
Kanarra darbeef haala adda addaatin gadda ofii warri mul'isaa jira jiru. Kuni maal fayyada laata warri jedhan jiru. Kanarra darbees aadaa Oromoo keessatti rifeensa haaddachuufi gurraacha uffachuun gadda hinibsu warri jedhanii aadaa xiinxalanis jiru.


1. Hagayya 06 bara 2016 guutuu Oromiayaa keessatti hiriira yaamaniif magaalota Oromiyaa 200 ol keessatti hiriirudhaan ummanni Oromoo ajaja fudhachuu ofiitifi tokkuma ofii mul'iseera.


nuti amma kuni aadaa Oromoo keessa jira moo hinjiru isa jedhu osoo hinjedhin dura waan laaluu qabnutu jira. Innis Hoggantoota irraa ajaja fudhatee wal duuba deemuu mul'isuu irra darbee warra maatin jalaa wareegameefis hamilee hedduu kenna.
kana qofaa miti, hoggantoonni keenya mana hidhaa jiran kuni akka ummanni isaan isaan dhageeffataa jiru kan ittiin hubataniifi akka ummanni isaan dhagahus kan ittiin madaalani.
Akkuma yaadannu seenaa keessatti Mandeelan kan ummata ofii bilisa baase qawwee qabatee waan loleef osoo hintaane mana hidhaa keessa taa'ee hoggana cimaa waan kenneefi.
Kanaaf hundi keenyayyuu hogganoota keenya bira dhaabbachuudhan wal kakaafnee tokkummaa keenya haa mul'fnu, diinas ta'ee lammiitti murannoo qabnu haa agarsiifnu!
Hoggantoottonni kunis kanatti aansee ajaja cimaa qabsoo saba keenyaa tarkaanfii tokko fulduratti deemsisu akka kennan abdii qaba!
Tokkummaan ummanni keenya Fayyisaa Lelisaa (Major General) cinaa dhaabbachuun agarsiisaa jira, lammii gammachiisee, diina rifachiisee, halagaa dinqisiisera.
Hoggantoota keenya Obbo Baqqalaa Garbaatifi warri haftan:
Ajaja fudhanneerra
Rifeensa haddanneerra
Gurraacha uffanneerra
Gufufaa (Gaddaa) jirra
Ajaja itti aanu isinirraa eegaa jirra!

No comments:
Post a Comment