Akkuma dhagahaa jirru hoggantoonni keenya mana hidhaa jiraniifi qeerron biyyaa dhaamsa mala qabsoo torbee dhufu kanarraa eegalee itti fufu nuuf dhaamaa jiru. Qaammee 1 hamma birraa 2.gabaa lagachuu.
Gabaa lagachuun kuni garauu tobeen takkittiin tuni gahaa hinta'u. Miidhaa dhaqqabsuudhaf, torbee tokko osoo hintaane ji'a lamaaf gaba lagachuu qabna. Torbeen tokko miidhan dhaqqabsu xiqqaadha..
Kunis yeroo gabaa ayyaana lama kan walbira dhufe, gama muslimaatifi gama qaammee walqabatee gabaa bittaa fi gurgurtaa deemuf hedu kana diduudhan hagabsuun mala qabsooti.
kana jechuun meeshaa kamuu bituu fi gurguruu dhiisudhaan diinagdee biyyattii laamshessuudha. Oromoos ta'ee warri Ollaa keenyaa kanarratti akka hirmaatan yaamicha cimsinee itti fuuf qabna.
Warri Afrikaa kibbaa yeroo qabsoo isaanii apartaayid xumura itti godhan mala itti fayyadaman keessaa inni hangafti gabaa lagachuudhani. Kunis awutobisii fi gaajjiba dhiisanii miilan deemudhaan, suuqii kamirraahuu meeshaa bituu diduudhani. Kuni ji'a muraasa booda diinagdee biyyattii waan dugda kuteef mootummaan appartaydii hidhamtoota hiikee, Mandeellaa faa waliin haasayee akka furmaata fidu godhe.
Warri Indiyaa bara durii yeroo homaa humna lolanii Ingiliiz jalaa bahuu hinqabne sanitti malli ittiin lolan tokko diinarraa bittaa gurgurtaa dhiisufi diina dubbisuu diduudhani. Yeroo muraasa booda diinni nama isa dubbisu dhabee, diinagdeen yoo laamshahu osoo hinjaalatin biyya isaanii deebiseef.
Oromiyaa diinagdee biyya saniitif lafee dugdaati. Kunis nyatas ta'ee meeshaa ala ergamu harka caalan kan dhufu Oromiyaarrati. Ilmaan keenya fixaa, lafa keenyarraa nu buqqisaa, kaan hidhaatti affeelaa, akka waan namaa gadi taanee nu lakkaahaa, saba kaan waliin dubbannee rakkoo hiikan yoo jedhan nu tuffatanii bira yeroo darbaa jiran kanatti malli marii hinqabne gabaa hagabsuufi diinagdee biyya sanii kan nuuf hinoolle, kan raraasa bitee ilmaan keenya fixaa jiru kana diduun murteessadha.
Gabaan addaan cite jechuun diinagdeen biyyattii kan duraanuu daaqaa jiru kuni laafe jechuudha. Kunimmoo wayyaanen waan akka barbaadde diinagdema keenyatti fayyadamtee nuun fixaa jirtu jalaa miila guurudha. Kana yoo ta'emmoo qabsoon keenya tarkaafii lama fuulduratti deema.
Gabaa diduun daldaltoota keenya miidha yaanni jedhu kuni hafuu qaba. Daldaltoonni yeroo ummanni keenya dhumaa jirutti qabeenya isanira kasaaraa xiqqootu gaha. Kuunimmoo lubbuu ofiituu nidhabe. qabeenyi boru waan deebi'u. Lubbuun namaa garuu lamuu hindeebitu. Kanaafuu haasa'a akkasii san dhiifnee cimnee gabaa lagachuun murteessadha.
keessattuu ummanni magaalota gurguddoo kan akka Adaamafi Finfinnee yeroo ummanni keenya dhumu taa'anii akka waan homtuu hindhaltinii laalan kuni gaafa nyaata dhaban osoo hinjaalatin gadi bahanii mootummaa isaan hagabse san balaaleffatan. Kuni tooftaa ittiin humna dabalannus ta'a.
Qabsoon yeroo ammaa kana yoomuu caalaa saffisuun murteessadha. Nannoo Amaaraa yeroo sochiin cimee itti fufu kanatti Oromiyaas sochii cimaa gochuun Wayyaanee asiifi achiin mudduun murteessadha. Nannoo Amaaraa yeroo mana hidhaan cabsanii ummata ofii hiiksisan kanatti tarkaffii fakkaataa fudhachuun hedduu murteessadha.
Hogganoonni keenya yaamichi godhanis saffisaan, ta'uu qaba. hedduudhan diinaf boqannaa kennaa, yeroo kennaa, hafuura baafachiisaa ta'uun saba keenya miidha, diinni akka nutti qophaahu godha.
Subscribe to:
Post Comments (Atom)
Featured Post
Raadiyoo Damablii gabaabaa
Odeeffaannoo baadiyyaa dhaqqabsuuf tamsaasa raadiyoon dambalii gabaabaa qabaachun murteessadha. Ummata keenyaa dammaqsuun maalumaafuu mur...
-
Why Norwegian politicians are supporting Ethiopian dictator? Norway is known for its humanitarian and human rights support. It has been i...
-
Maxxansaa haaran fooyya'e yeroo dhiyootti gabaarra oolufi. Kitaaba kana bara 2009 Norway tti bara 2013 immoo Finfinnee mana maxxansa...
-
Dhaaboliin kuni lameen Oromiyaa keessatti masaanudha. Dhaabolii waggaa dheeradhaaf tokko kaan balleessuf ifaajaa turani. Osoo filannoon godh...
No comments:
Post a Comment