Tuesday, November 9, 2010

Yaada nama 'Eessaa Karam' dubbiserraa

GAAFII:
Duraan dursee nagaan koo kabajamaani fi kan Oromummaa iddoo jirtutti si haaga’u kan jedhu Ani Qananiisaa T. Dabalaa yeroo ta’u, Dhimmi ani irratti siif barreesudhaaf murteessef yeroo kitaaba kee kan Qabsoon Oromoo Eessaa karam jedhu dubbisaa turetti yaada beekaa ture tokko kan garuu akka kitaaba kana irratti tuqametti xinnoo isa ani beeku sana woliin wolitti narraa buunan caldhisee dubbisee bira darbuurra mee yaada kana barreesichaa ibsee hook an jedhu yaadeti. Innis waa’ee dhimma kitaabicha fuula 95 keeyyata dhummaa irratti ibsame ta’a.
Kunis akkana jedha Sabni Oromoo gosa qaba ergii jedheen booda akkaataa tartiiba hangafummaa fi qixusuutin akka isaan bakka shanitti qoodamaniif atis immoo akka barreeffama keetif madda Gammachu 1994 irraa argatteetti lafa keewwame.

Oro
Oromoo
Booranaa fi Bareentuma (Ituu,walloo,Arsii,Humbana)
Boorannii immoo
Bo.Kaabaa (Maccaa fi Tuulama
Bo. Kibbaa (Sabboo fi Goona)
Giddu galeessaa jechuun Gujii (ilmaan sadii qaba)
Eegaa anis kan yaada kana ibsuu barbaadef Gujiin Sabboo fi Goona jala hin jiru kanaaf immoo ragaan koo Sabboon ilmaan sadii yoo qabaatu.Goona immoo Fullaleessa fi Harooressa jedhee ergii adda ba’een booda isaan lachanuu balbala saddeeti sadeeti ofi jalaa qabu. Kanaaf goonii baldhaa fi Sabboo sadeen jedhamee beekkama.
Kanaaf Gaaffin koo gosoota Oromoo shanan keessa Gujiin eessa jala jirti jechuudha. Akkuma beekamu akka Gujiin Tuulamaa fi Macca jala hin jirree kun ifa wwan ta’eef. Dhimmii gosni saba Oromoo iddoo shanitti qoodama ykn hirama jedhu kun irra deebi barbaachisa.
Wolumaagalatti sitti baay’isuu kootif dhiifama si gaafachaa mee dhimma kana madda Gammachuti alatti ati akka barreessaa tokkootti hammami akka yaada kana irratti otoo hin barreesin qorannoo goote fi taanan immoo Gujiin eessa jalatti akka ramadamtu ibsan waanan barbaadef.
Kanaa ala haallii kitaabichaa baay’ee bareedadha,of eeggannoo cimaadhan barreesite jechuun koo dhimma qabsoo Oromooti fi Haallii jiru maal akka turee fi maal ta’uu immoo akka qabuu fi sabichis isa darbe irraa hubatee/ykn baratee sichi maal godhu akka qabuu fi akkasumas dhaaba keenya keessatti hojiilee akkamitti akka hojjatamaa turanii fi jiran irratti yaadii jiru sirrumaa fi kan nuyi hunduu dhimma kana ija keenyan arginee fi raga itti baanudha.
Gadaan Gadaa bilisummaati.
Injifannoon Ummata Oromof!!!
Qananiisaa T Dabalaa
Sadaasa 03, 2010
Canada

DEEBII:
Obbo Qananiisaa,

Dhaamsa keetif hedduu galatoomi. Namni waan namni tokko barreesse laalee yaada gabbisaa akka keetii kana kennu baay'ee miti. Keessattuu nuti Oromoon waan ormaa malee keenya xiinxallee akka fooyya'u gochuun heddu hinmul'atu- kanaaf galatoomi.
Yaada ati gama gosa Oromoo kitaabA Qabsoon Oromoo Eessaa Karam keessatti kaase laalchiftee naaf ergite sirriidha. Jalqaba barreeffama san keessatti waayee gosaa eeree dabruuf malee akkuma agarte fuula takkaa bakka hinguunne san keessatti waan gosa oromoo bal'aa kana jechuun hindanda'amu.
Haata'u malee eega ka'ee wanni barreeffamu suni kan sirrii ta'e ta'uu qaba. Kanaaf akkuma atuu jette wabiin ani eere suni akkasitti haaka'u malee yoo gadi fageessinee laalle yeroo hedduu ' Gujii' irra darbuutu mul'ata. Akkuma 'sabboo fi goonaa' keessatti lakkaa'anii dhiisutu mul'ata. Anis sanirraa wannan fooyyeesse hinjiru. Kuni waanan duranaa yoon barreessu fooyyessu keessaa isa tokko-guddoo ulfaadhu. Dhimmin irratti barreesse irra caalaa qabsoo waan tureef waayee gosaa kanarratti hinxiyyeeffane.
Akkuma atuu jette gosa Oromoo akka adda addaatitti kaa'u namoonni adda addaa, garuu irra caalan kanan hamma ammaa laale keessaa:
Oromoo
Boorana
       Boorana kaabaa (Macca, Tuulama, Raayyaafi Aseebu(Wallo)
       Boorana kibbaa (Sabbo, Goona, Gujii)
Baarentuma
      Arsii- (sikko fi mando)
      Ituufi humbana

Kana keessatti barreessitoonni tokko tokko Raayyaa Macca jalatti galchu. Kuun immoo wallo Baarentuma jalatti galchu.
Kitaaba (seenaa Oromoo hamma jaarraa 16ffaa) jedhu tokko keessatti qorannoo manguddoota irraa godhameen kan kaayame, irra caalaa gadi fageenyan agarsiisa. Yoo argattee kitaaba kana kan biyyatti maxxanfame dubbifte baayee gaaridha. Gosoota Oromoo bal'inaan akkataa caasatiin kaayamaniiru. Innis dogoggora hinqabu jechuu koo miti-fooyyee qaba jechuu kooti. Egaa waayee kanarratti qorannoo gahaa gochuutu nurraa eegama jechuudha.
Ammas irra deebi'ee yaada keetif guddoo galatoomin siin jedha.
AT Irkoo

No comments:

Featured Post

Raadiyoo Damablii gabaabaa

Odeeffaannoo baadiyyaa dhaqqabsuuf tamsaasa raadiyoon dambalii gabaabaa qabaachun murteessadha. Ummata keenyaa dammaqsuun maalumaafuu mur...