Biyyi takka jiraachuf lafa, ummata, afaan, aadaa, seenaa kkf
qabaachun bu'ura dubbiiti. San booda immoo biyya san kan bulchuuf sirna ittiin
bulchu qabaachun immoo jiraachuu biyya saniitif hundeedha.
Oromiyaan waggaa gara 150 harka
alagaatin bulaa turuu waan hedduu ragaa barbaadun nama barbaachisuu miti, waan
addunyaan marti beektu waan ta'eef.
Waggaa dhibbaa ol akka Oromoon
fedhutti osoo hintaane akka halagaan fedhuttif isaanif tolutti qajeelchanii nu
bulchaa turuun isaanii gaafii hinqabu. Oromoonis alagaadhan buluuf qabeenya
isaa samamu kanarratti falmaachaa turuun waan hedduun keenya keessatti
guddanne.
Egaa falmaan biyya Oromiyaa
deebisanii ijaarrachuu suni deemee amma waan fiixerra gahe fakkaata. Biyyi
Oromiyaa akka gaafa waggaa 150 dura Gadaadhan bulaa turtee san amma immoo
Gadaan haala hammayyoomen qaramee ittiin buluun sirna namni hedduun hawwu.
Yeroo diinni nu bulchaa ture waan dhabne keessaa:
- Gadaa
- Biyya keenya
- Qabeenya keenya
- Aadaa keenya
- Afaan keenya
- Amantii keenya
- Siyaasaa mataa keenyaa fi kkf
Amma biyya keenya deebifnee ijaarranna ykn harka halagaa jalaa baafnee
ofiin of bulchina jennee ifaajee bara dheeraa, lubbuu qaqqaalii hedduu itti
dhabne. Kuun jiruuf ofii, maatii ofii, bultii ofii itti dhabe. Kuun biyyaa
bahee badheerratti dhume, kuun biyya keessatti manneen hidhaatitti affeelamaa
ture, jiras. Gadadoon ummata keenyarra gahaa turu waan duranaaf seena
barreessitooni galmeessanii kaahan ta'a.
Amma garuu yeroo murteessaa irra geenyee jirra. Innis yeroo alagaa
harkaa biyya keenya deeffachaa jirutti. Kanarra gahuudhaf wareegama kaffalames
nu martuu nibeekna.
Gadaan keenyas deebi'aa jiraachuu mallattoo heddutu jira. Biyya keenyas
nu harkatti deebi'uus karaarra jira. Qabeenya keenya ammas halagaatu harkaa
qaba. Kana deeffachuuf hojii cimaa barbaachisa. Aadaa, afaan, amantii keenya
kan bade deeffachuuf murannoodhan hojjechuu nu feesisa. Walumaagalatti biyya
keenya deebifnee ijaaruf tokkummaadhan akka biyyaatti gurmaahuu nu feesisa. Tokkummaadhan
gurmaahuu jechuun dhaabilee keenya kan siyaasaa fi hawaasummaa gurmuu tokkoo
waayee biyya keenyatirratti waliif galuun waan hundaa dursa. Kanaaf kora
Oromummaa yaammachuun mala boru osoo hintaane har'a godhachuu qabnu.
Biyya Oromiyaa deebifnee ijaarrachuuf dura Oromiyaa akkamii isa
jedhurratti waliif galuun murteessadha.
1. Oromiyaa biyya akkamii ijaarranna?
2. Ollaa keenya waliin akkamitti bulla?
3- Saboota nu keessa jiran waliin akkamitti bulla?
4. Saboota biyya Tophiyaa keessa jiran waliin akkamitti bulla?
5. Qabeenya keenya akkamitti deeffanna?
6. Qoodamni qabeenya keenya mootummaa federaalaa keessatti akkam ta'a?
7. Nageenya biyya keenyaa akkamitti tikfanna?
8. Daangaa biyya keenyaa akkamitti tikfanna?
9. Rakkoo wal jidduu jiraatu akkamitti hiikkanna?
10. Dhaaboliin siyaasaa Oromoo bakka bu'an dhimma Oromoo irratti yoo
xiqqaate ulaagaa akkamii qabaachuu qabu?
11. Gadaa keenya akkamitti
deeffanna?
12. Aadaa, afaan, amantii kkf
nu jalaa bade akkamitti deeffanna? Oromoo akkamitti waldanda'ee waliin bula?
13. Dhaaboliin siyaasaa Oromoo
kan saba biraa ykn biyyaa waliin yoo waliin galan dantaa Oromoo dabarsanii akka
hinkennine maaltu akka ulaagaa lafa taa'a?
Gaafilee murteessoo kana
fakkaatan hedduu deebii kennuufii qabnu kan biyya keenya deebifnee ijaarrachuuf
murteessoo ta'an jiru. Kana irratti hundaa'udhaan, tokkummaa qeyee Oromoo eega
ijaaramee booda qabsoo biyya keenya deebifnee ijaaruu irratti bobbaana.
Kuni akka dhufuuf kan ummanni
gaafii dhiyeessuu qabu malee dhaaboliin siyaasaa nuuf guutan jennee waan teenyee
eegnu miti.
Yeroo dhaaboliin siyaasaa
gaafilee bu'uraa dhiisanii maqaaf waliigaltee bu'ura hinqabne takkaaf lamaan
godhatan wanni Oromoon diduufis gaafileen bu'uraa waan deebii hinarganneefi.
Gaafilee bu'uraa kanaaf deebii kennuuf dhaabilee siyaasaa lama ykn sadi qofti
waliigaluun gahaa miti. Oromoon hundi kan keessatti hirmaatan, yaada nama
hundaatuu kan keessummeessu korri Oromummaa kan biyya oromoo deebisee ijaaruu
qindaahuu qaba. Kanallee warri Abbootii Gadaan abbummaadhan qopheessuu qabu.
Yoo kana ta'uu baate biyya keenya deebifnee ijaarrachuuf alagaa nu saamuf
nullee fixaa jiru ofirraa dhaabuf bara dheeraa nu gaafata. Qabsoon lubbuu
qaalin itti kaffalame kunis badheetti hafee allaattin nyaachuu malti. Kanaafuu
walitti wacuu dhiifnee Kora Oromummaa godhachuun murteessadha. kuni yaada
dhuunfaa kotiti.
No comments:
Post a Comment