Guyyaa lama dura sabboonummaan Oromummaa keenya laalchisee eessa jirra jechuudhan madalaallii koo baqattoota Oromoo biyya Ormaa jiran kana kaahuf yaalen jira. Achirrattis dhimmi kuni baqataa ykn "Diaspora" warra jedhamu malee warra biyya jiru akka hinlaallanne ibseen jira.
Mee moo Warri biyyaa eessa jiran sabboonummaan Oromummaa isaanii eessa jira isa jedjun kaahuu yaala. Sadarkaan sabboonummaa Oromoo biyya jiruu malirra jira isa jedhu yoo laallu keessattuu sochii waggaa darbee 2016 ragaa hedduu nuuf ta'a.
Darggoota (Qeerroo fi Qarree)
Darggooonni Oromoo keessattii barnoootaf gara Universitii fi koollejjii deeman hedduun gaafa naannaa ofiitti deebi'an hojii dhabuu dabalatee dammaqiinsi fudhatanii galan hammana hinjedhamu. Haaluma kanaan dargaggo akka ofii kan naannaa jiran waliin ta'uudhan ibidda qabsoo bara 2014 qabsiisan bara 2015 dhumaafi bara 2016 guutuu itti fufuun waan Oromoonis halagaanis hineegin uuman.
Oromoon hedduun yeroo gabaabaa kanatti, Oromoon guutuu biyyaatti mormii akkanaa agarsiisa jedhee hinyaanne. Kan yaades yoo jiraate xiqqaadha. Gubannaa bara dheeraa, xiiqii waggaa hedduu qabatee ture, yoo inni qeyeen isaa samamee kan biraa nyaatu, inni immoo taa'ee beela'u, obsa isaa fixatee fuula rasaasaa dura dhaabbachuuf onnee guutun ka'e.
dargaggoon akkasii osoo jiruu garuu dargaggoon ergamtuu ta'ee saba isaa qabsiisaa hiisisaa jirus lakkofsis xiqqaa ta'us akka jiru dagachuu hinqabnu.
Wayyaanen Oromoo jechuun DHDUO muraasa agartu san qofa seetee Oromoon lugna itti fakkaatee, Yoomuu hinka'u jettee abdii guutudhaan kan keessaa socha'e ajjeessaa, hidhaa, kaan biyyaa baasaa turtus kanumti hafe itti ka'ee tasa irra garagaluun isaa guddoo rifachiise.
Kuni egaa barattoota, barrsiisota akkasumas Oromoota xiiqii qaban bakka adda addaa jiran laallata. Sabbooonummaan isaanii sadarkaa kamirra akka gahe mul'isa.
DhDUO hoo?
DHDUOn akkuma argaa jirru gosa lamatu jira. Inni jalqabaa warra baratee hojii dhabee taa'ee beela'uurra jedhee itti duude. Gareen kuni haala Wayyaanen biyya keenya itti saamaa jirtu saaxiluudhan ummata ofii hubachiisa. Aarii qaba, xiiqii qaba, saba isaatif quuqama. Wayyaan hamma achi keessaa isaan aritutti waan hedduu hojjetu. Yeroo ammaa DHDUO keessa baayyachaa dhufanii Wayyaanen adda isaan baasuu dadhabdee jirtu.
DHDUO gosti lammeesson immoo warra saba biraa ta'an kan afaan Oromoo beekan, ykn Oromoo ta'ee kan qabeenya horatee qabeenya isaaf jedhee mootummaan wayyaanee kuni akka turu fedhu ykn immoo warra dhalootumaan galtuu ta'e. Gareen kuni hamma danda'e amanamtummaadhan Wayyaanedhaaf halkanii guyyaa dalagu. Qabeenya argatan maraa saammatu. Bu'aan isaanii garaa qofa. Boru mootummaan kuni yoo kufe maal taana jedhanii yaaddoo guddaa qabu. Wayyaanen yeroo qarqararra geesse san ummanni itti bahee qabeenya isaanii gubuu waan jalqabee arganiif waan ta'an wallaalanii nama sochii Oromoon godhu keessa jiru hundaa qabsiisuu hiisisuuf hirriiba dhabu. Gareen kuni Wayyaanen kan abdattee bakka maratti yaamtu isaani. Akka isaan qabeenya saamanii godhatanis yeroo ammaa hiree laatus, hammuma saamaa deeman saba isaarraa fagaataa deema waan ta'eef.
Garee Oromoo ta'ee qabeenya Oromoo, lafa Oromoo seeran malee saamaa jiru
gareen kuni biyya keessa fi baqataa alaa gales ta'ee yeroo adda addaa qabeenya Oromoo warra saamani. Kuni mammaaksa Amaraa "የአባትህ ቤት ሲዘረፍ አብረህ ዝረፍ" "Manni abbaa keetii yoo saamamu waliin saai"jedhu san warra fayyadamani.
Gareen kuni Oromoota Buraayyutti, Galaanitti, Dukamitti, Bishooftutti, Sandaafatti Sulultaafi kkf lafa abbaa qabu, qeyee nama tokkoo diigee beenyaa gahaa malee Wayyaanerraa bitatee irrtti ijaarrate.
"Yaa warra maasaa xaafii kan abbaa qabu, garuu kan wayyaanen saamame keessatti mana ijaarrattan, kan kooti jettanii harka kiisa keessanii deemtan... Oromoos taatanii, halagaas taatanii.... waan isin taatanii..."
Ammaaf garuu sadarkaa sabboonummaa keessanii gaafanna. Mee mediyarratti gurra nu duuchuu dhisaa ammaaf, kan boruu walitti deebinaa.
Yeroo amma saamicha lafa naannoo Finfinnee yoo dubbannu kan keenya sirumaa hinkaafnu. Ormuu saamaa jiraa Oromoon yoo fudhate maal qaba? jechuudhan dafanii warra afaan nama qabutu baayata. Isa yoo qorattan maasaa xaafii Finfinneen ala jiru keessaa mana qaba.
Sabbonummaan keenya sadarkaa irra gahe yoo laallu jarreen kana numa waliin qabsoo faarsu, numa waliin hiriiraa oolan, numa waliin Wayyaanes abaaru, waaye qabeenya Oromoo yoo ka'u TV fi sab-quunnamtiitti ol bahanii xiinxala kennu. Isaan malee namni dubbatu hinjiru. Dubbiin garuu deemtee gaafa mana maasaa xaafii keessaa qaban bira yoo geessu xiixala ofii irraa jallisu. Mee hunduu of haa gaafannu. Meeqa keenyatu qabeenya Oromoo seeran ala halagaan gurgurataa jiru irraa binnee, ykn seeran ala saamnee keenya godhannee sabboonaa fakkaannee of sobaa jirra.
Sabboonummaan garee kana Oromoota biyya keessaa kan Buraayyuu qubatan, kan Bishooftuufi san dhuunfatan kkf sadarkaa kamirra jiraa. Eenyu kan qabsoo sakaalee qabe? Hunduu of gaafadhu.
Kana yoon jedhu Oromoon Finfinnee fi magaalota naannaa Finfinnee keessatti mana jaarrachuu hindanda'u jechuu kootii miti. Asirratti kanan jedhu warra maasaa xaafii Oromoo akka isaanii irraa saamame keessatti mana ijaarratanii qabsoon keenya gaafa deemtee mana isaanii bira geesse dura dhaabbatani.
Sabboonummaa akkanatti sakatta'amee yoo hinaalalin ofiin taphachuudha. Mee haala Bishoooftuu, Dukam, Galaan, Aqaaqii, Sabbataa, Buraayyuu, Sandaafaa, Sulultaa fi naannaa san maasaa qotee bulaa Oromoo saamudhaan Oromoo meeqatu saamaa jira warri naannaa san jirtan nuuuf barreessaa.
Kana kanan jedhuuf alagaan yoo nu saamu Oromoo meeqatu waliin nu saamaa jira galmee banannee haa galmeessinu.
Sabboonummaan Oromummaa eessa jira kan jedhu kutaa sadeessoodhaan walitti deebina. har'aaf nagaan.
Asnake T Erko
Subscribe to:
Post Comments (Atom)
Featured Post
Raadiyoo Damablii gabaabaa
Odeeffaannoo baadiyyaa dhaqqabsuuf tamsaasa raadiyoon dambalii gabaabaa qabaachun murteessadha. Ummata keenyaa dammaqsuun maalumaafuu mur...
-
Why Norwegian politicians are supporting Ethiopian dictator? Norway is known for its humanitarian and human rights support. It has been i...
-
Maxxansaa haaran fooyya'e yeroo dhiyootti gabaarra oolufi. Kitaaba kana bara 2009 Norway tti bara 2013 immoo Finfinnee mana maxxansa...
-
Dhaaboliin kuni lameen Oromiyaa keessatti masaanudha. Dhaabolii waggaa dheeradhaaf tokko kaan balleessuf ifaajaa turani. Osoo filannoon godh...
No comments:
Post a Comment