Dhaabotiin siyaasaa Oromoo kan seenadhaan qofa osoo hintaane
amma lubbuudhan jiran walitti dhufanii dhaaba cimaa lama ykn sadi ijaaran
hawwii Oromoo hedduuti. Akkuma mediyaa irraa argaa jirrutti Oromoo hawwii ofii
kana ibsachuurra darbee walgayiif seeminaara qindeessuudhaan akka walitti
dhufan haala mijeessaa jiraachuu agarra. Kana keessa kan ganna dura barattoonni
Universitii Finfinnee qindeessan marii jalqaba gaarii ture. Ammas marii mediyaa
irratti dhimma kana kaasun warri itti dhimman hedduu galata qabu. Kanatti
dabalataan Waldaan Qorannoo Oromoo (OSA) sagantaa ofii kan baranaa dhimma kana
godhatee ture. Marii bareedatu gaggeeffame dhaabotiin akka DHDUO keessaa
hafanis.
Walitti dhufeenya dhaabotii siyaasaa kana akkanumatti dimshaashaan
dubbachuun hiikkoo hinfidu. Hiikkoo kan fidu sirriitti babbaysanii walitti
dhufuu dura waan ta’uu qabu laaludha.
Dhaabotiin Oromoo asii gadii kuni yeroo ammaa kana akka
dhaabatti walcalanis socha’aa jiru.
1. ABO shanee Gumii (Jaal Dawud Ibsaa)
2. ABO Tokkoome (Jaal Jaarraa Abbaa Gadaa)
3. ABO QC (Jaal Galaasaa Dilboo)
4.
KFO (Dr Mararaa Guddinaa)
5.
DHDUO (Dr Abiy Ahmed)
6.
ATWO (G. Kamaal Galchuu)
7.
ADO (Obbo Leencoo Lataa)
Dhaaboliin kuni walumatti garuu yoo akka dhaabatti keenye:
1. ABO
2. KFO
3. DHDUO
4. ATWO
5. ADO
Dhaabolii
kuni shanan walitti dhufanii lama ykn said ta’uu dura garuu hidhaa keessa jiran
hiikkachuutu isaan barbaachisa. Dhaaboliin kuni harki irra caalan dhaabolii
saboota biraa waliin waliigaltee qabu.
1. ABO (waliigaltee PAFD- kanasa dhaabolii
OLF, ONLF, SNLFt, GPLM, BPLM)
2. KFO (Medrek – waliigaltee OFC, ESDP,
SEPDC)
3. DHDUO (EPRDF – dhaabolii- OPDO,
TPLF, ANDM, SEPDF)
4. ATWO (kuni garuu walitti makamuu
daabolii sadiiti gaaridha- KWO, ATUO, FIO)
5. ADO (waliigaltee – Ginbot 7)
Dhaabotiin
Oromoo shanan kuni dhaabotii saboota Toophiyaa waliin akkuma olitti kaahame
kana waliigaltee godhataniiru. Haata’u malee garuu waliigaltee isaanii kan dhaabota
saboota biraa waliin qaban kana dura dhaabotii Oromootin waliif galuu qabu.
Waliigalteen isaan amma dhaabotii alagaa waliin qaban kuni yoo kan waliigaltee uumuf
hawwan kana kan daangessu ta’e sakaallaa san keessaa bahu qabu. San booda
walitti dhufuudhan akka hundee aadaa Oromoo sirna Gadaa ka’uumsa godhachuudhan
ijaaramuu danda’u. Dhaabotii xiqqeessudhaan kan walitti makan eega makamanii booda
kan ciminaan ijaaraman lameen ykn sadeen agoobara tokko ijaarrachuu danda’u.
Egaa Tokkummaa Dimokiraasii Oromoo haaraa ijaaramu kanatu yoo barbaachisaa ta’e
dhaaboii halagaa waliin gala.
Yeroo ammaa
DHDUOn kan biyya bulchaa jiru EPRDF waliin waliigalteedhan filatameeti. Kuni
waliigaltee inni godhurratti haala biyya gaggeessuu irratti maal fida inni
jedhamus akka mootummaan kuni ammaaf hindigamne laalun gaaridha. Qorannaa gahaa
gochuun akka waliigalteen kuni hindiigamne godha. Dura qorachuuf gareen dhimma
kana hojjetu itti dhimmu ijaaramuun hedduu barbaachisaadha.