Mirga Oromoo
argate eegaa, ofiifis mariidhan
Yeroo ammaa kana Oromoo mirga dur argatee hinbeekne
argachaa dhufuun isaa waan halamuu miti. Yoo xiqqaate Oromoon harki caalan
hidhaadhaa bahuun bu’aa tokko. Hanqinoonni hedduun akkuma jirutti ta’us bu’aan
argame kuni waan xiqqaa miti.
Bu’aa hara argame kuni immoo lubbuuf dhiiga ijoollee
Oromootin argame malee dhaaba siyaasaa tokkoon miti. Sabni Oromoo akka sabaatti
tokkummaadhan ka’ee kan diina cinaa hiriires kan lammii cinaa hiriires walitti
diigee irra oolee moo’ate.
Haata’u malee bu’aa lubbuun ijoollee Oromoo - QEERROOn
waggoota sadan darban kana qofa kuma jahaa ol ta’u itti dhabne kana wal saamun
mul’achaa jira. Dhaaboliin Oromoo anatu kana fide, anatu abbaa mirgaati isa
jedhurratti ifatti walirratti duulaa jiru. Kunimmoo dhumaatii har’allee
Oromoota gara dhiyaa fi bahaatin gaggeeffamaa jiruuf sababa ta’uu Oromoon
tolcheeti beeka. Keessattuu waliigaltee dhabuun DhDUO fi ABO shanee jidduu jiru
ummata keenya jeeqaa jira, jeequfis jira. Kana immoo ummanni Oromoo marti
sagalee tokkoon dhaabolii kana lakkii jechuu qaba. Nu gahe jedhanii maanguddoon
walitti fidanii dubbii kana ammumatti yoo goolabuu baatan ummata keenya dur
wayyaanen fixaa turte har’ammoo ofiif waloluu henna jechuudha. Diinni keenyas
tana keessa carraa argatee mataa ol qabachuuf ta’a jechuudha.
Hiikkon nuti qabnu akka saba Oromootti Jaarsummaa
aadaa keenyaa kan alagaan nuuf taa’u osoo hintaane kan nuti ofii taa’annu
godhachuu qabna. Dhimma kana waan hunda dura Abbootin Gadaa Oromoo walitti
dhufanii osoo oolanii hinbulin hiikkaa akka argatuuf ifaajuu qabu.
Dhaaba siyaasaa jaarsummaa didee ykn murtii maanguddoo
kanniinii dide kamuu ummataaf ifa ta’uu qaba. Yoos jeequmsi hafee kan Oromoo
dide ifatti beekamee ummanni dura dhaabbata jechuudha.
Hammasii garuu gareen kamuu olola hinbarbaachifne
walirratti oofurraa of qusachuun hedduu barbaachisaadha.
Siinqen teenya baatee lola dhaabsisuudhan mirga addaa
qaban san addunyaatti mullisuu qabu. Abbaan Gadaa labsii dabarsee bakka ummanni
keenya itti dhiigaa jiru kana dhaquudhan lola dhaabsisuun hedduun
barbaachisaadha. Guyyaa guyyaadhan dhiigni Oromoo bakka kamittuu jigu
dhaabbachuu qaba. Kan dur dhumnee hedduu nu miidhaa jira, nu gubaa jiraata.
Ammaa achi sabni oromoo rakkoo ofii rakkoo ofii hiikkachaa gaafa Afrikaatis
akkasumas addunyaadhafis hiikkoo ta’uu qaba malee ofii beekamtiifi waan
xixiqqoorratti wal lolaa diinaf lammata karaa saaquu hinqabnu.
Abbootii Gadaa dhimma kanarratti deeggaruu qabna,
jabeessuu qabna, bira dhaabbachuu qabna.
Abbootin gadaas dhimma kanaaf dursu kennu jedheen
yaada!