Friday, June 16, 2017

Sochii Oromoo biyya alaa maaltu sakaalaa?

Morkkin jireenya hawaasummaa, sochii siyaasaf diinagdee keessatti hedduu barbaachisaadha. Morkii gaarii, kan waloo, kan jibba hinqabne, kan wal gitaa waan barbaachisu.
Haata’u malee sochii Oromoo biyya alaa jiru kana biratti keessattuu sochii siyaasaa keessatti morkii waliin osoo hintaane tokko badee ana qofa jiraata morkii jedhu fakkaata. Akkaatan maqaa itti walxureessuu, akkaataa waan maraa anatu godhe malee namni biraa keessa hinjiru jechuu, warra biraa akka jibbamu gochuuf yaaluu, diinaf wal saaxiluu jiru yoo laalle hedduu nama yaaddessa.
Mee morka bara darbe kana dhaabota siyaa Oromoo jidduu jiru haa laallu. Kanumatu irraa mul’ata.
Mee ijaarsa ykn gurmuuwwan ijaaraman haa laallu
Mee mediyaa Oromoo haa laallu
Mee namoota jalee gareewwan kanaa ta’anii nama arbsaa oolan haa laallu waan boruuf ijarsa ta’u osoo hintaane waan lamuu walitti hindeebinu fakkeessuf yaalu.
Egaa gabaabumatti sochii biyya alaa kan bu’aa hedduu ummata keenyaf buusuu danda’u kanatu inaaffaa walirratti ta’ee sakaalee qabee taa’a. Tokko yoo waa hojjete tokko dura gora. Tokko yoo mala haaraa fide kuun jalaa kuffisa, waanuma waliigalteen hinjirreef malee sababa gahaallee hinqabu. TV tokkoo diinni yoo uggure kuun itti gammada-diina waliin itti gammada.
Egaa inaafatu sochii biyya alaa kana sakaalee, lugamee qabe.
 Malli hoo maali ree?
 Sochii biyya Oromiyaa keessatti ta’aa jiru kana laalchisee:
 Mee koottaa akkana haa goonuu!
Anatu ummata dhammaqse
Anatu ummata fincilaaf kakaase 
jenne kanarratti walqoccoloo haa dhiifnuu.
Ummanni ofumaaf isa gahee, gidiraa, cubbuu, miidhaa, hidhaaf ajjeechan isa kaasee jenne dhugaa ofitti haa himnuu.
San booda ammas nu eegaa jennee ummata keenya sakaaluu haa dhiifnuu.
Ummanni akka ofirratti hirkatee qabsoo ofii gaggeessu haa jajjabeessinuu.
Anatu dhufee bilisa si baasa jenneetis ummata abdii hinjirre kennuufii haa dhiifnuu.
Humna diinagdee walitti qabnee saba keenya bira ha dhaabbannuu!
Jabaadhaa, ka'aa jennee karaa duraa haa gorruu. Yoo dandeenya ta'e ala kana teenyee aangoo tarii boru dhuftuuf wal nyaachuu haa dhiifnuu.
Yoo dhiira/Qeerroo/Qarree/dubartii dhugaa taane gallee ummata bira haa dhaabbannuu.
Yoo lugna taane immoo afaan keenya haa qabannuu.
Internetii irraa lola haa dhiifnuu.
Tarii yoo waaqni qalbii nuuf kenne tajaajila interneetii kana waan ummata keenya jabaassu, waan dipilomaasii gargaaruf haa oolchinuu.
Walbarsiisuf haa itti fayyadamnuu. Sammuu keenya qaruuf itti dhimma haa baanuu. Aadaa fi duudhaa keenya kan oromuu dharra'ee barataa jiru kana walirraa haa barannuu. Aadaa fi duudhaa keenya diinni itti bobba’ee balleessuf deemu kana ittiin haa qolannuu.
Mee koottaa akkana haa goonuu!
Ummanni keenya akka ofirratti irkatee lolatu haa deeggarruu.
Yaa Waaqi nama ummata badii malee dhumaa jiru kana dura dhaabbatu ati bisaasessi, balleessi, tasa buqqisi.... Amiin!
Hoo bishaan kee fidi wayaa koo!

No comments:

Featured Post

Raadiyoo Damablii gabaabaa

Odeeffaannoo baadiyyaa dhaqqabsuuf tamsaasa raadiyoon dambalii gabaabaa qabaachun murteessadha. Ummata keenyaa dammaqsuun maalumaafuu mur...