Wednesday, July 6, 2011

Qabsoo Oromoo kanniisa birraa qofaa miti

Qabsoon ilmaan Oromoo kanniisa birraa qofa ta'uu hinqabu. Biyyoota ambaa keessatti baqatanii garuu haala ilmaan Oromoo biyyatti keessa jiraniifi haala nyaaphni dhiibee biyyaa isaan baasee kan hindagatin qabsaa'ota hedduutu jira. Qabsaa'onni kunninis bakkuma jiranii kuun beekomsaan, kuun humnaan, kuun malaan, kuun ogummaadhan, kuun qabeenyan qabsoo Oromoo gama maraan utubuu hindhiifne.
Kuni waadaa saba ofii dagachuu dhabuurraa madda.
Kuni haala kanaan osoo jiru namoonni ani lammata gabrummaa jala hinseenu, amma baqadhee homtuu na hingabroomsu itti fakkaattee, biyyi ormaa biyya isaanii itti fakkaattee akka waan mirga qabanii itti fakkaattee homaa hirmaannaa hingoones hedduudha.

Kanaan ala waroonni taa'anii sochii tokkotti ofii hinhirmaanne, garuu warra waa socho'an balaaleffattanis hedduudha. Akka koo, haa toltuu, haaguddattuu ykn xiqqaattuu kan waa socho'e suni kan taa'e kanarra wayyoo qaba. Kanaaf dhaaboliin Oromoo gar gar faca'uun abdii nama kutuchiisus, hamilee namaa buusus, sochii sabni keenya godhu akka addaan hincinneefi galii ofii geessu gochuun dirqama keenya hunda ta'uu hubachuu qabna.
Egaa dirqama keenya kana immoo akkuma kanniisa birraa daraaraa funaanuu yeroo birraa walitti yaanee waadaa hedduu waliif gallee hamma waggaan deebi'ee dhufutti cufannee taa'un mala miti. Qabsoonis haala kanaan achi hinsiqxu. Ilmaan Oromoo har'a ajjeefamaa jiru, hidhamaa, hamileen cabee qabeenya ofii saamamaa qaanii fi salphina keessa jiru. Namni yaadu marti kan kanaan hinqaanofne hinjiru.
Qaanii saba keenyaa kana hambifnee, saba xiqqoon nu bitaa jiraachuu jalaa saba keenya baasuf garuu birraa qofa walitti dhufnee shubbisuun fala hinta'u.
Qabsoon qorra hinjedhu, aduu hinjedhu, dukkanaafi ifa hinjedhu. Qabsoo yeroo maraa addaan hincinne godhamuu qaba. Mee saba biraa ilaalaa, mee orma ilaalaa, warri kaleessa nu dhiitaa tureyyuu ammaas aangorratti deebi'uuf nuyii gabrummaa jala jirru kana caalaa dhittachaa jira.
Yaa ilmaan Oromoo, qabsoon teenya kanniisa birraa qofaa miti, kanniisa gannaa bona dammeessu ta'uu qabdi. Kan yoomaraa sochoonu ta'uu qabna!
Galmoo

No comments:

Featured Post

Raadiyoo Damablii gabaabaa

Odeeffaannoo baadiyyaa dhaqqabsuuf tamsaasa raadiyoon dambalii gabaabaa qabaachun murteessadha. Ummata keenyaa dammaqsuun maalumaafuu mur...