Kan mariif walitti nu yaamu hamma Waaqaa bu'u moo hamma dhalatu eegna?
Akka hamma ammaa argaa jirrutti Waltajjii marii Atlanta (Atlanta leadership convention) kana akka lamatti laalamaa jira.
Oromoo harka irra caalan hirmaachun murteessadha kan jedhu yoo ta'u hammi tokko immoo hirmaachuu hinqabnu, namoota waan kana qopheessan hinbeeknu jedha.
Biyyi Oromiaa sirna Gadaatin bulaa turte bara durii Odaa Roobatitti san booda booda odaawwan ollaa jira kan akka Odaa Nabee, Odaa Bultum, Odaa Bisil, Odaa Hullee, Odaa Makkoo Bilii kkf waitti dhufanii waggaa saddeeti saddeetin seera tumachaa turan.
Eega Minilik Oromiyaa cabsee qabatee as waggoota 140 oliif akka biyyaatti walitti dhufee akka seera isaa hintumanne, akka dursitoota ofii seeran hinfilanne dhowwame. Wanni hamma ammaa jiru yoo jiraate dhaaboliin siyaasaa gama ofiitin akka mijateefitti miseensota ofii kora yaamaa turan. Kunis kan mara hammate osoo hintaane nama isaanitti tole yaamanii mari'au. Kan gochufis mirga qabu.
Oromoon akka biyyatti, akka sabaatti walitti dhufee maaltu nu baasa jedhee yaddoo qabu, hawwii qabu kan mari'ate keessaa tokko kora Londo keessa Onkololeessa 22 - 23, 2016 godhate.
Kanumatti aasudhaan guyyaa lama booda sadaasa 11 - 13, 2016 Atlantatti waltajjii marii gaggeessuf jedhu.
Egaa haala amma Oromoon biyya isaa keessatti dhumaa jiru kana cinaa dhaabbachuuf, biyya bu'ura yaada tokkummaa qabduuf waa lafa kaahachuuf marii gochuun yoo ture malee waan muddame hinqabu.
Kana keessatti walsaamichi aangoo yoo jiraate tasgabbiidhan namoonni jidduu jiran qabbaneessuu, tasgabbeessuf kan ijaaraa jirru afooshaa osoo hintaane biyya ta'uu yaadachiisun barbaachisaadha.
Oromoon ofiif seera lafa kaahatee, sabaaf sablammoota biyya isaa keessa jiruufis akkaataa waliin buluu hedu yaada lafa kaahun qabsoo keenyaf murteessadha. Kana lafa kaahuf walitti dhufanii marii gochuun jalqaba.
Kanaaf waltajjii marii Atlantaa hirmaachufi yaada bilchaataa dhiyeessun, kan itti fufiinsa qabu gochuun hedduu murteessadha.
Kana hingoonu yoo ta'e hamma eenyu nu yaamutti eegna? Waaqaa bu'ee mariif nu yaama moo hamma kan nu yaamu dhalatutti eegna?
Biyya Oromiyaa kan bilisoomte arguu barbaanna yoo ta'e, kan qabsoofnu biyyaaf malee aangoo walsaamuf yoo ta'uu baate, marii Oromoon eessattuu godhu deeggaruuf hirmaachuu qabna, yoo wanni jallate jiraate sirreessuu, qajeelchuu qabna malee hafaa jechuun miti.
Waaqni Oromoo waliin haata'u!
Subscribe to:
Post Comments (Atom)
Featured Post
Raadiyoo Damablii gabaabaa
Odeeffaannoo baadiyyaa dhaqqabsuuf tamsaasa raadiyoon dambalii gabaabaa qabaachun murteessadha. Ummata keenyaa dammaqsuun maalumaafuu mur...

-
Why Norwegian politicians are supporting Ethiopian dictator? Norway is known for its humanitarian and human rights support. It has been i...
-
Biyyi takka jiraachuf lafa, ummata, afaan, aadaa, seenaa kkf qabaachun bu'ura dubbiiti. San booda immoo biyya san kan bulchuuf sirna i...
-
Dhaaboliin siyaasaa Oromoo dhugumaan haala ummanni keenya keessa jiru xiinxaluun tarkaanfii haala uummanni keenyaa keessa jiru waliin deemu ...
No comments:
Post a Comment