Ammatti maaltu nuuf mala!
sochii siyaasaa Gaafa Afrikaa yoo laalan yeroon ammaa tuni yeroo morkii xiyyeeffannaa itti argachuuf dorgoman fakkaatti.
Wayyaanen ilaalcha fi xiyyeeffannaa Ameerikaa moo'attee akkuma duraa sababa makaraarsitootaa kanaan fayyadamtee aangoo of harka tursiisudhaaf keessattuu filannoo itti aanus harkatti qabachuudhaf fiigichatti jirti. yoomuu caalaa haalli addunyaa jalaa waldhayaa haa jiraatu malee mormitoota ishii muddan waan hinqabneef yaaddoo guddoo hinqabdu.
Dhaabileen siyaasaa habashaa yoomuu caalaa waldiigaa jiru. Kana dura tasuma ka'anii aangorratti deebi'uudhaf wanni isaan hineegin isaan mudatus diiggan hammana hinjedhamne isaan hedduu gale. Ofii walharcaasurra darbanii garuu ammaaf abdii homaa hinjiru. Ta'us hamma Toophiyaa keessatti sabni biraa angoo qabatu Wayyanumti irra turuu filatu.
Dhaaboliin siyaasaa Oromoo yeroo ammaa kana wal falmiirra darbanii waliin hojjechuuf oduurra waan darbe hinjiru. Hawwiin tokko tokko jiraatus firiin mul'achuuf bara fixa. Ammaaf sabni Oromoo hidhaa, gadadoo Wayyaannee jalatti gaaga'amaa jiran. Qabsoon oromoo hafuurri kan bade kana mul'isuuf waa sochii biyya keessatti kan godhu guddoo feesisa. yookan jiraachun qabsoo kanaa hafuura qofaa ta'ee hafa.
Walgahiiwwan birraa kanaa hoo maal waan haaraa nuuf fidu laata?
Diigamuurra dabarree ijaaramuu jalqabnaa laata?
yeroo gaarii
Simbirroo
Wednesday, May 27, 2009
Subscribe to:
Post Comments (Atom)
Featured Post
Raadiyoo Damablii gabaabaa
Odeeffaannoo baadiyyaa dhaqqabsuuf tamsaasa raadiyoon dambalii gabaabaa qabaachun murteessadha. Ummata keenyaa dammaqsuun maalumaafuu mur...

-
Why Norwegian politicians are supporting Ethiopian dictator? Norway is known for its humanitarian and human rights support. It has been i...
-
Biyyi takka jiraachuf lafa, ummata, afaan, aadaa, seenaa kkf qabaachun bu'ura dubbiiti. San booda immoo biyya san kan bulchuuf sirna i...
-
Dhaaboliin siyaasaa Oromoo dhugumaan haala ummanni keenya keessa jiru xiinxaluun tarkaanfii haala uummanni keenyaa keessa jiru waliin deemu ...
1 comment:
what a wonderful article. Jabaadhu yaada gaaridhaa.
Post a Comment