DHUKAASNII ELEMOO,,,QEERROO HIN
HANQATU !
SEENAA Y.G (2005) kutaa 1ffaa
Jalqaba,
Mata duree kiyyan akka dansaatti isiniif ibsa .1. “Bishaan miila ga’ee , Miila hin hanqatu” kanan jedhee,
Qabsoo Oromoo Namoota muraasaan
eegalamee, sadarkaa sabaatti guddachaa dhufuu qofa osoo hin taanee, Guutuu
Oromiyaa haguugaa jiraachuu argisiisuuf ta’uu dursaa naaf hubadhaa. Kana
malees, Qabsoon Oromoo Gootoota muraasaan eegalamtee, Gootoota kumaantama
horachaa jiraachuu argisiisuuf ta’uu qalbifadhaa. 2. “Dhukaasii
Elemoo,,Qeerroo hin hanqatuu” Qabsoo Oromoof dhukaasii Elemoo kan
jalqabaatii jechuun rakkisaa ta’uus, Ega gabrummaatti kufnee kaasee, dhukaasii
diina ofirraa kaasuuf dhukaafamu waggaa 150 ol ta’eera. Haa ta’uutii kan Elemoo
seenaa qabeessa. Oromoon akka gurmuutti ykn akka dhaaba siyaasaatti
Gabroonfataa ofirraa kaasuuf sochii eegaleef dhukaasii Jaal Elemoo Qilxuu ka
jalqabaatii. Jalqabbiin sun, dhiibbaa diinni nu irratti taasisaa jiruu fi Biyya
abbaa keenyaa irratti mirga ofirraa ittisu qabnuun, Diinaan Dirqamnee Dhukaasaa
Qeerrootti ce’uuf , yoo isarra dabrees, Dhukaasa Ummata Oromoo maraatti tarkaanfachuuf
yeroon nu haftee gabaabdudhaa. Badiin diinaa Elemoo dhukaasaaf dirqisiiftee,
Qeerroo fi Qarree Oromoo dhukaasaatti ceesisuuf sa’atiin achii gadi lakkaa’aa
jirti. Kun waan hin hafnee. Bishaan miila ga’ee mataa bira geenyaan,
liqifamuutu dhufa. Dhukaasii Elemoo Qeerrootti tarkaanfannaan xumura gabrummaa
ta’uun ifa . kana diinaa fi firaaf akka gaaritti ibsuufii barbaachisaafan
filadhee.
Bara
2000 kaasee Fincilli Xumura Gabrummaadhaa dhaloota haaraan eegalamee, amma
Qeerroon sochii hundaa dhunfatutti , isa Boodas Qeerroo fi Qarreen Qabsaa’oota
Qabsoon siila’aniin Hogganamanii diinaa wayita raasaa turanitti, gama
diinaanis, firaanis yaadaa fi ilaalcha hedduutu dhihaachaa ture. Namoonni waan
kun itti hin fufu jedhanii eegalee, Qabsoo Ijoollee keenyaa marmaranii hanga
kiishaa isaanii keessa naqachuuf yaalanitti arganeerra.
Dhugaadhaa wareegama hedduu jabaa
kafalaa jirra. Garummoo filmaata biraa hin qabnuu. Har’aa nuutu wareegama
baasaa jirrun onneen nu madoofti ta’aa. Boruu garuu gama keenyaan gammachuu
ta’ee, gama diinaan gubannaa ta’aa. Kunimmoo waanuma arguuf teenyuudhaa.diinni
qabsoo Biyya keessaa gaggeeffamaa jiruun waa hedduu itti maxxansee fi xureessee
akka barbaadutti dhiheesseera. Oromoonni iji isaanii hanguma ilaaltu yaadanis,
qabsoo irraa fagaatanii jiraachuu isaanii osoo hin qeeqiin, warra dhiiga itti
lolaasaa jiruu fi lafee itti cabsaa jiran irratti waa hedduu
dubbataniiru.Waggaa sadan kana waan dubbatamee fi katabamee seenaatu ol kaa’ee
jira. Waan sun hundumtuu afarfamee garuu, kan hin tarkaanfatu jedhamee
tarkaanfatee, kan hin badaa jedhamee lubbuu qabaatee, kan ni laafata jedhamee
jabaatee diina morma hudhee jiru ta’uu yennaa argan maaluma jedhu laata ?
Kaayyoon
barruu kiyya har’aa dubbii kakaasuuf miti. Har’as seenaatu raawwatamuuf jiraa,
waan kaleessaa irraa baradhaatii , dhaloota har’aa of laachaa jiruuf kabajaa
qabaadhaa jechuufi. Mana ho’aa keessa teenyee xiinxalaa fi yaada baatii tokkof
illee hin turree gumaachuu irraa akka of qusannee waan ijaaraatti ceenuu
hubachiisuufi.
Addatti
bara 2015 kaasee daa’immanii kaasee hanga maanguddoo ganna 70tti wareegama
kafalaa jiran. Kun eenyun illee gaddisiisuun hin hafu. Garuu ammas furmaata
biraa hin qabnuu. Bilisummaan wareegama malee argamtuu gonkumaa eessallee hin
jirtu. Kanaaf ammallee wareegama ulfaataa kafaluun keenya hin hafu. Wareegamnii
kun jabiinaa fi wal jala yaa’uu keenyaan hanqifamuu mala. Garuu waan hin
hafnee. Yeroos Yaadoota ka’anii turan kaasuun barbaada. kan diinni miidiyaa fi
sabaa himaalee irratti dubbatu osoo hin taanee, ofiima keenya waan ofiin jennee
turre keessaa:-
1. Lubbuu ijoollee maa ficcisiisuu ?
2. Fiixa
ba’iinsa hin qabu , har’aa ho’ee boruu qabbanaa’aa
3. Sochiin
Qeerroo Abbaa hin qabuu !!!haadha itti barbaannaa ,,,,kk
4. Dhaloota keenya hidhaatti fixanii..
5. Tapha
ijoolleetii ,,,
6. Dhaloota
barnoota irraa kutaa jiruu ,,, kkf jedhamanii jiru. Qabxiilee muraasa kana
maaliif kaafnee ? jennee mee haa eegallu . gaaffiin akkasii jalqaba irratti kan
ka’uu, dantaa ofii dursuuf jedhameeti. Inni lammaffaa, Naamuusaa fi kabajaa
eenyuf akka qabanillee wallaaluu irraati. Inni sadaffaan, Qabsoo keessaa
fagaatanii madaala tilmaamaa ykn xiinxalaa keessa gangalachuun qabsootti
fudhachuu irraati. Kun deebii gababaa ta’aa. Deebii qabatamaan ammo waan yeroo
san jedhamee fi waan qabatamaa amma jiru wal bira qabnii ilaaluudhaa.
FINCILLI MATAA FI GURRA ITTI GUGUDDIFNEE
KUN MAAL UUMEE ?
1. Fincila
saba keenyaatti aanee ka dhufee, wareegama isaan kafalaniidha. Wareegamnii kun
garuu firii Gootummaa sadarkaa addunyaatti galmeesiseen dabree jira. Har’aa
wareegamni ulfaataan sun, dudda wayyaanee cabsee akka teesse dubbattu
taasisseera. Taa’anii haasa’uutti aanee ciisanii haasa’uutu dhufa. Kunimmoo
dhawaataan itti fufa. Wayyaaneen kaleessa barcuma paarlaamaa dhibbeentaa 99%
mo’adhee kan jettee addunyaatti gabaafattee biyyee kan nyaatee wareegama
ijoollee kanaanii . wayyaanee kana dubbattee waggaa 1 booda guutuu Oromiyaa
keessatti Seenaan sun hundi addunyaatti kan mul’ifame.kun wareegamuun lammiilee
keenyaa sun firii akka godhatee nu argisiisa.
2. Wayyaanee
maallaqa biliyoonaan ramaddee kan irratti hojjachaa turtee qabsoo Oromoo ABOn
durfamu, akka fedhii namoota muraasaa fi garee tokkotti fudhachiisuuf amma
dandeesse ifaajjaa jiraattee. Maallaqi daldaltoota siyaasaa bitanii Biyyoota of
cinaa hiriirsuu waan laayyoo miti. Garuu kun hundi dhiiga ijoollee keenyaan
dhiqamee ifatti ba’eera. Gaaffii qabsaa’oonni barootaaf kaasaa fi itti
wareegamaa jiraatanii fi jiran , kan namoota muraasaa osoo hin taanee, kan
Ummata Oromoo ta’uu fi Ummati Oromoo ABOn akka isa bulchuu akka barbaadan
ifatti kan ittin mirkaneeffamee fudhatama argateedha.
3. Mootootii
hundaa irra diinni innikkaa Oromoo wayyaanee ta’uu kan itti mirkaneeffattee,
qabsoo ummata oromoo goolessummaan wal qabsiisanii dhabamsiisuuf sochii
taasifteedhaa. ABOn shororkeessaa addunyaa ta’ee, akka Biin laadeen akka
barbaadamuu fi Ummati Oromoo akka Iraaqii fi Afaagaanstaan akka tumamanii
dhumaniif shirri baroota dheeraaf hojjataa jiraatte salphaa miti. Warri
wayyaaneetti maxxananii fi bitamanii jiran waan kana hangam gadi fageessanii
akka ilaalanii jiran naaf hin galu. Wayyaaneen diina keenya ishee dumaati.
Amaarri fi warri kaan Biyyuma keenya irratti nu cabsu uyaalan. Wayyaaneen garuu
addunyaa irraa nu dhabamsiisuu ykn addunyaa nutti dulchisuu yaaltee jirti . kun
yoomillee seenaa sana keenya keessaa hin badu. Sammuu dhala Oromoo hundaa
keessaas hin badu.egaa Qeerroo fi Qarree seenaa wayyaanee xuraa’aa akkasii
addunyaa irratti saaxilanii qabsoon Oromoo gaaffi abbaa Biyyummaa malee kan
shororkeessummaa akka hin taanee, ABOn kallacha qabsoo Oromoo ta’uu mirkaneessan.
4. Waggoota
dheeraaf addunyaa irratti sabni Oromoo kaleessa sirna mataa isaa qabaachaa akka
turee fi gabrummaa jalatti akka kufee jiru, aadaa fi jireenya hawaasummaa mataa
isaa akka qabu , gaaffiin Oromoo addunyaa irratti fudhatame akka argatee kan
ittin mirkaneeffame, Sabni Oromoo saba of bulchu akka ture kan mirkaneessu
sirni gadaa UNESCO tti hatattamaan akka gadi ba’uu kan taasisan seenaama
ijoollee keenyaa ilaalcha tuffii hedduun irratti ka’ee kanaati. Waan addunyaa
kana irratti ta’uu hundaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitu of harkaa qaba.
Dhaabbati mootummoota gamtoomanii ammoo addunyaa kana irratti waan jiru hundaaf
ragaa isaa kan qindeeffatuu fi mirkaneeffatu
karaa UNESCO kanaatii . kanaaf dhiigi ijoollee keenyaa Gootummaa akkasii
galmeessee dabree jira. Qabxiileen kun sadarkaa addunyaatti kan ilaallee
qofaadhaa. Sadarkaa wayyaaneetti ammo lakkofsayyuuu hin qabu.
Mee
waanuma gabaabaa kana irraa maal baranna. Tilmaama kaleessa lallabaa turree fi
haala qabatamaa har’aa keessa jirru, addatti seenaa bifa haaraa Biyya keessatti
argaa fi dhaga’aa jirru kana waliin yennaa madaallu , gara fuula duraatti akkam
ta’uu qabnaa ? jennee of gaafannaa laata? ? moo, waan yeroos kaafnee xibaarree
dhiifnee, waan eegalamee sun saganteeffamee kan gaggeeffamaa jiru ta’uu amannee
qooda fudhachutti ceena. ? sochiin kun qindaa’aa ta’uu fi umurii qabaachuu
qofaa osoo hin taanee xumura wayyaanee akka tolchuu ragaa hedduu ammaaf
tarrisuu hin dandeenye of harkaa qabaafan kaasaa jiraa. Kan dabree abbaa
salphisee fi ol kaasee taajjabaa, waan boriif of qopheessuun barbaachisaadhaa.
Sodaa
fi shakkii tokkollee hin qabnuu . wayyaaneef dhumateera. Siyaasii yeroo isaatti
kufuun waan hin hafnee. Har’a jabiina wayyaaneen osoo hin taanee sagantaa harka
keenya jiru irraa wayyaaneen jiraachaa jirti. Wareegamni keenya hanga har’aa
gumaa baasutti akka hin geddaramneef , waan eeggachuu qabnuu fi dantaa siyaasaa
keenya ilaallachuu irraa ta’uu mala. Qawwee hidhachiifamuunis adeemsuma keenyaa
tolchuuf, qawwee qooduun duuba maal akka jiru hubachuu irraa ta’uu malaa haa
obsinu. qabsoo keenya irratti shakkinu hin qabnu. Tarkaanfii barbaannu bakka
barbaannutti fudhannuu addunyaan akka nurra hin ilaallee beekna. Gara
keessaattis ta’ee alaatti gumaa ba’uun dhihaachaa jira. Oromoon kana gochuuf
mirga guutuu itti qaba. Kutaa 2ffaan itti fufa.
HORAA BULAA !
No comments:
Post a Comment