Monday, October 2, 2017

“GAANGEEN TAKAALLAA KUTATTE” JENNAAN, “OFITTUU GABAABSITEE” JEDHAN

SEENAA Y.G (2005)
Qabsoon Oromoo Biyya keessaa fi alatti gaggeeffamaa jiru, suduudaan Oromoof osoo hin taanee, dina keessaa fi alaa, Diina Ollaa fi baar gamaaf ,akkasumas,  addunyaa maraaf waan dhaamaa jiruutu jira. Ergaan ifatti mul’isaa ykn dabarsaa jiru, waan lafa keessaa qotanii ykn qorannoo gaggeessanii bira ga’an odoo hin taanee, ifuma . kaleessa Biyya Itoophiyaa keessatti Ummati kum sagalee wayyabaa qabaa, gurraa laadhaafii yennaa jedhamuu , of tuulummaan maal fiddu ? warri jedhan , waan inni fiduuf taa’uuf itti gaafatamoo ta’uuf jiru.
Kaleessa Oromoon aadaa dimokiraasii qabaa, Ummata nagaa jaalatuu jennee wayita of ibsinuu, waan sun ka dur dabree jedhanii kan isaanii , isa mana hidhaa nama irratti ijaarsiisuu babal’isuuf arreedaa turan sun boollatti galee, Ummati kabajamaan isaan ukkaamsuf yaalaa turan, Ummata dhugaa qabu akka ta’ee ifatti itti argisiisaa jira. Shirri isaan waggaa meeqa dhama’anii irratti hojjachaa turan, guyyaa tokko fi lamatti fashalee , Saba qalbii qabeessa ta’uu fi Ummata nagaaf dursa kennuu ta’uu ifatti mirkaneessaa jira.
Baroonni fi guyyaan adeemsa isaanii hin dhaabnee. Shirri Oromoo irratti hojjatamu hin dhaabbannee. Hidhaa ajjeechaan Ummata kana irratti raawwatamuu jabaatee itti fufeera. Oromoo dachee irraa dhabamsiisuuf hammenyi hojjatamuu daran jabaateera. Hin dhaabbannee. Oromoonis Qabsoo gabrummaa of irraa darbachuuf gaggeessuu gonkumaa hin dhabnee. Gootummaa isaan Shira diinaa irra aanee, dhugaa isaa mul’ifachuuf wareegama ulfaataa kafaluu itti fufee jira.
Qabsoon Oromoo hanga bara 2015tti diina dandamachuu fi diinarraa aanuuf hedduu hojjachuu akka qabnuu nu akeekaa ture. Sun wareegama Ilamaan Oromoo kafalaniin sadarkaa isaa ol butatee jira. Kaleessa diinni hidhaa fi ajjeechaan qabsoo keenya ukkaamsuuf yaaluu, hidhaa fi ajjeechaan isaa hegaree isaaf akka hin tollee ifatti itti mul’isee, Qabsoon Oromoo sadarkaa murteessaa irra ga’ee jira. Bu’aa ba’iin qabsoon Oromoo keessa dabree akka laayyootti ykn akka dantaa ofitti kan dubbatanii mitii. Ofirra gootummaa raawwatameef bakka kennanii , imaanaa warra wareegamanii bakkaan ga’uuf waadaa haaraa yeroo itti seennudhaa.
Har’aa Oromoon sodaa tokkollee hin qabu. Hamma fedhee hidhamee ajjeefamuu, hiraarfamee biyyaa godaansifamuu, qabsoon isaa jabaacaa ka deemuu malee, gonkumaa kan hin dhaabbannee ta’uu humna addunyaa kanarraa kamiifuu ifa ta’eera. Wayyaaneef har’aa sodaa tokkollee hin qabnuu. Nagaa dursuuf jechaa wareegama Ilmaan keenyaa fudhannee jirra. Nagaa dursuuf jecha, ajjeechaa ajjeechaan deebisuuf yeroo itti fudhannee jirra. Nagaa dursuuf jecha, guyyaa saafaa ayyoo keenyaa fi abboo keenya awwaallannee jirra. Kun itti fufaa fi dhiisaa isaa wayyaaneetu ofiif jedhee murteessa malee , deebiin isaa ummata Oromoo harka hin jiru.
Gaangeen takaallaa kutattee , jennaan, Ofittuu gabaabsitee jedhanii, mammaakisuma oromooti. Gaangeen takkaallaa keessaa ba’uuf jettee takkaallaa yoo kuttee, takaallaa sanumaan gabaabsanii deebisanii hidhuu. Duraan haada bal’aa ka qabduu gabaabsitee of dhiphiftee. Sochiis ta’ee jireenya of dhorkite. Wayyaaneenis akkasuma. Wayyaaneen waan kanaan duuba raawwattuu hundaan, gatii baasuu ofitti dabalaa yoo deemtee malee, Ilmaan Oromoo wareegamanii Biyya isaanii Bilisoomsuuf murteeffatan irratti dhiibbaa bulchiitu tokkollee hin qabduu. Wayyaaneen guyyuu waa hundaa ofitti dhiphisaa jirti. Wayyaaneen mukarra teessee muka hamachuu hanga hin dhiifneetti,  hegereen ishee badaa deema.
Namoonni tokko tokko yaaddoo qaban. Waraana ishee nurratti bobbaaftee nu ficisiiftii kanneen jedhan hedduudhaa. Garuu wayyaaneen kana raawwachuun dura Oromiyaaa keessaa bara baraaf ba’uu murteeffachuu qabdii. Wayyaaneen kana booda waraanaan Ummata kana dorsiisuun mataa isaa , gatii guddaa ishee kafalsiisa. Waraanaan mitii shirri karaa somaalee Ummata keenya miidhuuf gaggeessitee, waan Oromoo keessatti Umeeyyuu ishee rifaasisee jira. Addatti Ummati kabajamaan kun, ijaa ba’uuf jarjaru dhiisuu isaatti rifatanii jiru. Sochiin wayyaanee kamuu kana booda kufaatii ishee kan shaffeesisu malee, kan ishee jiraachiisuu hin ta’uu. Shirri kamuu kufaatii wayyaanee ariifachiisa.
Kanaaf wayyaaneen sochii Oromoo dura dhaabbachuu irra , yeroo lama sadii dhaabbatee yaaduu qabdi. Qabsoon Oromoo gonkumaa duubatti deebi’uu hin qabu. Hin deebi’uus. Wareegama itti kafalleef gumaa argachuu qabana. Gumaan keenya Bilisummaa qofaadhaa. Oromoon dhiiga isaan Biyya itoophiyaa keessatti murteessaa ta’uu mirkaneeffachaa jira. Kun ammo galma isaa osoo hin ga’iin hin dhaabbatu. Dhaabbatees nagaaf hn tolu. BAKKI IRRA JIRRU, DUUBATTI DEEBINUS NUUF BADIIDHAA. KANARRA TARKAANFACHUUTU NUUF WAYYAA QABA.Waraana nutti dulchiftii fi hidhaa fi ajjeechaa nutti hammeessitii jennee waa hundaa keessa qabachuun barbaachisaa miti. Kanarra mudduu qabna. Fallisaa kanuma.

Namoonni hedduun Ummati keenyaa Oromiyaa guutuu socha’uu irraa hamileen itti dhaga’amee, Ummata kana qawwee hidhachiisaa jedhanii dubbatu dhageenya. Adeemsa kana hedduu itti yaaduu barbaachisa. Kanarra hojjannee warra wal hin gannee fi walitti hin dhukaafnee ta’u keenya mirkaneeffachuu nu barbaachisa. Lammiilee keenyaa qawwee diinaaf baatanii jiran gar tokkotti deebisuu qabna. Ummata Oromoo wayyaba qawwee hidhachiisuun dansaa ta’ee, wayyaaneenis waraana ishee keessaa irra jireessii Ilmaanuma Oromoo ta’uu isaanii hubannee maalitti wal akeekaa akka jirru haa hubannu. Wayyaaneen dheekkamsaa fi diddaa keenyaanu lafa geessee jirtii. Hegaree ishee yaaddeessu keessa haa galchiinuu. Isa booda qawwee yoo hidhannees nu hin miidhu.
Wayyaanee gaangee saniin tokkuma . yoo ofiif jettee karaa irraa maqixetti deebitee, hegaree ishee haa tolfattu. Nuuti wareegama dachaa kafallee mirga keenya ni goonfanna. Garuu isa booda waliin jiraannaan gonkumaa waan hin yaadamnee ta’uu isheen itti haa dhiphattu. Ajjeechaa fi hidhaan ishee Araara jaarsummaa irra dabree jira. Ofittummaa fi of tuulummaan isaanii hegaree isaaniif ragaadhaa. Kanaaf Oromoon ofitti boonee waan hojjataa jiru hundaatti jabaachuu qaba. Shira wayyaanee hundatti dhimma baanee mirgaan ni galla. Bilisummaa keenyaa Biyyuma keenya irratti labsanna. Diinatu nurraa deema malee, of tuulummaa fi ofittummaatu nurraa gala malee nuuti bakkatti gallu hin qabnuu. Mana keenya keessa jirraa jabaadhaa. IRREECHII BARANAA KAN MILKII NUUF HAA TA’UU. Oromoo waan uumamakeetti bakkatti deebisuuf bakka jirtutti hojjadhuu. Dhugaa kee bakkatti deebisuuf akka nama dhunfaattis ta’uu walootti hojjadhu. Hegareen keenya ifadhaa. Nuuti ol deemaa jirra. Jireenya keenya tokko jennee eegalla. Kan jireenya isaa fixate maraatuu itt haa dhiphituu jabaadhaa.

HORAA BULAA !

No comments:

Featured Post

Raadiyoo Damablii gabaabaa

Odeeffaannoo baadiyyaa dhaqqabsuuf tamsaasa raadiyoon dambalii gabaabaa qabaachun murteessadha. Ummata keenyaa dammaqsuun maalumaafuu mur...