Kutaa tokko
Galmoo G.
Biyyi Oromiyaa eega gabrummaa baroota jalatti baroota 1880 moota keessa kufee kaasee mormiin sadarkaa gara agraatitti godhamaa ture. Haata’u malee haala qindaayefi grumaayen akka biyya mirga ofii falmatutti qabsoon kan eegalame baroota 1960 moota keessa. Kunis sochii ijoollee Baalee (kan Waaqoo Guututin hogganame), sochii Salaalee (Agarii Tulluutin) namoota dhuufadhaan sirna Hayla sillaasee morman dabalatee qindoomina Waldaa Gargaarsa Maccaa fi Tuulama hangafoota yoo jenne dhugaadhan alaa miti.
Kanaan alatti sochiin akka dhaaba siyaasatitti godhame dhaabolii akka Adda Bilisummaa Biyyoolessa Toophiyaa (ENLF), Dhaabbata Wallaansoo Bilisummaa Ummata Oromoo (OOPLS) fi ABOn angafoota dhaabolii siyaasaa maqaa Oromootin dhaabatani. Dhaaboliin kunniin kan hundeeffaman akkuma beekamu sochii san dura godhamaa turan kan akka sochii Maccaa fi Tuulamaa kkf irratti hundaahaniiti. Hundeeffama ABOtiif jalqabni Maccafi Tuulama jedhanii namoonni kaayanis nijiru.
Egaa hawwii qabsaa’otaa irraa haala ka’een sochiin akka barbaadan deemuu haabatu malee baroota jalqaba 1970 moota keessa dhaaboliin asii olitti jalqabaman kuni sochii ijoollee Baalee kan gara Oromoo Abbo jijjiirame malee hundumaa ABO tu dhuufataa deeme. ABO akka dhaaba siyaasaa qofa osoo hintaane akka ayyaana amantii tokkotti saba Oromoo biratti fudhatamuun isaa dursitoota isaatif aangorratti aangoo kennaa deeme. Kanarraa kan ka’een namoonni tokko tokko olaantummaa agarsiisaa deemnan mormiin keessaa isaa mudate. Haalota akkanaa kanarraa kan ka’ee namoonni sochii keessa turan irraa bahanii dhaaba mataa ofii ijaarrachuu jalqaban. Kunis ABIO (IFLO) kan amma AWDO ta’e IBSO, ABUO, AWO kkf maqaa dhahuun nidanda’ama. Dhaaboliin kunniin ABO tti mufatanii, sochii inni godhaa jirufi ture akka haala qajeellotti adeemaa hinjirre haa balaaleffatan malee humna sochii godhu tokko ta’anii waan fooyya’aa ummata Oromoo agrsiisan hinjiru.
Dhaaboliin siyaasaa Oromoo hamma har’aa harki caalan ABO irraa fottoqanii of ijaaran malee humna ofii ijaaranii sochii gochuudhan wanni isaan ABO balaaleffatan san irra fooyya’e kan agarsiisan hinjiru. Kan sochii mataa ofii godhanuu hedduu muraasa. Sochiin isaanii kan tibba tokkoo qofa ta’ee maqaa qofaan jiraachufi dhabamuun isaanii nama mamsiisaa jiran hedduudha.
Dhiyeenya kana wanni hundarraa hammaate garuu ABO bakka saditti bahee maqaa tokkoo wal falmuu isaati. ABO- shanee, ABO-QC, ABO-KY ta’anii nu martuu ABO jedhanii diinarratti osoo hintaane walirratti yeroo fi humna ofii balleessun karam nama geessa jedhanii yaaddoo kan ibsan hedduudha. Kuni nama huncufa liqimse qofaa osoo hintaane daa’ima lafaa dhufuu yaaddeesseera.
Maal gochuutu mala?
Sabani Oromoo baruma baraan danqaa, miidhaa, fi diibbaa Mootummoonni habashaa dabraa dabarsaadhan dhufan irraa gahan himachaa, gadadoo himachaa jiraachun saba kana qaanii keessa buusera. Salphina keessa galcheera. Biyyoonni ollaa kan akka Ertiraa fi Sudaan Kibbaa kan hamma keenya saba baay’inaafi qabeenya hinqabneyyuu biyya ofii deeffatanii jiru. Isaanis akkuma keenya kana rakkoo keessaa qabaachaa haaturan malee boodarra waldhuufatanii biyya ijaaran. Keessatti dhaabliin siyaasaa walfixaa, walmormaa jiraatanis garuu humaafi ilaa filaamedhaan waldhaganii biyya ijaaran. Egaa saboonni kuni miliyoona shanii gadi yoo ta’an Oromoon ummata miliyoona 40 ol ta’u bara baraa gadadoo gabrummaa himachaa jira.
Gabrummaa himachuurra darbee, humna qolatufii of danda’e ta’uudhaf deebisanii biyya diigame ijaarun barbaachisaadha. Kunillee biyya GADAA OROMIYAA kan diinni diige deebisanii ijaarun sochii hunda dura godhamuu qabu. Sirni akka jiraatuf, waldhageettin akka jiraatuf, morkiin nagaa akka jiraatuf, ilaa fi ilaamen akka jiraatuf, kan walole akka araaramu gochuuf, kan balleesse akka abboomamu gochuuf, humna hundaa gara fuula nyaaphaa deebisuuf biyya qabaachun mala marii hinqabne.
Akkamitti deebisanii biyya ijaaratan?
Oromoon aadaa, seera fi duudhaa qaba. Sirni Gadaa kan sabni Oromoo bara dheeradhaaf itti bulaa tureefi ammallee godinoota hedduutti hambaa isaa jiru kan Oromoo qofa osoo hintaane Afrikaa cufti itti buluu danda’u, sirna gaaridha. Akkaataa bara durii ture san haala qaroominaafi teessuma amma keessa jirutti ammayyeessudhaan biyya Gadaa Oromiyaa ijaarrachuun gadadoo himachuu keessa saba keenya baasa. Diina keenya waltaanee buqqisuudhaf nu gargaara. Biyyoonni Ormaa akka nu dhagahaniif nu gargaara, alagaanis ijaarama keenya yoo arge sodaa qofa osoo hintaane tuffii dhiisee saba keenyaf kabajaa qabaata.
BIYYA GADAA OROMIYAA DEEBISANII IJAARUU
Subscribe to:
Post Comments (Atom)
Featured Post
Raadiyoo Damablii gabaabaa
Odeeffaannoo baadiyyaa dhaqqabsuuf tamsaasa raadiyoon dambalii gabaabaa qabaachun murteessadha. Ummata keenyaa dammaqsuun maalumaafuu mur...
-
Why Norwegian politicians are supporting Ethiopian dictator? Norway is known for its humanitarian and human rights support. It has been i...
-
Maxxansaa haaran fooyya'e yeroo dhiyootti gabaarra oolufi. Kitaaba kana bara 2009 Norway tti bara 2013 immoo Finfinnee mana maxxansa...
-
Dhaaboliin kuni lameen Oromiyaa keessatti masaanudha. Dhaabolii waggaa dheeradhaaf tokko kaan balleessuf ifaajaa turani. Osoo filannoon godh...
No comments:
Post a Comment