Oromo leadership convention in
Atlana, Georgia Nov 11-13, 2016
Yaa'ii hoggontoota Oromoo
Atlantaatti Jorjiyaa sadaasa 11-13, 2016
Atlantaa dhaqeen jira, nagaan
galeen jira – waanan arge kunoo
Gaafa 10.11.2016 Bergen Norway irraa
abdii fi hawwii guddadhan gara Atlantaa kanan deeme. Sa'aatii gara 15
eegan karaarra turen boodan Atlantaa gahe. Dirree xiyyaarratti
Taksiin qabanne akka hiree kan Oromoo ture. Innis yoosuma nagaa nu
fuudhee akka yaa'ii kanaas dhufne nu gaafate. Nutis akka yaa'ii
kanaaf abdiidhan dhufne itti himne. Inni Jiraataa Atlanataa yoo ta'u
akka yaa'ii kanarratti himraatuf kaan gaafanne. Innis akka galmaayee
bakka teessumaa galma keessatti argate, garuu haati manaa isaa bakka
waan hinargatiniif maal akka godhu wallaale lachummaa akka hinhafne
nuuf hime.
Dafee yoona cimina nama kanaan
dinqisiifadhe. Haadha manaa ofiitif akkana dhimmuun isaa, kora
kanarrtti dubarstoonni barbaachisummaa isaanii nu qaabsise.
Hinhafinaa, walirras ta'u teenya malee ishiinis alatti hinhaftuu
jenneenii wal eebbisfnee gargar baane.
Akkuma Hoteela Hilton Atlanta Airport
geenyen siree keenya bakka nuuf kennanii namoota dubbsiuuf gadi
yaane. Hoteelli suni kan foqii 17 qabu yoo ta'u hedduu bal'aadhas.
Lafti marti Oromoodha. Hoteelli guutun Oromoo dubbata. Ani gama koon
bara 1991 akka gaafa Gullallee jirruu tokko natti fakkaate. Miira koo
keessa waan deddeebi'e. Meeqa laata kan gaafa san achi ture kan hiree
har'aa kana argatee as jiru jedheen yaade. Meeqa bosona seenee hafe,
meeqatu eegasii hidhaa jira, meeqatu du'e, meeqa as buuten dhabame,
meeqa qeyeen isaa diigamtee, meeqa maatin faca'e?.... yaanni kuni
fudhatee naan lixe.
Kanan gaafas Gullalleeti arge lameen
tokko akkan asittis argu abdadheen hiriyoota koo duriitin nagaan wal
gaafachuutti dabarre. Nama achi jiru san keessaa yoo xiqqaate harka
60 ol waanan beekuf meeqa akkan nagaan gaafadhee dhiisu wallaalen,
osoon waliin hingayin gallee rafne. Rafnus Atlanataafi Norway garaa
garummaa sa'aatii 6 waan qabaniif sa'aa 4 caalaa rafuu hindandeenye.
Halkani iyya indaaqqoo kaanee namoota ka'an waliin haasa'uun waan
hamma achi turre san hundaa goone.
Bariisaa gaafa 11.11.2016 ganamaan
sa'aa 8 irraa kaanee walitti yaane; hamma sa'aa tokkoo (1 pm) dura
sagantaa waan hinjalqabaminiif namni walitti dhufee nagaan wal
gaafachuuf hiree bal'aa argate.
Namni yoo sagantaan banamu eegee, abdii
fi hawwii guddaan galma guute. Namni affeerame 300 yoo ta'u kan dhufe
550 akka ta'efi hunduu akka bakka argate nuuf himan. Akkuma banameen
akkan eebbisu waltajjiirratti na affeeran. Anis akkuma aadaa keenya
manguddoo aadaa barbasiisee na guddise Obbo Bariisoo Guraaroo
(Kanadarra dhufe) affeere. Innis hayyoota amantii biraa waliin
ta'uudhan eebba nu habbuuqachiisee, milkaayaa nuun jedhe.
Gaafa jalqabaa kana sagantaan nuuf
ibsamee san booda gareedhan adda qoodamnee kutaa kutaa keessatti
bu'ura yaa'ii kanarratti marii goone.
As keessatti ijoo yaa'ii Atlantaa
charatarii Oromoo qopheessuu, gargaarsa sadarkaa addunyaatti gama
giddu galeessa ta'een qindeessu fi dippilomaasii akka giddu
galeessummaan gaggeessamuuf qindeessuu ta'uun nuuf ibsame.
Chartarii ykn seera Oromoo kanaafis
bu'urri Gadaa Oromoo ta'uun nuuf ibsame. Gadaa akka ka'umsatti
fudhatamuu isaa akka nama Gadaa Oromoo qorataa jiruu tokkotti
gammachuufi hawwii guddaa na keessatti uume.
Eega marii keenya gaafa duraa galgala
xumurreen booda galmatti deebinee gareen hunduu marii ofii cuunfaa
isaa dhiyeesse. Galgaluma kanas wixinee seera (wixineen charterii
qophaayee nuuf qoodame).
Gaafa 12.11.2016
Ganamaan sagataan banamee innis
yaadannoo guyyaa qabsoo akka haaratti Gincitti jalqabame gochuun
ture.
Guyyaa kana eebba jaarsoliin ture. Ansi
hiree argadheen eebbiseen ture.
Gaafa kana guyyaa guutuu wixinee
qophaaye kana irratti galma keessatti akkasumas garee gareedhan marii
goonee cuunfaa marii keenyaa waliif ibsaa turre.
Yeroo kanatti ogeeyyoni seera fi
namoonni ogummaa wixinee seeraa qopheessuf qaban hedduun irratti
hirmaataniiru. Wixineen kuni duranaaf ummataaf waan dhiyaatuf amma
asirratti hinibsu. Ta'u s qabxiilee biyya tokko bulchuuf barbaachisu
maraa of keessaa qaba. Bakka hanqates akka dabalu manni eeree jira.
Marii gareedhan qoodamnee goonu
kanarratti namni harki sagaltamaa ol abdii fi hawwiidhan akkaataa
wixneen egeree Oromoon ittiin akeekamu kanarratti yaada osoo of
hinqusatin kennaa ture. Ta'us namni xiqqaan wixineen kuni
hinbarbaachisu, kan qopheessuu malus warra waggaa 40 ol qabsoorra
ture jedhan. Namni obsaan yaada isaanis dhaggeeffate. Namuu dhaabas
ta'ee namoota maqaa dhahuun qeequn hinturre. Namuu akkamitti wal
arrabsoo foyyeeffannee wal gorfannee waliin deemna isa jedhurratti
yaada kennaa ture. Walaloo tokko kan qeeqa dhaaba siyaasaa ykn
hoggantootaa of keessaa qabu yoo dhiyaatu, namni galma keessa jiru
hedduun dallanne, yoosuu dhaabsifamee warri waltajjii gaggeessus
dhiifama gaafate. Innis kan ta'e osoo hingulaalin waan dhiyaatefi.
Asirraa hagam akka sabni keenya foyya'e na hubachiise. Wal arrabsuun
kan barri irra darbe ta'uu, kan nu baasu waltuffii dhiifnee,
mariidhan garaa garummaa yaadaa qabnurratti mari'achuu qofa.
Guyyaa 13.11.2016
Guyyaa kana walitti qabaadhan wixinee
seeraa qophaaye, dhimma gargarsafi dhimma dippilomaasii irratti yaada
cuunfaa dhiyaate.
San booda yaada ummataaf ibsame (press
release) dubbifamee manaan mirkaneeffame. Wixineen kunis akka
caalatti fooyya'ee chartarii ta'u itti waliif galame (akka dokumentii
bu'uraatti). Kana jechuunis qindeessitoonni yaada fooyyessaa manarraa
dhiyaate kana dabaluun hawaasota Oromoo biyya jiran maratti
mari'achiisun akka foyyeesan, namuu yaada qabu akka itti dabaluuf
hiree argatu walitti dhaammanne, san booda charterii Oromoo ta'ee
dhiyaatu waliifgalame.
Ummata yaa'ii kanarratti argame:
Hoggantoota hawaasaa biyyoota gara
garaa
Manguddoota biyyaa
Hayyoota amantii gara garaa
Hayyoota Oromoo
Waldaa Dargaggoota
Waldaalee dubartootaa
Namoota dhuufaadhaan
Dhaabilee siyaasaa gara 9 ta'anirraa
bakka bu'oota
Dhaabni siyaasaa tokko hafuun isaa ifa
ture.
MAALIFAN ATLAANTAA DHAQE?
Ani Atlaantaa kanan dhaqeef warra biyya
alaa jirruuf osoo hintaane warra biyya jiru, kan walitti dhufee hiree
ofiitirraati mari'atee addunyaa dhageessisuuf carraa hinqabneefi.
Yeroo ammaa kana Awuropas ta'ee Ameerikaan Oromoon maal akka
barbaadu, saboota ollaa isaa jiran waliin akkamitti akka buluu
barbaadufi kkf waan gaafachaa jiraniif sabni hiree qabu walitti
dhufee charter akkanaa kana qopheessee dhiyyeessun mala marii
hinqabne. Duranaaf yoo biyya arganne immoo kan ummanni Oromoo
foyyeeffatu ta'a.
Wanni akka salphaatti laalamuu hinqabne
saba keenya biyyatti dhumaa jiru kana deeggarsa addunyaa arganmsiisuf
osoo biyya keenya argannee waan gochuuf deemnu ibsuufin murteessadha.
Kanaaf charteriin Oromoo Atlanataa kuni hedduu barbaachisaa jedhee
natti dhagama. Kanaafan karaa dheeraa kutee Atlaantaa, Jirjiyaa
dhaqe.
Waan qindeessitoonnii hojii itti
aanu keessatti fooyyessuu qaban:
- Eega bu'urri Heera fi seera keenyaa Gadaa ta'ee, hayyoota gadaa dabalataan affeerun sirriitti bilchiisun barbaachisaadha.
- Hayyoota seeraa bakka gara garaa dabaluun
- Waldeelee amantii irraa keessatti dabaluun
- waldaalee durbartootafi dargaggoo keessaa itti dabaluun. Hirmaannan dubartootaa hedduu barbaachisaadha.
- Hirmaannan Ameerikaafi kanaadaa gaarii yoo ta'u Awuropparraa hedduu hinturre. Kanaaf yaa'in akkanaa gara Awuroppafi Eeshiyaattis qophaayee dhimmi kuni bal'inaan akka irratti matri'atamu akka hiree argatan
- warra hafe dabalachuuf irra caala garaa bal'achuun dhimma biyyaa waan ta'eef hamma danda'ameen ifaajuu isaanirraa eegama.
Dhaabotiin siyaasaa:
Yaa'ii kanarratti hirmaannan dhaabolii
siyaasaa akka dhuunfatti gaarii ture. Ta'us dhaaboliin kuni hunduu
waan ABO irraa fottoqanii of ijaaraniif ofii isaanitiif walitti
dhufanii waliin dalagurratti rakkoo cimaa qabu. Tokkummaa yaadaa kan
sabni Oromoo hawwu kanas fiduuf dhabooliin siyaasaa gufuu ta'u.
Kanaaf hawaasni Oromoo bakka jiruu cimee, walitti dhufee dhaabolii
kana akka wixinee kanaaf hojjetan dhiibbaa gochuu qaba.
Waan abdii namaaf kennu:
- Hoggantoonni hawaasaa kan akkanatti walitti dhufuuf hiree argatanii hinbeekne walitti dhufuun wal baruu akkasumas duranaaf waliin hojjetuuf abdii horatan
- Waldaalen amantii Waaqeffannaa, kiristaanaa fi islaamaa marii addatti yeroo fudhachuun godhaniin duranaafillee haawasa kana daangaa amantii darbee akka tokkummaa sabummaa ofii cimsuuf akka irratti hojjetani waliif galan (interfaith netwrok)
walumaagalatti Yaa'in Oromoo Atlantaa
kuni kan milkiidhan xumurame yoo ta'u jalqaba gaarii itti fufamuu
qabu.
As keessatti warra hafes hirmaachisuuf
qaama manguddootaa ijaarun hedduu barbaachisaadha. Adeemsa kana
keessatti ani keessaan hafe kan jedhu yoo jiraate komee isaa obsaan
dhaggeeffatanii dhimmaa biyyaa waan ta'eef garaa bal'inaan waliin
mari'achuun milkii duranaatif karaa saaqa.
Warri yaa'ii kanarratti hinhimaatinif
sadarkaan dura dhaabbatan waan darbeef amma achi maqa xurreessii fi
yakkuu dhiiftanii akkaataa hirmaannaa argattanii dhimma saba
keessanii irratti foyyeessitaniif of qopheessaa.
Teenyee wal yakkuufi balaaleffachuun
bu'aa hinqabu.
Atleeti FAYYISAA LEELISAA Ambaasaddara
Oromoo ta'ee moggaafamee jira. Namoonni qabsoo yeroo ammaa hogganaa
jiran, kan akka Baqqalaa Garbaa fa'as irra deddeebi'ee maqaan ka'eera.
Yaa'in Atlanataa (Oromoo Leadership
convention) milkiidhan xumuramee jira. Kanan argee gale.
Imala sa'aa 16 booda reefu nagaan gara
Norway deebi'een jira.
Asnake T Erko (14.11.2016)