Thursday, July 28, 2011

Qabsoo Dhala Haaratti Dabarsuu






Ummanni Oromoo abdii dhaabolee siyaasaa irratti gatee rakkoo amma sabni kuni keessa jiru keessaa nu baasa jedhee eega eeguu jalqabee tureera. Haata’u malee garuu dursitootnni bara durii qabsoo tana jalqaban yookan wayitti biyya baasuu, yookan dadhabne jedhanii dhala haaratti kennuu didanii irratti cichanii taa’un qabsoo Oromoo yeroo ammaa maqaanillee akka badaa dhufu godheera.


Kana yoo jedhu maanguddoonni har’aa, kan kaleessa qabsoo Oromoo jalqaban bu’a tokko hinbuufne jechuu koo miti. Sabni Oromoo dammaqee akka qabsoo isaa lola ollaa keessaa irra darbee gara fincila guutuu biyyaa ta’uufi sagantaa siyaasaa karoorfatuuf karaa saaqan, umrii ofii itti gubaniiru. Qabsoon tuni akka ummata bal’aa bira geessu gochuu isaanitiif galata guddaa qabu.

Amma garuu yaalii qabsoo Oromoo hogganuuf godhan keessatti walitti bu’iinsa dhuunfatirraa hamma wallola garee akkasumas waldhabdee kaayyoo fi siyaasaa gahutti bara dheeradhaaf isaan jidduutti dhalachaa waan dhufeefi dhaaba kallacha qabsoo Oromoo ABO bakka heddutti waan gara gara baasaa deemef maddi rakkoo kanaa hiikkachuun barbaachisaadha. Madda rakkoo kanaa furuuf immoo maanguddoota qabsoo kana hogganaa turan kan bara dheeradhaaf wal jibbaa, wallolaa turan kana araarsun laafaa miti. Waldhabdee dhuma hinqabne, kan yoo kaan furan kuun dhalachaa deemu waan ta’eef, hundumtuu garee ofii ijaarratee aangorra turuuf waan xiiqii walii seenaniif walitti araarsun bara dheeraa fixa. Bara dheeraa kana immoo Oromoo hamma taa’ee isaan eeguu isaanis dulloomanii, biyyis gurguramtee, aadan baddee, sabni buqqa’e jechuudha.

Kara biraatin osoo araaramaniyis wanni haarofti gadi dhufu hinjiru. Hireen akka 1991 ABO argatee ture, hireen adda addaa osoo jarreen kuni hogganarra jiranuu Oromoo jala lufte. Araaramni jarreen kanaa hiikkaa saba keenyaa akka hinfinne bara dheeradhaaf Oromoon taa’ee laalee ragaa baheera. Ammatti wanti barbaadamu maanguddoota kalee qabsoorra turan, kabajaan yuba akka ta’anii taa’an malee akka ammallee numatu waltajjiiratti mul’ata jedhanii waan hundaa too’atan miti. Isaan yuba ta’anii turuu danda’u. Ummannis yoos kabajaa qabaaf.

Badii amma Oromoon keessa jiru:

1-sabni harka Wayyaanetti dhumaa jira

2- sabni adabbii beelatiin adabamaa jira

3- biyyi Oromoo (lafti) gurguramaa jirti, Ormi tola irraa saamaa jira

4- qabeenyi Oromoo saamamaa jira

Badii kana oolchuf ammallee akkuma kalee maanguddoonni qabsoo keenya hogganaa turan kuni biyya alaa keessatti birraa waan haaraa nuuf fidan jennee wanni eegnu hinjiru. Wanti ta’uu qabu akkuma biyyoonni ormaa godhaa jiran, qabsoo dargaggoo baranee, akkuma seera Gadaa ga’eessota waggaa 40 hincaalletti dabarsanii kennuudha. Darggaggoon baraneen qabsoo harkatti fudhatanii, mala ammatti ummataaf barbaachisu baasun saba kanaaf dhaqqabuu qabu. Bakkuma kaleessaa dhaabbannee dhumna inni jedhu saba keenya osoo ijaan agarruu sabni bicuun akka cirattee fixxu godheera, osoo sabni miliyoona 40 olii taa’ee gadadoo himatuu sabni miliyoona 5 hincaallee dhiittee bulchuu himachuun salphinaafi qaanii nutti ta’eera.

Qaanii qaanii caalu kana ofirraa hambisuudhaf Ameerikaa fi Awurooppaa keessaa birraa birraa walgayanii ibsa baasun gahaa miti. Tarkaafii hundumtuu ofirratti fudhachuu qaba. Inni kuun aangoo dabarsee kennuudhan wareegama kaffaluu, kuun ofitti fuudhee mala haara baasun dirqama bahuu, kuun qindeessudhaafi hayyoonni gorsaan salphina kana keessaa saba keenya baasuu qabna.

Tulluu G.

No comments:

Featured Post

Raadiyoo Damablii gabaabaa

Odeeffaannoo baadiyyaa dhaqqabsuuf tamsaasa raadiyoon dambalii gabaabaa qabaachun murteessadha. Ummata keenyaa dammaqsuun maalumaafuu mur...