Harmee Sabboonaa irraa
Motummaan wantoota
uummannii waloodhaan itti fayadamuu kan akka karaa ,dhabbata fayyaa ,manneen
barnootaa fi kanneen fakaatan ittiin babalsuuf gibiraa fi qaraxaa bifaa addaa addaatiin
uummataa hirraa sasaba. Kan mootummaan itoophiyaa /wayyaaneen/ gochaa jirttuu
garuu faallaa dhugaa kanaatii. Gibiraa fi qaraxii uummatarrattii fe’amee
guramuus otoo misoomaa waloo hirraa hin ooliin, wayyaneedhaan qisasamaattii kan
jiru.
Motummaan
wayyaanee gaaffii uummataatiin dirqamee misoma waloo murasa kan hojechuuf yaale gibiraa uummata hirraa saamaa jiruun otoo hin
taanee qarshii liqiidhaan bankotaa chayinaa hirraa liqefatunii. Kuniimmoo dhalootii
dhufu liqiin tagoogamee akkaa mataa ol
hin qabannee gidirsuudhaaf karorfatanii
waan ittii deemaa jiranidhaa.
Yeroo ammaa kanattiimmoo uummata mirga
namummaa isaa sarbuun akka fedhanittii ajjeesaa, hidhaa, ar’ataa jiran. Warreen
rakkoo kana mara dandammatanii jireenyaa mo’achuuf wixifatanimmoo motummaan
wayyaanee gibiraa garmalee itti fe’udhaan golgaa gibiraatiin uumataa saamuu
eegaleera.
Qabsoon diddaa gabruummaa oromiyaa keessattii
finiinuu ergaa eegalee as mootummaan wayyaanee gibira fi qaraxaa gahaa Oromiyaa hirraa argachuu
akkaa hin dandeenye olola. Gidduu kanaammoo, gibiraa akkii timamaa isaallee hin
beekamne,baasii fi galii daldalttootaan kan wal hin madallee, kaan yoo qabeenyumtii
isaan qabanillee gurgurame gibirichaa of hirraa baasuu hin dandeenyee dachaa
dhibbentaa dibbaa 4 fi dhibbaa 5 ittii ramaduun uummata samuuf karoorfatee
hojii hirraa olchaa jirtii.
Mootummaan
wayyaanee inni gibiraa gar malee uummata hirraattii fe’ee gidiraa jiruu kun
dhabattootii daldalaa wayyaanee kan akka EFFORT gibiraa fi qaraxaa isaan hirraa
barbaachisuu kafalaa jiruu? TASUMAA. EFFORT
maqaa naannoo Tigraay debisanii ijaaruu jedhuun waggootaa 25 duraa mahaalaqqa
uummata hirraa wayyaaneen saamaa turte dolaara miliyoonaa 100n hunda’ee. Har’a
garuu dhabatii daldalaa wayyaanee kun qabeenya uumataa saamuun kapitalaa
kafalamuu/paid capital/ qofa dolarraa biliyoona 3 caaluu geesifatera.
Dhabbati daldala
wayyaanee EFFORT gara kampaniwwaan 60 caalan dhunfattii qabatee jiruu kessaa
mesfiin industrial injineeriing, worshaa simintoo masoboo,kampanii atobisii
salaam,biiraa dashiin, warshaa huccuu almedaa fi kanneen kaanis dinagddee
biyyattii dhunfachuun olantummaa siyaasaa fi dinagdee wayyaanee mirkaneessaa
jiruu.
Mootummaan wayyaanee daldaltootaa xixiqqaa
shiroo yokaan buna danfisanii gurgurachuun maatii hedduu bulchaan gibiraa garmalee
hirrattii fe’ee hiraarsaa jiruu, dhabbatoota daldalaa isaa kanneen sadarkaa
gurguddaattii socho’an lakobsaanis danuu ta’an gibiras ta’e qaraxa santima tokkoo kafalchisaa hin jiru.
Konkolatawwan gurguddoo dhabata EFFORT fi
meshaa fe’aniiru jedhamanii maqaan effort hirratt dhahamee eenyuu abbaa isaatuu
ittii bu’a,? Kana qofaa mitii maaltuu kellaa hirrat sakata’a ? Daldaltoonnii Tigree
fi kanneen rayyaa itisaa maqaa dhabata kanaatiin yoo barbadaan sayiranii
konkolataa isanii dhagesisaa kanneen kan akkaa karaa gadhisaan gochuun bufataa doonii jibuutii kaasanii otoo
gibiraa fi qaraxaa hin kafaliin, otoo keellaan itti hin cufamiin masaas
jedhanii bakkaa barbadaaniin gahatu. Warren dhabata kana hirat gaffii kasan ammoo
maqaa biro itii maxansuun manneen hidhat darbatamaniru. Kana qofaa mitii
gazexessonnii dhimma kompaniwaan Effort jala jiran hirrati qorannoo qazexessummaa
(investigative journalist) gegessuf yaalan adaba cimaadhaaf saxilamaniru.
Mottummaan wayyaanee
dhabata offii hundeffate kampaniwwan gurgudoo kan akka EFERT fi Kubaniya
Alamuddii fi maqaa daldaltoota dhunfaatiin
kanneen wayaaneef daldalan qaraxaa fi gibira gurguddaa kafaluu malan of
cinaatti dhistee daldalaa xixiqaa jirenya guyyuu isaa mo’achuuf bu’a ba’iin
jiraataan gibira wanni isaan of harka
qabanillee yoo gurgurame kafaluu hin dandeenyee itii ramaduun oliif gadii oofuun
wayyaaneen hundeshetii wa’ee uummataa Tigree malee kanneen kaaniif dantaa kan
hin qabne ta’uu caalaattii mirkaneessa.
Umanii otoo
ajjeffamuu, hidhamuu, ar’atamuu, har’as, maqaa labsii yeroo hatatamatiin
wayyaneen gidirfamaa otoo jiruu cal hinjennee, gabaa lagachuun, suuqii isaa
cufuun wal dadamaqsuun gibira gar malee wayyaneen hirrattii feete du’aas hidhamaas ar’atamaas, falmachuu isaa
itiifufeera.
No comments:
Post a Comment