Friday, January 24, 2020

Arsii Diida’aa biyya dagatamte – gaafa tokko yaadatamtii laata?

Nama Arsii Diida’aa hinbeeknef, karaa guddicha Hadaamarraa gara Asallaa deemu kanarraab yoon Itayya geessan gara baha biiftuu deemtu. San booda magaalota akka – Hurutaa- Loodee – Diksiis keessa baatanii Roobee Arsii geessu. Daandin Rooberraa kara sadi qajeela. Tokko Achii Habe- Addeellee- Bale keessan Seeruu dhaqa. Inni Lammeessoo Rooberraa – Sedika – Indato dhaqa. Indato magaala qarree Laga Waabee jirtu. Karaa sadeesson immoo Rooberraa kara tulluu Cilaaloo kan qajeelu yoo ta’u inni immoo Xiicho dhaqa. Har’a hinta’inii Xiicho bara durii magaala gudditti Godina Arsii turte.
Karaa baha biiftuu hamma Kullaa Suudee hamma Arbaa Guuguu marti Diida’a jedhama.
Biyyi Diida’aa kuni biyya oomisha midhaanitiin beekame. Qamadii, Xaafii, Shumburaa, atara, nuuguu, talbaaf midhaan hinmagarre hinjiru. Lafti isaa irra caalan kooticha yoo ta’u naannaa tokko tokko daarof diimileedha. Lafa qonnaaf midhaan oomishuudhan mijatadhaa. Qilleensi Diida’aa Badda, Baddaa Badareef Gammoojillee qaba. Baddaan isaa hamma Tulluu Cilaaloo dhaqqaba. Gammoojjin isaa hamma laga Waabee dhaqqaba.
Magaalan Roobee laga lamatu irratti walgaha. Isaanis laggeen Tulluu Cilaaloo irraa maddan yoo ta’an Laga Roobe fi Laga Qaciinoo jedhamu. Biyyi tuni mootummoonni dhufan hunduu kan dagatan yoo ta’u yeroo tokko ishii yaadatu. Eeyen yeroo birraa. Yeroo midhaan oomishamu konkolaatan addunyaa kana waan walharkisee dhufe fakkaata. Midhaan achii fe’atee deema. Mootummaanis gibiraaf gatii xaa’oo yeroo midhaan gahe kana irraa guurrata. Sanii booda hamma waggaa dhufuu namni achi maru hinjiru. 
Daandin cirrachaa Itayyarraa gara Roobee kan hojjetame bara Darguu keessa Qonna mootummaa kan Amiinyaa jiruuf Diksiis jiru irraa oomisha fudhachuufi. Eegasii yeroo takka takka kan cirracha kana irratti bittansan malee namni isa yaadatu hinjiru. Eeyyen edaa nan dagadhe, wagga waggaadhan yaadatu. Kan yaadatanis daandii san tolchuuf osoo hintaane qarshii ittiin nyaachufi. Bajanni daandii Itayya – Roobee - Gaasaraa asfaaltii ijaaruf kan kenname jalqaba wagga 27 dura ture. Eegasii wagga waggaadhan yeroo bajetaa dandin suni inuma eegalama, san booda hamma waggaa achii badu. Ammas wagga eeganii bajeta ofiitif jalqabu. Kan jalqabu kaampanii Chaaynaa yoo ta’u bara maraa waadaa galeetuma deema. Wanni nama jaa’ibu pirezidaantiwwan naannoo Oromiyaa hundumtuu dhakaa bu’uraa daandii kanaaf dhaabanii turan. 
Daandin waan cicciteef ummanni geejjibaaf hamma silaa kaffaluu qabuun ol harka shan dabalee kaffala. Sababiin isaatif konkolaatan tole jedhee waan hindhaqneef taarifaa ol kaffalchiisa. Seerri biyya san harcaatee hammi geese xiqqoodha, foolisiin tiraaifkii gooftaa biyyaati. Foolisiin akka barbaade nama tuma. Biyya san foolisiin guyyaa guyyaan yakka hojjetuuf homtuu hingaafatu. Nama hidhuun seera tiksuu fakkaatti. Tiraafikiin qarshii ofii argannaan seerri isa hincinqu.
Nama afrtu biyya san miidhe:
1- Mootummaa – gibira irraa guurratee san booda ibsaa, daandii, kkf hingalchuuf. 
2- Daldaltoota – Biyya sanitti daldalatanii gaafa maallaqa argatan gatanii Hadaamaa biraa galu
3- Bakka buutota ummataa – mindaa ofii argannaan waggaatti al tokko gara Diida’aa deebi’u.
4- Namoota biyya sanitti baratanii hojii ofii argannaan biyya san gatan
Diida’a, biyya Dagatamte, gaafa tokko yaadatamtii laata?
Ummannif dhalataa naannaa sanii kutatee ka’ee wal gurmeessudhaan mirga ofii gaafachuu qaba. Nama isaaf ta’u kan isa saamu osoo hintaane kan guddisu filachuuf ammumarraa of gurmeessuu qaba.
No photo description available.
Image may contain: sky, outdoor and nature
Image may contain: outdoor, possible text that says 'ARSI ROBE'


No comments:

Featured Post

Raadiyoo Damablii gabaabaa

Odeeffaannoo baadiyyaa dhaqqabsuuf tamsaasa raadiyoon dambalii gabaabaa qabaachun murteessadha. Ummata keenyaa dammaqsuun maalumaafuu mur...