Wednesday, August 17, 2016

Biyyi Chaayinaa Wayyaanee waliin nu saamaa jiraa?

Yeroo ammaa Oromoo Wayyaanee waliin saamaa, fixaa, hiisisaa biyyoota jiran keessaa  Chaayinaa gahee guddaa qabdi. Chaayinaan biyya oromiyaa guututti maqaa warshaa, daandii kkf ijaaruu jedhuun lafa gurguddaa qabachuun biyya keenya warra qirca godhachaa jira keessaa tokko.
Kana malees meeshaa waraanaa Wayyaanedhaaf dhiyeessudhaan, gama gorsaa dhimmi nageenya  fi kkf deeggarudhaan wayyaaneen meeshaa waraanaa ittiin ummata keenya fixxu kan dhiyeessu Chaayinaa dha.
Karaa biraatin teknoolojii ammayaa interneetii fi bilbila too’achuudhan, haaasaa namaa fi waan namni barreessu too’achuudhaf kan xaxee gargaaru Chaayinaa dha. Chaayinaa nama kumaatamaan lakkaahamu gara Oromiyaa erguudhan, mootummaan wayyaanee akka waan hinkufnee umrii dheeradhaaf waliigaltee mallateessan. Kunis liqaa waggaa 50 fi 99 kkf kennuudhan biyyattii bara dheeradhaaf dhorudhaaf itti bobba’an. Liqaa isaan kennan kanas Wayyaanen akka gara dhuufaa biyya alaa dhokfachaa jirtu nibeeku. Biyyi itti dhokfatan keessaa tokko Chaayinaa mataa ishiiti.
Ummanni Oromoo dhimmi kanarratti dhumaa, saamamaa, hidhamaa akka jiruufi boru gaafa biyya ofii dhuunfate haalli kuni walitti dhufeenya China waliin ta’urratti dhiibbaa guddaa akka qabu akeekachiisun mala marii hinqabne.
Maal gochuu qabna:
-          Xalayaa barreesudhaan emabaasiwwan china bakka jiranitti galchuudhan boru biyya keessatti saamicha godhamu kana yoo dhaabuu baatan ummanni Oromoo kan tarkaafii fudhatu ta’uu ibsuu
-          Hiriira goonu mararratti china gargaarsa gam-tokkee wayyaanef gootu akka hatatamaan dhaabdu gaafachuu
-          China kana dhaabuu baannan wanni gama ogadeen isaan mudate ammas akka isaan mudatu itti himuu
-          Qabeenya china Oromiyaa keessaa qabdu akka fakkeenyaa tarkaafii akeekachiisaa fudhachuu
-          Mediyaalen keenya OMN kkf afaan gara garaatin China deeggarsa gam-tokkee Wayyaanef gochaa jirtu ummata keenya akka fixaa jiru, kunimmoo boruuf walitti dhufeenya ummata china fi Oromiyaa jidduu akka hammeessuu ibsuu.
Waan oollee osoo hinbulle gochuu qabnu.

Mootummaan wayyaanee gaafa China harka irraa fudhatte facaate jechuudha. Kana gama

No comments:

Featured Post

Raadiyoo Damablii gabaabaa

Odeeffaannoo baadiyyaa dhaqqabsuuf tamsaasa raadiyoon dambalii gabaabaa qabaachun murteessadha. Ummata keenyaa dammaqsuun maalumaafuu mur...