Asnake T Erko
Torbee darbe
keessa waayen DHDUO dhimma oo’aa ta’ee turre. Dhimma irreechaa nu jalaa
booressa jennee waan yaaddofneef mee waayee kana Irreecha barii walitti haa
deebinu waliin jechuu keenya niyaadattu. Keessattuu garee biyya keessaa Lammaa
Magarsa akka Irreecha 2017 irratti Hora Arsadiitti akka haasa’u fedha qaban fi
garee keessattuu biyya alaafi keessaa kan Lammaan irreecharratti haasa’uu
hinqabu jedhan jidduu mormii cimaatu ture. Ani warra akka irreecharratti
hinhaasofne jedhe san keessaa tokko. Ammas gaabbii hinqabu. Seera Gadaan tume
tiksuun mala marii hinqabne waan ta’eef.
Kunis kan
agarsiisu DHDUO siyaasa Oromoo keessatti ajandaa ta’uu danda’uu isaati. Ji’oota
muraasa dura dhimmi DHDUO ajandaa Oromoo ta’ee namni akka DHDUO haasa’u bakkee isaanis
kennu hinjiru ture. Har’a garuu dhimmi kuni bakka argachaa dhufeera. Siyaasatu
amala akkanaa qaba.
Haata’u
malee garuu DHDUO duuchumaan haa deeggarru jechuu dura sirriitti gargar baafnee
haa laallu. DHDUO kuni kami? Maal ture? Har’a hoo maalirra jira jennee adda yoo
baafnee deeggaruuf dhiisudhaaf, mormiidhaf deebi’aadhaaf ifa nuuf ta’a.
Akkan ani
itti hubadhutti DHDUO kuni lama:
1-
DHDUO
Wayyaanef dalaguuf socho’u
2-
DHDUO
saba Oromoof dalaguuf socho’u
Mee tokko
tokkoon haa laallu:
- DHDUO Wayyaanee
DHDUO
ummamni isaa Aadeti (Tigray) keessa yoo ta’u akka hayyoonni siyaasaa ibsaa
turan kan hundeeffame ABO fi Wayyaanen waan waliigaluu dadhabaniif wayyaanen
ummata Oromoo qabachuuf bakka bu’aa isaanii uuman. DHDUO nis baroota
dheeradhaaf ajajuma Wayyaanee kana fiixaa baasaa, ummata keenya miidhaa turuun
waan halamuu miti.
Waggoota 25
darbaniif saba keenyarratti shira xaxaa, morka dhaabolii Oromoo seenanii waan
isaan mormu hundaa wayyaanedhaan ajaja itti kennamuun saba kenya hiisisaa,
biyyaa baasaa, kaan ajjeesaa turaniiru. Hojii hojjetan kanaaf immoo akka badhaasa
qabeenya ummataa saamanii jiru. DHDUO adda durummaadhan hogganaa warri ture,
gosaan Oromoo qoodudhaan lafa Oromoo garee tokkof qoodudhaan garee kaan
buqqisuudhaf saba Oromoo akka wal shakku godhaniiru.
Kana bira
darbee magaalota xixiqqoo kan akka Sandaafaa faa guututti diinatti
gurgurataniiru. Ofii saamaa warra isaan falme immoo matta’aa sababa jedhuun ari’aa
turaniiru. San bira darbee gareedhan walqoodudhaan wayyaanedhaaf dabarsanii wal
kennuudhan saba keenya ficcisiisaa turaniiru. Hamma har’aa ilmaan Oromoo mana
hidhaa keessatti affeelamaa jiran kana Wayyaanen kophaa ofii qabdee hinhiine,
kan hidhee hiisise DHDUOdha. Kan kanaa ala isaan aagoo itti hinqabne
hoggantoota olaanoo dhaaba mormitootaa garuu DHDUO hidhuuf hiikus hindanda’u,
kana sirriitti hubatamuu qaba. DHDUOnis garuu tapha san keessaa ala hinturre.
Wayyaanen
saboota biroo afaan Oromoo beekan nu keessatti guddatan ramaduudhan, akka
isaanif caalaa amanamoo ta’an waan baraniif hedduu itti fayyadamanii jiru. Kan
yoon jedhu sabaan Oromoos ta’ee kan nu ficcisiisaa ture hinjiru jechuu miti.
DHDUO dawoo
godhachuudhan warri saba keenya saamaa, hiisisaa, ajjeesisaa kaan biyyaa baasaa
turan yakka sanirraa halkanuma takkatti bilisa bahan jechuun badiidha. Warri isaan
hiisisan, biyyaa baasan ajjeesisan akkasumas maatif qabeenya isaanirraa
buqqisan suni ammallee kuun baqarra, kuun mana hidhaa, kuun akka qabeenya ofii
dhabee hiyyoometti kuun ajjeefamee dhugaa isaan dhabetti waan jiruuf DHDUOn
akka ummanni deeggaru barbaannan sirritti of qulqulleesanii, yakkamaaf shakkamaa
of keessaa baasuu qaban. Sirritti ummata ofii hubachiisuu danda’uu qaban. Kana
hingodhan taanan garuu xurii fi gumaa warra nama fixee ofirratti baatanii
ummatatti seenun salphaa miti.
- DHDUO saba Oromootif dalaguuf socho’u
Akkuma argaa
jirru ji’oota muraasaa as DHDUO keessatti waan haasa’amee hinbeekne, waan
godhamee hinbeekne yoo jedhaniif godhanis agarreerra. Hamma dubbatan gochuus baatan hamma
tokko kan dalagan mul’ateera. Irreechi isa keessaa tokko. Gareen DHDUO amma
harkaa qabu kuni haalli itti deemaan jiru haala abdii keenu fakkaata. Haata’u
malee garuu garee olitti ibsame kan ummata ficcisiisaa turan kana of keessaa
dhaban jechuu miti.
Egaa gareen amma aangorra jiru, kan Lammaa Magarsaatin
hogganamu kuni dursee yakkamtoota of keessaa qulqulleessee malaaf suutan ummata
ofii hidhachiisaa, Milishaa ummata keenya fixaa jirtu, kan dabballummaan
dogoggoraa baratan, farra ummataa malee tola ummataa hingorfamin san diigudhaan
caasaa Gadaa Oromoo deebisanii ijaarudhaan saba isaanii kiisuu qabu.
Ummata hidhan kan aangoo itti qaban hundaa hiikun jalqaba
dubbiiti. Kan hamma ammaa hiikan kuni gahaa miti. Sabni Oromoo biyya isaarratti
waan mirga isaa gaafateef hidhame malee hatee miti. Kuni martuu hiikamuu qaba. Kan
isaan aangoo itti hinqabne akka jiranis hubachuu qabna. Garuu warra kanas
hiiksisuuf dhiibbaa gochu qabu. Diinnis yoo isaan kana godhan callisee waan
hinlaallef ummata keenya hidhachiisuun mala gaaridha.
Qabeenya Oromoo sababa Investimentiitin alagaan guurrate kana
ummataaf deebisiisun waan salphaa ta’uus baatu ummanni yoo hidhachaa deeme akka
qabeenya naannaa ofii too’atu gochuun itti deemuu danda’u. Sabni keenya dhaabolii
siyaasaa biyya alaa taa’anii dhaamsa qofa itti dhaamaniif ibsa tarreessan
ifatee jira. Carraan amma biyyatti saba dammaqe kana miira isaa eeganii akka
mirga isaa kabajchiifatu gochuu eenyuyyuu caalaa DHDUO garee lammeessoo kana
harka jira.
DHDUO gareen lammeesson kuni yoo dhuguma alagaa caalaa ummata
ofii amanee sagantaa saba isaa tajaajiluufi mirga saba isaa eegsisuurratti
xiyyeeffate warra isaan morman hedduu hawwatuuf gargaarsa argachuu salphaadha.
Kana ta’uuf garuu caasaa diinaf ijaarame, kana biyya keessafi
biyya alaa kanattis dantaadhaf jedhee saba isaa gurguruuf Wayyaanen ijaarratte suni
diigamuu qaba. Yakkamtoonni yakki isaanii galmaayee guyyaan itti gaafataman
akka jiru baruu qabu. Kana yoo hintaane ta’ee walumatti qabaadhan DHDUO
deeggaruu qabna jedhamee iyyamu ta’e kan kana dura maqaa dhaaba kanaatin
miidhame hedduun waan jiruuf gaara dhiibuu ta’a. Alaaf biyya keessattis DHDUO
dura kan dhaabbatu hedduu ta’a. DHDUO garuu ammas carraa guddaa qaba:
Caasaa foolisifi
ummataa hamma gandaa harkaa qabu
Dhaaboliin
siyaasaa Oromoo harca’aa dhufaniru, ummanni abdii irraa kutateera
Sabni dammaqee
seenaa duriin osoo hintaane hojii har’a arguun amanuu jalqabeera.
DHDUO akkanatti yoo adda baafnee laalle malee duuchumaan haa
deeggarru jedhanii yoo namni morme wal abaarun sirna miti. Ani kanan jedha,
isini hoo?
No comments:
Post a Comment