Thursday, January 13, 2011

Dhaaba siyaasaa ta'uudhaf ulaagan jiraa?

Hamma ammaa dhaaboliin siyaasaa Oromoo hundeeffamuu isaanii gabaarra oolchuu malee akkamitti akka hundeeffaman kan beekaman dhaabotii bata 1970 moota keessa hundaaffaman qofa. Kunillee hundee fi akkamitti akka hundeeffaman kan beekaman dhaabota akka ATBUO, ABO, AWDO dha.
Baroota 1990 keessa dhabooleen siyaasaa sadeen tokko haa hundeeffamman malee kuun akkuma tasaa kan gadi bahani. Keessattuu mufoo tasa ABO keessatti dhalateen dhaaboliin siyaasaa hundeeffaman kaayyofi galti isaanii kanuma ABO sanirraa waan gara gara isaan baasu hinmul'atu. Hedduun isaanii waan dhaaba jiru sanirraa haaraa fidan jiraatee osoo hintaane waldhabdee namoota jidduu jiru qofatu uumama isaanitiif sababa yoo jenne dhugaarraa fagoo miti.
Baroota 2000 keessallee dhaaboliin hundeeffaman nijiru. kunniinillee kan dura dhaabatanirraa waan adda isaan godhu hinjiru. Akkuma kan isaan dura hundeeffamanii san hundeffama waan haaradhaan osoo hintaane waraqaarratti kaayyoo tarreessanii dhaaban qaba jedhanii tibba tokko shubbisuun achumaan hafu.
dhiyeenya kana dhaaba siyaasaa Oromoo haaran akka hundeeffame midiyaa gara garaa irratti dhagahaa jirra. Inni dhaabolii siyaasaa Oromoo kan biyya alaa jiranirraa wanni adda godhu Tophiyaa dimokiraatessuudhaf hundaahuu isaa yoo ta'u dhaabota biyya keessa jiran kan akka KUO fa'arraa wanni isa gar gar baasu hinjiru. Akkuma isaanii Tophiyaa keessatti sagalee argannee mirga keenya eegsisuu qabna kan jedhu.
Amma egaa gaafin jiru dhaaba siyaasaa tokko ta'anii hundaahudhaaf ulaagan jiraa?

Maqaa ofii ibsanii sagantaa waraqarratti tarreeffatanii sochii tokko kan hingoone gaafuma tokko yoo tarii tasa waa dhalate dhaaba taanee dhiyaanna yaada jedhuun akkuma bishaanii dhaaboliin burquun maal fida?
Biyyi jiraatee, caasan waliigalaa ijaaramee kan too'atu osoo jiraatee egaa dhaabni tokko yoo ijaarame jedhe ulaagan kaayamee biyya bilisa baasuf qabatamaan waan agarsiise yoo jiraate qofa tarree dhaabota siyaasa keessatti galamaaha.

Silaa wari duraanis maqaa ofii qofa beeksisanii deebi'anii rafan galmee keessaa warra rafan jedhamanii haqamuu qaban ture. Yoo sabni akka hoolaa guuramee hidhamu, yoo qabeenyi biyyaa saamamu harka maratanii taa'anii garuu ani dhaaba siyaasati ofiin jechuun isaan hinqaanessuu laata?
Oromoon ulaagan dhaaba siyaasaa ta'uuf qabaa?
Galmoo

3 comments:

Anonymous said...

Obbo,
waa'ee dhaabota Oromoo boohuu dhiisii, Weyaane abaaruu baradhu. Yoo Wayaane ishee Afaan Oromoo baratte taate malee!

Anonymous said...

hayyee Oboo,
Wayyaanee abaarun osoo waa jijjiiree waggoota 20 dabran kan abaarretu waa fida ture. Ammas suni hiikkaa qaba sitti fakkataa? yoo dhaabotiin teenya socha'an malee teenyee abarudhaan wanni dhufu jiraa jettaa?

Anonymous said...

eeyyeen dhugaa keeti yaa obboo jaar mayni kenya jabaadhaa

Featured Post

Raadiyoo Damablii gabaabaa

Odeeffaannoo baadiyyaa dhaqqabsuuf tamsaasa raadiyoon dambalii gabaabaa qabaachun murteessadha. Ummata keenyaa dammaqsuun maalumaafuu mur...