Sunday, December 19, 2010

Ummanni Oromoo Dhaabota siyaasaa irraa maal eega?

Dhaaboliin siyaasaa Oromoo dhugumaan haala ummanni keenya keessa jiru xiinxaluun tarkaanfii haala uummanni keenyaa keessa jiru waliin deemu fudhachuu qaban malee bara baraan abjuu hinguunne itti himuu ummanni dhagahuu ifatee jira.
Ummanni keenya amma maal barbaada?

  • Dhaaba waa fidu malee dhaaba seenafi hawwii itti himuu miti.
  • Dhaaba waa godhu malee ka’aa jedhee kaasee yoo uummanni rukutamu akka ofii waa godhee kan dhaadatuu miti
  • Dhaaba ammatti mala baasee salphinna sabni Oromoo yeroo ammaa kanatti keessa jiru keessaa isa baasuu malee baraan dhaadannoo dhageessisaa kan jiraatuu miti.
  • Qabeenya biyya keenyaa yoo nyaaphni itti bobba’ee kaan saamee kaan gurguratu kan alaa taa’ee oduu himu osoo hintaane kan ummata cinaa dhaabbatee falmu fedha.
  • Dhaaba waan dhaabateef hojiin mul’isu malee maqaa qofaaf ijaaramee yoo birraan bari’u biyyoota ormaa irra naanna’uun Oromoo irraa horii gurrachaa jiraatuu miti.
  • Dhaaba saba ofii cinaa dhaabatee diina yoo xiqqaatee xiqqaate irraa dorsisu malee kan ala taa’ee intarnetiidhaan ibsa baasuu miti.
  • Haala amma itti fayyadamaa jiran kanaan, dhaaboliin raadiyoo ofiitin labsii hedduu tarreessun sabaaf badii malee tolli inni fide hinjiru.
Kanaafuu dhaaboliin sabni dhaabbataniif gadadoo inni keessa jiru hubatanii tarkaanfii hinfudhanne jiraachurra baduu isaaniititu irra sabaaf tola - uummanni rakkoorratti rakkoon itti dabalamuu dhiiseti dhaaba hinqabnu jedhee beekee mala dhayataa.

Oromoota biyya alaa jiraniif:


  • Qabsoo Oromoo kan gaggeessaa jiru Oromoota biyya keessatti nyaaphan gaaga'amaa jiruufi bosonatti lubbuu ofii kenne. Kan ala jiru garuu irrumatti qabeenyafi hamileedhan cinaa dhaabachuu malee akka abbaa qabsoo tanaatitti of laalee itti seenee booressuu hinqabu. Kan ani nan qabaasa'a jedhee ofitti amane gara biyyaa galee bosona seenudhaan qabsaa'udha. Kanaan ala qabsoo akka ofii gaggeessaa jiranii ala taa’anii booressun bu’aarra badiitu caala. Biyya baqattoonni bilisoomsanis seenaa keessatti hinmul'anne.
  • Bu'aa dhuunfaa dursuu hinqabnu. Qabsoo kan gaggeeffamaa jiru namoonni xiqqoon aangoo akka argataniif osoo hintaane biyyi akka harka nyaaphatii baatee ummata Oromoo harkatti deebituuf. Kana ta'ee osoo jiruu namoonni garee ijaarrachuudhan gaafa qabsoo jallattee karaarraa maqxe osoo hintaane gaafa ofii aangoo harcaatuu dhaban utaalanii walitti dhufeenya ummata keenyaa booressuu hinqaban. Wanni yeroo hundaa yaadachuu qabnu tokko sabni Oromoo bara dheeradhaaf alagaan akka garaa garummaan keenya bal'atuuf waan ifaajaa tureef; kunis karaa amantiifi gargar fageenya lafaa, teessuma lafaa, gosaa kkf gargar waan nu faggeessaa turaniif sarara nyaphni sarare kanaan fayyadamanii namoonni muraasni lammii ofii gargar faggeessuu hinqaban. Yoo dhuguma qabsoodhaf adoodan ta'e ummata Oromoo siyaasaa fooyya'aadhan amansiifachuun waan gaaridha. Kana ta'uu baannan itti gaafatama seenaa jalaa hinbaanu. Kana ta'uu baannan akkuma biyyota olla keenyaa gosaan walqoodanii walballeessan san daandii saaqaa jirra jechuudha.
  • Oromoon kaleessa kan waliin jiraachaa ture ati Arsi waan taatef ana bira hingahin, ati Wallagga waan taatef natti hindhiyaatin waliin jedhee miti. Saba tokko ta'uu isaa amaneetuma waliin qabsaa'aa ture. Haata'u malee garuu gandummaatti fayyadamuufi garee ofii ijaarrachuun kuni kan jalqabame keessattuu ABO kessatti har'aa kalee miti. Bara dheeradhaaf gosaafi gandaan fayyadamuudhan caasaa mataa ofii dhaaba keessatti ijaarrachuudhan qabsoo qullaa hambisuun waan kana dura wagoota heddu duraa jalqabee hojiirra oole. Haata'u malee garuu waan fuulduratti dhala keenyaf tolu waan hintaanef asumarratti jala sararree dhaabuu qabna. Akkaatan qabsoos ta'ee sochii ittiin goonu haala amantii, gosaafi kutaadhan ummanni walitti makameen ta'uu qaba. Maqaa kutaafi amantiitinis waldorsisuudhan maqaa walii xureessun boru maal fida isa jedhus fageessinee yaaduu qabna.
  • Namni tokko waanuma biyya alaa dhufeef siyaasaa beeka jechuu miti. Namni fageessee yaaduu hindandeenyefi ilaalchi isaa laga gama dabarsee yaaduu hindandeenye waltajjii banaa karaa intarnetii argachuudhan waan boruuf addaan nu kutu haasa'un saba keenyaf diiggaadha. Keessattuu Oromoon biyya ambaa jiru gaafii kana of gaafachuu qaba osoo waltajjii hinkorin dura:

  • Ani seenaafi aadaa Oromoo hagaman beeka?
  • Kan ani bakka itti dhaladheen ala Oromoo maal faa qaba?
  • Waanan ani dubbadhu kuni booda maal fida?
  • Seenaa siyaasaa Oromoo beekaa?
  • Anuu eenyu akkan ta'e of beekaa: beekumsa kiyyafi dammaqiinsa kiyya?
  • Namni biraa ana caalaa beekuu nimala?
Kan jedhu irra deddeebinee of gaafachuu nu barbaachisa. Yaa Oromoo waan taa'anii fannisan dhaabatanii buusun nama dhiba jedhu maaguddoonni durii yoo mammaakan. Wanni nuti amma ala teenyee akkuma nuuf aanjen haasofnu kuni oolee bulee lammii keenya gargar faggeessuu akka danda'u sirriitti yaaduu qabna.

Kana yoo jennu namni lammii ofii walitti fiduuf lammii ofii barsiisuf ifaajaa jiru biyya alaa hinjiru jechuu miti. Kan jireenya ofii dhiisanii bara dheeradhaaf of kennanii dalagaa jiranis hedduudha; kan asii olitti eeraman kanaan dhuunfatamaa dhufanillee.

Gaafii yeroo hundaa mataatti nama dhufuu danda'u tokko lammiin keenya keessattuu kan biyya ormaa jiruu maatii isaa aadaa, seenaafi afaan isaa barachuudhaf hiree hinargatin meeshaa quunnamtii baraa kan akka intarneetii kana fayyadamee wal barsiisudhaaf wanni ifaajaa jiru jiraa? Hamman intarnetiirratti marii maqaa Oromootin banaman keessa seenee laaletti kanan arge harka dhibba keessaa harki 90 kan ta'u waayee siyaasaa irratti walitti duuluu yoo ta'u kan hafemmoo amantii halagaa qorachuufi barachuudha. Oromoon garuu kan ofii afaan, aadaa, seenafi amantii kaasee kan mari'atu baay'ee xiqqoodha. Egaa kana xiinxaluudhan mariin siyaasaa biyya keenyaa qabsoo keenyarratti taasifnu barbaachisaa ta'ee osoo jiruu akkasuma duudhaa qabna jennee himannu har'umarraa walitti qabaa, xiinxaluufi wal barsiisaa deemun barbaachisaadha.

Waantota fooyya’uu qaban keessaa:
Waltuffii dhiisudha- sabni keenya akka waan aadaa hinqabnee wal dhagahuufi xiyyeeffannaa waliif kennun xiiqqaate. Xiqqaafi guddaan aadaa midiyaa baraa kanaan dhuunfatamee wal dhagahuufi waliif kabajaa qabaachuu dhiisaa deemun guddoo nama yaaddessa. Aadaa sabni Oromoo qabu keessaa inni guddaan wal dhagahufi waliif kabajaa qabaachudha. Suni hinjiru taanan waliin biyya ijaaruu hindandenyu. Biyya takka waliin guddisuun hindanda'amu. Dhala keenyallee waan dhaalchifnu hinqabnu jechuudha. Sabni wal hindhageenyefi guddaafi xiqqaan waliif kabajaa hinqabne duubni isaa badii ta'a. Mee fakkeenya Somaalee laalaa. Wal dhageettii dhabuufi gosaan wal qoodurraa akkasumas gosti kiyya kan kee caala ilaalcha jedhurraa kan ka'een waggoota 20n dabreef biyya ofii diiganiiru. Ammallee deebisanii ijaarachuudhaf abdiin yeroo dhiyootti hinjiru. Namoota muraasa isaanii akkan dubbisetti biyyi diigamuun kuni warri saamichaaf itti tole deebitee akka ijaaramtu waan hinfeenef horii kaffalanii araara ta'uuf jedhu mara jeequn bittiinsaa jiru. Nu Waaqayyo akka biyya ollaa keenyaa san nu hintaasisin, nuun haa didu jechuudha.
Bilisummaan tolaa hinjiru- kanaafuu sabni tokko akkaataa itti bakka fedhe san gahu tolchee qiyyaafachuu qaba. Bilisummaa argachuudhaf waggaa dheeraa waraana gaggeessurra yoo danda’ame mirga xiqqoo argataniin itti siqfachaa dhawaata bakka fedhan san gahuutu caala. Kunis qabeenyafi lubbuu badu qusata jechuudha.

Kana jechuun alagaan harka duwwaa taa’anii yoo mirga naaf kenni jedhaniin tole jedhee namaaf laata jechuu miti. Alagaa kan nama sodaatee nama dubbisuuf qophaa’u yoo xiqqaatee xiqqaate waraana qabaatanii akka jirullee yoo itti mul’isan qofa. Harka duwwaa namuu nama hindubbisu. Biyyoonni ambaa kan nama gargaaranillee yoo boruuf waa namarraa abdatan qofa. Yoo humna qabaachuu namaa argan qofa. Kan waa hinqabne alagaa dhiisii lammiinuu hindhagahu.

Harka kaanin dorsisaa karaa biyya ofii eega gahanii booda waliratti osoo hintaane qiyyaafannoofi tooftan alagaarratti ta’uu qaba. Biyya ofii harkatti galfachuudhaf beekan gorsaan, jaarsi malaan, dargaggeessi humnaan, jaartin malaan, alaa manaa qajeelfatanii bobba’uun barbaachisaadha.

Dhaaboliin Oromoo akkuma alaagaadhaf kabajaa qabaatanii waliin haasa’an dhaabolii saba ofiitifis kabajaa qabaatanii waliin akkaataa itti biyya bulchan mari’achuun waan boru osoo hintaane har’a ta’uu qabu. Gadaarraa wanni barannu jiraa? Eeyyen, Gadaan paartii shan kan walmarsaa osoo walirratti olola hinbanin kabajaadhan aangoo eebbisee walirraa fuudhu. San malees warri dura biyya bulche kan san booda dhufuuf karaa akeekaa-Yuba ta’a. Yubni kan Gadaa ofii dabarsee kenne yoo ta’u dargaggoota fuulduratti biyya bulchan leenjisan, barsiisan. Kan lolu waraana barata, kan biyya bulchu bulchiinsa barata, kana qabeenya too’atu akkaataa horii qabatan barachuufi kkf. Waltuffiifi wal jibbiinsa malee kabajaadhan waliin biyya ijaaruf jaarraa 10ffaa durarraa jalqabanii akkaataa kanaan abbootin Gadaa dabareedhan biyya bulchaa turan hamma alagaan biyya keenya cabsutti.

Bara heddu dura jalqabee Gadaan ilmaan Oromoo walqixxee bulchaa ture. Tokko kaan hincaalchifne. Hundumtuu karaa gosa ofii nama keessaa waan qabuuf hirmaannaa qabaachuu isaa nibeeka. Rakkoo xiqqoo olla keessatuu osoo hintuffatin barbaachisaa taanan gumiin biyyaa nilaala. Dubbii tokko jaarsoliin ollaa laalanii murtii jaarsaa yoo kennanii naamni itti murame suni dubbii san itti quufuu baate maanguddoo gosaatti dhiyeeffata. Maanguddoon gosaa laaltee dubbii kana fala hiikkaa isaa yoo dadhabde karaa hayyuu gosaatin gara Gumii Biyyaa dabarsiti. Gumii kunis fakkeenyaf kan akka Gumii Gaayoo Booraanatti waggaa sadeetitti yeroo tokko walgahu jechuudha. Garuu dubbii waggaa sadeeti haa eegdu jechuu osoo hintaane akkaataa caasaa jiruu aadadhaan akkana jechuudha.

Kunis kan agarsiisu hagam tokko namuu mirga mataa ofii akka qabuufi seeran malee waa namatti akka muramuu hindandeenye, yoo muramellee ol iyyachudhan ofirraa kaasun waan danda’amuuf mirgi dimokiraasii jiraachuu isaati. Seerri akkasii kuni Oromiyaa keessatti Booranaa, Gujii, Arsii, Tuulama, Macca akkasumas bakka gara garaatitti har’allee itti bulaa jiru.

Tokkummaa hundee hinqabne ijaarurra garaa garummaa wal kabajaa qabutu caala. Kana jechuunis dhaaboliin Oromoo hamma ammaa yeroo gara garaa agoobara lama ykn san caalaa ta’anii haajalqaban malee kan milkaaye hinmul’anne. Kunillee walitti dhufeenya akkamii akka godhatan sirriitti osoo hinxiinxalin ijaaramerraa ta’uu danda’a. kanaaf fakkeenyi gaarin THBOdha.

Dhaaboliin siyaasaa walitti makamanii dhaaba tokko qofa ijaarun dirqamaa miti. Garuu yoo kophaa ta’an waljibbuufi walirratti duulunis barbaachisaa miti. Kabajaadhan morka gaaridhaan waliin hojjechuu biyyoota guddatanirraa barachuu qaban. Kunillee waan biyyoota qaroomanitti agarru ummanni miliyoona 4 hincaalle dhaabota siyaasaa gara sagalii qabu. Haaluma kanaan wal morkii gaaridhaan namni akka isaan filatu amansiifachuudhaf ifaajan malee waan hinjirreen maqaa walii xureessanii walgahii tokko yaame kuun akka itti hindhaqne tuma hintuman. Guyyaa midiyaa irratti waliin falmaa yoo oolan san booda walumaan akkamitti biyya akka bulchan mari’atan.

Egaa walumaagalatti dhaaboliin siyaasaa yoo xiqqaatee xiqqaate lamaa ol jiraachuun barbaachisaadha. Akkuma biyyoota hedduutti mul’ate tokkicha taanan olaantummaan dagaagaa deemee abbaa irree(dictator) ta’aa dhufa. Kan isaan morku waan hinjirreef guddinaaf osoo hintaane akkamitti ummata dhiitee akka bulchu yaadutu dhufa.

Dhaaboliin Oromoo walitti dhufanii agoobara takka ijaarurra dhaabolii sadi ta’anii morkii gaaridhaan biyya bulchuutu irra filatama. Fakkeenyaf gareen dhaabolii ABO irraa bahanii walitti dhaaba tokko yoo ijaaratan mala gaarii ta’a. ABO gareen sadeenis walitti dhufanii dhaaba cimaa dhaabolii biraatin morku tokko ijaaruun mala gaaridha. Walirratti dhiisanii dhaabolii biraa waliin morkii nagayaa gochuudhaf hiree argatu. Damee sadeessoo jalatti dhaaboliin biyya keessatti socha’an walitti dhufanii yoo tokko jalatti ijaaraman gaarii ta’a. Innis haalli irratti hundaa’an waan walitti dhiyeenya qabuufi.

Kitaaba Qabsoon Oromoo Eessaa Karam keessaa kan fudhatame.

2 comments:

Anonymous said...

Yaada fi xiinxala gaaridha. Yoo qalbiin akkanatti yaada waliif qoonne wal hubachaa waan barbaannutti qiyyaafachaa deeman.

Anonymous said...

ee, kunoo akkana? Ummanni keenya gaafii akkanaa qaba.
ulfaadhu. Dhaabolii hoo kana of gaafatuu ykn dhagahuu laata?

Featured Post

Raadiyoo Damablii gabaabaa

Odeeffaannoo baadiyyaa dhaqqabsuuf tamsaasa raadiyoon dambalii gabaabaa qabaachun murteessadha. Ummata keenyaa dammaqsuun maalumaafuu mur...