Thursday, June 29, 2017

Lafa Oromoo saamun eenyufuu hinhayyamamu

Lafa Oromoo saamun eenyumaafillee hinhayyamamu
Yeroo ammaa kana qotee bulaa Oromoo irraa lafa saamun seeran ala, dhara, cubbuudha, dhiibbafi miidhadha jenene mediyaa argame mararratti lallabaa jirra, namuu yaaddoofi sodaa tokko malee dubbata.
Ofii lafa qotee bulaa kan gatiin mi’aaye, kan saamanii manaafi iddoo daldalaa irratti ijaarataa jira keessattuu lafa Finfinnee marsee jiru ta’uu ifaadha.
Kanarraa kan ka’e abbaan biyyuummaa Finfinnee kan oromooti, kan qotee bulaa irraa fudhatame saniiti jennee afaan guunnee dubbanna.
Warri Galaan, Warri Ganuu, Warri Alloo, Warri Qaalluu (Qaalittii) war, Warri Tufaa Munaa, Warri Abeebee Tufaa, warri Gullallee, warri Bulbulaa, Gosti Oromoo Tuumaa sadeenii walumaagalatti Naannaa Finfinnee san qubatee ture lafa isaa qofa osoo hintaane gosa isaa, sanyi isaa dhabe.
Kanallee Masterplaniin yeroo lama itti dhufe. Masterplaniin inni jalqabaa bara 1879 (waggaa 137 har’aa) itti dhufe. Gaafas qawwee qabatee warri Minilik Oromoo lafarraa duguugee kaan ajjeesee, kaan gubee, kaan jaji’ee qayee isaatirraa buqqisee lafa maqaa jijjiiree “Addis Ababaa” jedhee itti moggaase. Oromoo harka kennuu didee SHAGGAR jedhee maqaa masoo itti baase.
Masterplaniin lammeessoo immoo bara 2015 keessa itti deebi'e. Hedduu kanattis irraa hindhaabbanne.
Lafa buqqa’uun Oromoo qofaratti hinjalqabamne. Saboonni gabrummaa jalatti kufan hedduun isaanii akkanuma lafa ofii dhaban. Garuu jaarraa 21 keessatti guyyaa adiidhan lafa isaanitirraa buqqa’anii yoo darbaman fuula AU, fuula UN fi US akkasumas EU fuulduratti nama dinquu danda’a. Waajjiraalen gargaarsa fi bakka buutonni motummoota addunyaa Finfinnee keessaa waajjira qaban akka waan hinagarree ija qabatanii gurra qabatanii callisan.
Oromoo fagoo jiru yoo gosa isaa saamamaa jiru, biyya isaa ciramaa jiru kanaaf jedhee iyyee ajjeefamu akkan waan hinagarree callisan.
Kan isaanii (alagaan) callise qofti nama hindinqu. Oromoonis kan saamicha qabeenyafi saamicha lafaa kanatti hirmaachaa jiran lakkoofsa hinqaban. Warri biyya keessaa malaammaltummadhan Tigree waliin hiriiranii daldaltoota lafaa ta’anii qotee bulaa sossobanii, dorsisanii, boruu mootummaan sirraa fudhataa gurguri jedhanii lafa sanyii isaanii qircacha jiran hedduudha. Oromoon alarraa galanii saamicha Tigree kanatti hirmaataa jiran (Disapora) hedduutu jira. Yeroo biraa qabsaa’aa fakkatu, isaan malee waayen qabsoo oromoo hinta’u asumaan immoo Burayyuu, Sandaafa, Dukam, Galaan, Finfinnee keessaa lafa saamichaan gurguramaa jiru kana saaman. Diinni gaafa saamu waliin saamu.
DHDUO (OPDO) akka waan gaarii gootee barsiisotafi hojjettoota Oromoo ta’aniif lafan qooda jetti. Ajab! Lafti kuni kan eenyuti qoodanii? Eenyurraa fuudhanii, eenyuf kennuu? Inni saamichaa mitii? Yoo Oromoo ta’e saamun isaaf hayyamama jechuudhaa?
Gaafii hunduu akka waan hinbeeknee irra utaalu kana mee haa kaafnu. Oromoo yoo ta’e lafa qotee bulaa Ollaa Finfinnee saamun isaaf hayyamamaa? Maasaa Xaafii abbaa tokkoo keessatti mana ijaarrachuu eenyutu isaanif hayyame? Samicha addaa burree hinqabu.

Dhimmi kana mediyaan keenya hinqaana’inaa, yoo mana saamichaan ijaarame qabaattanis himatanii cubbuu bahuu wayyaa. Kaasaa haa hasofnuu. Boru rakkoo qabaa. 

No comments:

Featured Post

Raadiyoo Damablii gabaabaa

Odeeffaannoo baadiyyaa dhaqqabsuuf tamsaasa raadiyoon dambalii gabaabaa qabaachun murteessadha. Ummata keenyaa dammaqsuun maalumaafuu mur...