Saturday, August 13, 2016

Oromoon of ijaaruu - barbaachsummaa humna qabaachuu

Yeroo ammaa kuni saba Tophiyaa keessa jiruuf keessattuu saba Oromoo kan qabeenya fi eenyummaa ofii samame kanaaf murteessadha.
Kunis qabeenyi Oromoo tigreedhan saamamee qabamee, kuun biyya ambaatif liizii waggaa 99 gurguramee, ummanni keenya qabeenya isaatif jedhee manneen hidhaatti guuramee, kuunis ajjeefameera.
walumaagalatti biyya saamamtee harka ormaa jirtu deeffachuuf Oromoon qabsoo gochaa jira.

Kuni waan akka salphaatti laalamuu miti. Diinni biyya teenya kan ofii godhachuuf murteeffatee, dhala ofii bara baraan akka itti waldabarsan dhaalchisuuf haala mijeeffatee humna qawweetin biyya teenya qabatee jira. Mootummaan Tigree yoo kufe aangoo qofa osoo hintaane qabeenya kanas dhabuu waliin wal qabsiisaniif jiruu fi jireenya ofii dhabuu waliin ilaalu.

Qabeeyan keenya, warqii, buna, lafa keenya, loon keenya hundaa kan ofii godhatanii, kan dide hidhaa fi ajjeessaa osoo addunyaan maal nu dhibe jettee laaltuu kunoo waggaa 25 nu mulqanii wanni hafe xiqqaadha. Seerri addunyaa kan dalagu warra humna waraanaa qabu qofaaf ta'uus ragaa baanerra.

Egaa nama qeyee namaa saamee, qabeenya namaa fudhatee, keessattuu lafa namarraa fudhatee keessa darbee ormatti gurgurate tola kadhaafi sossobaadhan namarraa gala jedhanii yaadun of sobuudha.

Yeroo ammaa Tigreen yoo itti jabaattee Oromoon fincile gara araaraa deebitee qabeenya ofii akka harkaa hinbaanef waliigaltee gochuu malti. Sunis taanan humna malee yoo kan ishumti waraana qabdu ta'e ishuma jalatti buluu jechuudha. Kuni safara Tigreen nuuf keessun jiraachuu jechuudha.

Kanaaf akkan ani yaadu, Oromoon:

  • Humna ofii ijaarratu malee qabeenyi ofii akka hindeebine beekuu qaba
  • Waraana ijaarratee yoo of qopheesse malee borus osoo biyya ofiituu qabatee akkuma durii Tigreen irraa ari'uu akka dandeessu hubachuu qaba.
  • Alagaan lafa keenya waggaa dheeradhaan fudhate kunis yoo nuti humna hinqabaatin akka nu tuffatee lafa keenya kennuu didu beekuu qaba
  • Ammumarraa biyyoota lafa keenya seeran ala abbaa lafaa osoo hintaane ormarraa bitateen wal dubbachuu jalqabuu qaba.
  • Jaalannus jibbinus yoo humna waraanaa ijaarrachuu baane biyya keenya, lafa keenya, mirga keenya deeffachuu akka hindandeenye beekuu qaba.
  • Tigree waraana hidhate, kan qabeenya keenya saamee jiru tolaan biyya keenya akka nuuf hindeebifne tolchee beekuu qaba.
Egaa kana maraa gochuudhaf akka tokko alagaa waliin kuunis kaan waliin karaa gabaabadhaan aangoo qabachuudhaf waliigaltee godhachaa jiru kana osoo hintaane dura walitti dhufee hundee waligaltee (Platform) godhatee sochii gochuun murteessadha.
Kanaaf eenyumtuu akka namni biraa kana godhu wal eeguu osoo hintaane nu martuu itti gaafatama fudhannee dhiibbaa walirratti goonee boru osoo hintaane hara ka'uu qabna.

No comments:

Featured Post

Raadiyoo Damablii gabaabaa

Odeeffaannoo baadiyyaa dhaqqabsuuf tamsaasa raadiyoon dambalii gabaabaa qabaachun murteessadha. Ummata keenyaa dammaqsuun maalumaafuu mur...