Yeroo hedduu Oromoon maal dhabe. Qabeenya qabaa, heddumina namaa, beekumsa fi gootummaa waan dhabe hinqabu jennee dubbanna.
Haqa tokkotu jira garuu. Qabeenyi, beekumsi, heddumminni, gootummaan kan walitti hindhufin, irree tokko hinta'in bu'aa tokkollee hinqabu.
Hara kan jecha xiqqoo jechuu fedhu tokkummaa, tokkummaa, tokkummaa jennee wal ifachiifne kana irra deebi'ufii miti.
Tokkummaa san maaltu nu dhoowwee?
Namoonni muraasni ofiifis of moggaasanii haata'u garee siyaasaa ykn dhaaba tokkootin moggaafamanii ana malee tokkollee mul'achuu hinqabu, hojiin ani keessa hinjirre hinta'u jechuun dumaatii saba keenyatiif sababa. Akka walitti dhufnee humna hintaane diinatu nu dhoowwee miti. Kan walitti dhufuu nu dhoowwe gareen akka walitti dhufee hinhojjenne kan nu taasise ofittummaa namoota muraasaa qofa.
Gaafa oromoon walitti ba'ee humna tokko ta'e bakkan dhaba isa jedhurraa ka'uudhan waan socha'u maraa dura dhaabbatanii sabni keenya yoo dhumu teenyee laalla.
Osoo yeroo xiqqoodhaf ofittummaa kanarraa of qusatanii sabni keenya akka walitti dhufu godhanii guyyaa muraasa keessatti dolara miliyoona walitti buusuu dandeenya, dargaggoon keenya alaa fi keessaa hiriiruu danda'a. Diinni dura dhabbachuu hindanda'u, sagaleedhan baqata.
Ofittummaa namoota muraasaa kanas kan goobsee nurra tursiise warra gareedhan warra kana duuba dhababatanii jabeessani.
yaa waaq ofitummaa namoota muraasaa kana nurraa buqqisi, akka sabni keenya walitti dhufee daangaa malee walijaaree diina isaa buqqisuuf nu gargaari!
har'aaf tanumaan nagaan!
Subscribe to:
Post Comments (Atom)
Featured Post
Raadiyoo Damablii gabaabaa
Odeeffaannoo baadiyyaa dhaqqabsuuf tamsaasa raadiyoon dambalii gabaabaa qabaachun murteessadha. Ummata keenyaa dammaqsuun maalumaafuu mur...

-
Why Norwegian politicians are supporting Ethiopian dictator? Norway is known for its humanitarian and human rights support. It has been i...
-
Biyyi takka jiraachuf lafa, ummata, afaan, aadaa, seenaa kkf qabaachun bu'ura dubbiiti. San booda immoo biyya san kan bulchuuf sirna i...
-
Dhaaboliin siyaasaa Oromoo dhugumaan haala ummanni keenya keessa jiru xiinxaluun tarkaanfii haala uummanni keenyaa keessa jiru waliin deemu ...
No comments:
Post a Comment