Oromoon yoo eebbisu xumura irratti 'moraa irrattan muree, muraa muri'jedha. Kunillee kan eebba nagaa san jibbu balleessuf jedhamee akka ta'e wal nama hingaafachiisu.
yeroo ammaa kana dhaaboliin siyaasaa oromoo keessattuu ABO-wwan walitti deebi'anii dhaaba tokkicha diigan san ijaarrachuudhaf carraaqaa jiraachuu isaanii halagaafi firrillee gurra qisee dhageeffata.
Kuun eegee dhabee, ifatee soba jedhee kan dhiise ta'us kan obsafi abdii qabu inuma hordofaa jira. Fiiri gammadee, halagaan/diinni immoo fashalsuuf kufee ka'aa jiraachuun dhoksaa miti. Yeroo kana warra haata'u jedhanii dhaaba kana deebisanii ijaaruf carraaqaa jiran oromoota dhimmi saba isaanii garaa nyaatte.
kan kana fashalsee oromoota wal nyaachisaa jiraachuu fedhu immoo warra wallola kana keessa gabaan baatefi carraa aangoo harcaatuu bakka namni dhabametti argataniifi eeggatani. Ilmi moraan yoomuu hinguddatu, haata'u malee gufuu ta'uun inuma mul'ata.
namoonni akkasii kunniin harcaatun tuni nu jalaa baati jedhanii asii achii namoota dammaqsaa yoo jiran kuun immoo araaraf qalbii isaatin hojjeta.
kan nagaa sabaa jibbu moraa qofa jennee yoo abaarre cubbuu miti!
Yoo dhaabni gara gara bahe kuni walitti deebi'ee of jabeesse sabaaf abdii ta'a-waan ummanni hawwus dhiyoo ta'aa deema.
muraa irrattan muree muraa muri!
Galmoo
Subscribe to:
Post Comments (Atom)
Featured Post
Raadiyoo Damablii gabaabaa
Odeeffaannoo baadiyyaa dhaqqabsuuf tamsaasa raadiyoon dambalii gabaabaa qabaachun murteessadha. Ummata keenyaa dammaqsuun maalumaafuu mur...

-
Why Norwegian politicians are supporting Ethiopian dictator? Norway is known for its humanitarian and human rights support. It has been i...
-
Biyyi takka jiraachuf lafa, ummata, afaan, aadaa, seenaa kkf qabaachun bu'ura dubbiiti. San booda immoo biyya san kan bulchuuf sirna i...
-
Dhaaboliin siyaasaa Oromoo dhugumaan haala ummanni keenya keessa jiru xiinxaluun tarkaanfii haala uummanni keenyaa keessa jiru waliin deemu ...
No comments:
Post a Comment