Sunday, February 6, 2011

Biyya Gadaa Oromiyaa

Biyya Gadaa Oromiyaa kan akka seera, aadaa fi sirnaan walbulchaa ture diinni cabsuun seenaa bara dheeratii miti. waggoota dhibba dura seera Gadaatin Oromoo walbulchaa turuu qorattoonni seenaa nibsu. warri bulchiinsa kanaan ammallee walbulchaa jiran jiru.
Gadaan bara durii akki itti ijaarame akkaataa caasaa umriitini. Kunillee urmii 8 gadi warri jiran damee tokko jalatti, warri waggaa 8-16 Gaammee jalatti akkasuma waggaa saddeeti saddeetin dirqamaafi gahee qodame. Haala kanaan ijaarsi jiru ummata hundaa ammachuudhan sirna bulchiinsaa qaba.


akkaataa kanaan Oromoon yoo of bulchu amma haala keessa jirru kanatti, haala ammayyatin Gadaan ummata bulchaa nidanda'a. kana jechuunis akkaataa sirna durii sanirratti hundaahudhaan dammaqiinsa waliif keennuudhan caasaa san fakkaatun wal ijaarun nidanda'ama. Bara durii dubartoonni mirgaa fi sirna mataa ofii kan siinqee jedhamu qabu. kunillee dubartiin siinqee qabattee mirga ofii kabnachiifti. Ijoollenis ta'ee maanguddoon akkaataa sirna wal bulchuu biyyaa keessatti hirmaatan qaban.
Yeroo ammaa biyyi Oromiyaa harka alagaa jala jirtu kana ummata xiqqaadhaa kaasee hamma guddaatti mirkiifi maal na dhibe osoo hinjenne martuu hirmaachun murteessadha. xiqqaa guddaan akka haala isaaf mijateen yoo ka'ee of ijaare nyaapha ofii ofirraa mancaasuu danda'a.
dirqamni biyya nyaapha harkaa baasuu kan warra siyaasaa qofa osoo hintaane kan lammii hundaati. lammiin kumtuu yoo nyaaphni biyya saamu waliin yoo saame itti gaafatama jalaa hinbahu. Har'a hinbeekamu jechuudhan yoo nyaapha waliin horiiranii qabeenya Oromiyaa qircatan boru bakka dhoksan hinjiru, guyyaa guyyaadhan seenan galmaahaa deema. Eenyutu biyya saamaa jira, eenyutu biyyaaf lolaa jira isa jedhuuf addeeffamee beekama.
Biyya Oromiyaa harka nyaaphaa jirtu deebisanii ijaaruf akka jiddu galeessummaatti qindoominni jiraachifi akkaataa mijataadhan wal ijaarun waan boru osoo hintaane har'a ta'uu qabu.
Galmoo

No comments:

Featured Post

Raadiyoo Damablii gabaabaa

Odeeffaannoo baadiyyaa dhaqqabsuuf tamsaasa raadiyoon dambalii gabaabaa qabaachun murteessadha. Ummata keenyaa dammaqsuun maalumaafuu mur...