Friday, October 27, 2017

Sochii yeroo ammaa

Asnake T Erko
Saba keenya kaleessa Ambotti  dhumeef gadda guddaatu nutti dhagahame. Hedduu keessi keenya booye. Qabsootti sabni jiru duuti kan hinoolle ta’us haala kanaan karaarratti namni keenya rasaasa diinatiin yoo dhumu arguun heddu nama gaddisiisa.
Eega haala Ambotti kalee ta’e kanarratti namoonni yaada adda addaa FB gubbaatti yoo kennan arga. Namni kuuni:
-          DhDUO/Foolsii Oromiyaa balaaleffata
-          Namni kuun humna dhabuu keenya balaaleffata
-          Namni kuun waldhagahuu dhabuu keenyatu wareegama hinbarbaachifne kana fide jedha. Yaadonni biroos jiru.
Wayyaanen gara Debretsiyoonin yaada ofii dabarfattee jirti. Ammaa achis akka nama keenya fixuu hedan akeekanii, dhaadataniiru.

Walitti qabnee yoo laallee:
-          DhDUO/Foolisiin Oromiayaa hiriira amma ta’aa jiru nu hinbarbaachisu jechaa turan. Tarii karaa biraatin yoo Wayyanen ummata keenya fixxu irraa qoluuf ammatti humna hinqabnuu baatanii hindhuminaa jechuus ta’a.  Dhugumatti Osoo kaleessa foolisiin Oromiyaa waraana Wayyaanee hidhate san dura dhaabbatee nama hamma tokko ajeesuu danda’us miidhaa guddaa gama Oromootin gaha. Hidhannaa wal hinmadaalle waan ta’eef.
-          Karaa biraatin hiriira amma ta’aa jiru kana hambisuuf yaamicha hedduutu godhame, garuu dhaabsisuun hindanda’amne. Sababiin isaas waan diinni ummata keenya kakaasef osoo hintaane ummanni gubannaan inni qabu waan irraan gateef. Ummanni yoo diinni balbala isaa duraan saamee fe’ee dabarsu laalee dhiisuu waan dadhabeefi. Gubannaan, hidhaan, ajjeechan daangaa darbee gabrummaa baachuu dhadhabeeti. Saba gabrummaa baachuu na gahe jedhe dhoowwan hindhaabu.
-          Wayyaanen karaa biraa hiriira bahamu kanarratti jeequmsa kaasuf gara waldhabdee sabaaf sablammootaa jijjiiruf, walitti bu’iinsa amantii gochuuf hedduu akka ifaajaa jirtus argaa jirra. Yeroo ammaa hiriirri kuni futtaafatee yoo itti fufe gara hintaane, homtuu too’achuu hindandeenyetti deemuus mala. Kuni Wayyaanedhaaf guyyaa baasuu mala.

Maal taana ree? Akka yaada koo:
-          Haala yeroo ammaa kana keessatti DhDUOn ummata keenya hamma gandaatti dammaqiinsa kennuu. Kunis kaabinee hattuu achitti ummata saamaa jirtu buqqisanii ummanni namoota isa dursan akka filatan gochuu. San booda dammaqiinsa qabsoon kuni kan sabaaf sablammota biraa waliin osoo hintaane kallaatiidhan kana Wayyaanee waliinii ta’uusaa, kan amantii osoo hintaane kan Wayyaanee waliin ta’uusaa ummata keenya odeeffannoon hindhaqqbne, keessattuu fagoo jiru sirriitti hubachiisuu
-          DhDUOn milishaaf foolisii ofii hidhachiisuu, ummanni akka hidhatu hiree kennuu, kan dur irraa hiika turaniif deebisuufii. Raayyaa ittisa biyyaa keessaa kan saba keenya ta’e dammaqsuuf aka saba isaa bira dhaabbatu gochuu.
-          San booda akkaatan itti fincilli ka’u kan naannaa tokkoo qofti ka’ee dhumu osoo hintaane giddu galeessumaadhan akeekamee walbira guutuu Oromiyaa finciluu. Innis hojii dhaabuu, gabaa lagachuu, karaa cufuu kkf karaa miidhaa saba keenyarraan osoo hingeenye waldhageettidhaan sochii Wayyaanee dhaabu gochuu. San booda yeroo gabaabaa keessatti kan hara wayyaanen nu fixaa dhaadattu kuni jijjiirama, Tophiyaa dinnagdeen ishii gaafa dhabbatu diinni osoo hinjaalatin harka kennaa deema.
-          Kana gochuuf immoo wal balaaleffachuu dhiifnee namuu hamma qabuuf beekun wal utubuun heddu murteessadha. Aangoo hinargamin kanaaf dursanii maqaa walxurreessuu dhiisun hedduu murteessadha. Saba keenya diinni marsee jiru kana laalun, boruuf yaadun hedduu murteessadha. Dhugaa jirurratti hundaa’anii socha’uun hedduu gaaridha. Humna diinaa beekanii akkaataa barbaachisuun socho’uun gamnummaadha.
-     Biyyota alaa kanattis saba keenya cinaa dhaabbachuudhan akka haala jiru kana addunyaan hubatu karaa xalayaa, midiyaafi hiriiran hojjechuun hedduu barbaachisa.

Waaqni qalbii nuuf haa kennu, saba keenyaf waliigaltee haa kennu, diina keenya haa doomsu!

1 comment:

Anonymous said...

Mee akka hiriyyaa dhuguma siif yaadu fi waan gaarii siif barbaadutti na ilaalaa.
Jireenyi waan itti fufuuf gara fuulduraatti tarkaanfachuu qabda, ammas gammachuun siif mala. Seenaa dheeraa gabaabsuuf Dr. Dawn cimsee gorsa. Inni nama hafuuraa fi dhaggeeffataa baay'ee gaarii dha. Namoonni baay'een dandeettii hafuuraa humna guddaa qabu irraa kan ka'e waaqa xiqqaa illee jedhanii isa waamu. Akkasumas gorsaa gaarii rakkoolee hedduudhaaf furmaata mudaa hin qabnee fi waaraa kan kennudha.
Guyyoota muraasa keessatti jaalallee kee durii ykn ijoollummaa kee gara jireenya keetti deebisuuf gargaaruu danda’a.
Jaalallee haaraa dhugaadhaan si jaallatuu fi addunyaa guutuu siif kennuuf fedhii qabus hawwachuu danda’a.
Inni dandeettii hafuuraa kan egeree fi kan ammaa mul’isu qaba.
Akkasumas qoricha baala mukaa humna guddaa qabu dhukkuboota hedduu kanneen akka kaansarii, HIV, herpes fi kkf ni qopheessa.
Kana malees, dhimma mana murtii fi carraa lootarii illee hojii hafuuraa ni raawwata.
Qabeenya hatame ykn maallaqa bade deebifachuuf gargaaruu danda’a.
Akkasumas furmaata hafuuraa nama si mufachiise ykn si dhukkube kamiifuu haqa akka fiduuf gargaaruu danda’u qaba. WhatsApp isaa: +2349046229159 dha. email dawnacuna314@gmail.com irratti ergaa

Featured Post

Raadiyoo Damablii gabaabaa

Odeeffaannoo baadiyyaa dhaqqabsuuf tamsaasa raadiyoon dambalii gabaabaa qabaachun murteessadha. Ummata keenyaa dammaqsuun maalumaafuu mur...