Ummanni keenya amma maal barbaada?
- Dhaaba waa fidu malee dhaaba seenafi hawwii itti himuu miti.
- Dhaaba waa godhu malee ka’aa jedhee kaasee yoo uummanni rukutamu akka ofii waa godhee kan dhaadatuu miti
- Dhaaba ammatti mala baasee salphinna sabni Oromoo yeroo ammaa kanatti keessa jiru keessaa isa baasuu malee baraan dhaadannoo dhageessisaa kan jiraatuu miti.
- Qabeenya biyya keenyaa yoo nyaaphni itti bobba’ee kaan saamee kaan gurguratu kan alaa taa’ee oduu himu osoo hintaane kan ummata cinaa dhaabbatee falmu fedha.
- Dhaaba waan dhaabateef hojiin mul’isu malee maqaa qofaaf ijaaramee yoo birraan bari’u biyyoota ormaa irra naanna’uun Oromoo irraa horii gurrachaa jiraatuu miti.
- Dhaaba saba ofii cinaa dhaabatee diina yoo xiqqaatee xiqqaate irraa dorsisu malee kan ala taa’ee intarnetiidhaan ibsa baasuu miti.
- Haala amma itti fayyadamaa jiran kanaan, dhaaboliin raadiyoo ofiitin labsii hedduu tarreessun sabaaf badii malee tolli inni fide hinjiru.