii kana hinaffeerre, naannoo keenyas too’achuu hindadhabne jechuutu irra
ture.
- Miseensonni
paarlaamaa Oromoo hundumtuu (178) DHDUO bakka bu’uudhan filatamanii achi jiru.
Isaan keessa tokkichuu dhaaba mormituu bakka hinbu’an. Kan calaqqisiisanis
ejjennoo dhaaba isaaniti. Kanaafuu, osoo DHDUOn dhugumaan LYM kuni akka kufu
barbaaddi ta’ee silaa miseensoni kuni hundumtuu guyyaa murteessaa kana
walgayicha hafuu hinqaban ture. Amma garuu harka irra caalan walgayicha hafan. Iilmi
Tigree tokko manatti hinhafne. Kan sagalee labsii kana kuffisuuf kennus hedduu
ta’a ture tokko tokko diinaf bitamanis.
-
Odeeffannoo hamma ammaa jiruun guyyaa labsiin kuni murtaahu dursee Lammaaf Dr.
Abiyyi akkasumas koree olaanon DHDUO bakka bu’oota kana walitti qabanii akka
LYM kana dabarsan gaafachaa turan. Waldoorsisaafi walitti dheekkamaa turan.
Kana hundumaa
walitti qabnee yoo laallu namoonni tokko tokko DHDUO keessaa LYM kana mormanis
DHDUOn akka dhaabatti labsii kana hinmormine. Wanni nama dhibu garuu labsiin
kun MNO aangoo inni qabu mulqee hojii maleeyyii kan isaan godhu ta’uu isaati.
Osoo kana beekan labsii kana dabarsuun isaanii immoo DHDUOn dhaaba saba Oromoo
caalaa ABUT/TPLF jiraachisuuf dalagdu ta’uu mul’isa ykn ajaja ABUT ala homaa
gochuu dhaaba hindandeenye ta’uu addeessa.
Oromoon qabsoon
isaa sadarkaa addunyaan isa dhaggeeffattu kana kan gahe, qalbii siyaasaa addunyaa
hawwatu kana dhaqqabe qabsoo DHDUOn gaggeessiteen osoo hintaane qeerron lubbuu
ofii kaffaleeni. DHDUOn gaafa qeerron, qarreen, jaarsaa jaartin bahanii
karaarratti Agaazin fixu diina waliin dhaabatanii qeerroo yakkaa turuu isaanii
hindagatamu. ABUT Oromiyaa keessatti humna dhabuu ofii gaafa beektu hogga DHDUO
qeerrodhaan gitan dargaggeeyyii as baaftee ummata Oromoo afaanin itti
fakkeessuu eegalte. Oromoonis filannoo biraa wan dhabeef, hoggantoonnii KFO
waan hidhaa jiraniif, dhaabolii ala jiran irraa eegee waan dhabeef DHDUO
jijjiiramtee kan Oromoo ta’uu hawwee fudhate. Haat’u malee garuu fuuldureen
Oromoo hiikkan isaa kara DHDUOtiin akka hindhufne ifa baheera. Ummanni
Oromootis bakka murteessatti eegee DHDUO akka humna hinqabne ykn murannoo
hinqabne ykn durumayuu sabaaf hinijaaramin ifatti argeera.
Karaa biraatin
eega hogganni KFO hidhaadhaa bahanii as kan duraan DHDUO duuba hiriire marti
hoggantoota KFO gaafachuu, deeggaruufi ummanni simannaan jara kanaaf godhe
DHDUO abdii ummanni na deeggare jedhu jalaa buusee akka warruma irraa dhalattetti
galtuuf akeeke fakkaata.
Fuuldureen
Oromiyaafi saba Oromoo harka DHDUO osoo hintaane harka qeerroo jira.
Hoggantoota KFOtis yoo feete ABUT deebiftee hidhuu dandeessi. Kanaaf hireen
saba Oromotif hafe qeerroo qofa.
wanti yeroo hedduu dagatamu tokko garuu DHDUO bakka bu'anii Prezidaantii, Af-yaa'ii fi ministeera kan ta'an kuni kan tajaajilan wayyaanee ta'ullee addunyaan akka waan Oromoodhaf dhaabbataniif bakka bu'iinsi isaanii Oromoorran miidhaa guddaa qaba. Addunyaan Oromoon dhugumaan bakka bu'oota mootummaa kana keessaa qabdi kan jedhu hedduu Oromoo miidhara. Sababiin isaas akkuma agarru isaan garaa ofiitif qofa wayyaanedhaaf ergamu malee mirga Oromoo prezidaantin, Af-yaa'ii fi ministaroonni suni yoo dubbatan hinagarre.
wanti yeroo hedduu dagatamu tokko garuu DHDUO bakka bu'anii Prezidaantii, Af-yaa'ii fi ministeera kan ta'an kuni kan tajaajilan wayyaanee ta'ullee addunyaan akka waan Oromoodhaf dhaabbataniif bakka bu'iinsi isaanii Oromoorran miidhaa guddaa qaba. Addunyaan Oromoon dhugumaan bakka bu'oota mootummaa kana keessaa qabdi kan jedhu hedduu Oromoo miidhara. Sababiin isaas akkuma agarru isaan garaa ofiitif qofa wayyaanedhaaf ergamu malee mirga Oromoo prezidaantin, Af-yaa'ii fi ministaroonni suni yoo dubbatan hinagarre.
Karaa
biraatin ABUT tapha siyaasaa biyyoota dhiyaa kana waliin baroote 1970 fi 1980
keessa taphattee itti milkoofte kan gama Rusiyaafi Ameerikaa jidduudhaa waa buufachuu
sanitti deebitee jirti fakkaata (cold war). Torbee kana ministeerri haajaa alaa
Ameerikaa Tophiyaa daawwachuu dhaqaa jiru. Torbee dhufu immoo ministeerri
haajaa alaa Rusiyaa biyya Tophiyaa daawwatu. Biyyi Toophiyaa daandii
murteessarra jirti. Kana keessatti haala siyaasaa gaafa Afrikaa yeroo ammaa
kana keessaa jiru keessatti namuu gahee ofii qabaachuu barbaada. Kanaaf hiree
Tophiyaa fuulduraatis kan murtaahu ummata biyyattii san qofaanii miti. ABUT
tooftaa dur itti qaroomten Rusiyaa fi Chaaynaa qabattee Ameerikaa dorsisuun
akka ishiin barbaadde akka deeggaran gochuuf yaalti. Kuni immoo sakaallaa
qabsoo Oromootif saboota Topphiyaa hundaati.
Bitootessi
seenaa biyya sanii keessatti murteessadha. Torbeewwan as deeman Bitootessa bara
2018 keessaa kuni seenaa biyyattii saniitif murteessadha. Yookan ABUT wabii
yakka kana dura hojjetteef akka itti hingaafatamneef argattee hiikkon dhufa
yookan Ruusiyaaf Chaaynaa qabattee ammaa achi komand poostidhaan biyya san bittuuf
yaalti.
Haata’u
malee Oromoo abshaalomuu qaba. Qabsoo kana kophaa osoo hintaane saboota
biraatis itti gurmeeffatee diddaa lagannaa gabaa, diddaa hojii dhaabuu kkf
diinagdee biyya sanii dugda kutuu qaba. San booda waraanni biyya sanii dubbii
jijjiiruu jalqaba. San booda walitti garagaluun dhufuu mala. Fuuldureen Oromiyaa
hiikkoo argachuu mala. Kunimmoo fuulduree Tophiyaatifis murteessadha.