Wednesday, February 27, 2019

Waggaa 150 booda ammas akka haaratti nu buqqisuuf - Finfinnee


Waca dhimma abbummaa Finfinnee laalchisee deemaa jiru kuni waan akka salphaatti FB qofarratti dubbannee bira dabarru ta’uu hinqabnu. Jarri Habashaa kuni bara Sahile Sillaasee Oromoo Tuulamaa Naannaa Finfinnee kana buqqisuudhaf bara dheeraa deddeebi’ee waraanaa ture. Tokkummaan yeroo san ture fi ciminni Gdaa yeroo sanii jabaa waan tureef Gaammen, Kuusni fi Raabni qolatee ofirraa dhoowwaa ture.

Akka humnaan hindandeenye waan baraniif bara Minilik tooftaa biyyoota qaroomaniirraa argatan. Meeshaa waraanaa yeroo sanitti hammayyaa (qawwee) fi mala ittiin Oromoo qoodan. Oromootti siqanii soddoomanii mufoo xixiqqoo Oromoo jidduu jirutti fayyadamuudhan jidduu seenan.

Oromoo humna isaa caasaa Gadaatin ijaarame san jidduu dubbii galchan. Meeshaa ammayyaatti fayyadamuudhan addaan nu qoodanii nu rukutan. Oromoo Finfinneedhaa tola hinbuqqifne. Tufaa Munaa fi Sooraa Loomee, Warri Galaan, Gullallee dhugumaan waraanaf waantedhaan qawwee dura dhaabbatanii faradoo ofii koranii hamma dhumaa lolanii jabaan keessaa xuruurfamee kuun qawweedhan kuun fannifamee ajjeefame. Gaafas kan akkas jedhan:

«Diinni nu marsee – Farda kee kooraa irraa hinhiikin, luugama afaanii hinbaasin»

Akka waraanni habashaa isaanirra caalaa dhufe yoo argan ijoollef maanguddoo godaansisanii isa dhumaa faradoo ofiitin Finfinneetti deebi’uudhan habashaa lafarraa duguuganis waan baayinaan caalamaniif qawwee dhabaniif dhuman. Waraanni gaafsii tokkolee hindeebine. Oromoota gaafas Finfinnee irraa diina qoluudhaf Finfinnee keessatti wareegaman maanguddootarraa seenaa isaanii qorannee kaahuu qabna. Seenaa keenya Finfinnee nuti siirriitti hindhageenya. Dhoksaaf dhoowwaa waan tureef hammam jarri kuni akka nu fixan dhalli ammaa sirriitti hinhubanne.

Seenaa dhugaa dhoksanii waan turaniif keessa darbanii waan godhan saniif yakkaan osoo itti gaafatamuu qabanuu amma biyyuu teenya jechuu qaba.

Habashoonni lubbuun jiraniif kan darbanis yakka ilmaan Tuulama irratti Finfinnee keessatti raawwataniif seeratti nuuf haa dhiyaatan jechuun murteessadha. Yoos bakkatti deebi’anii. Seenaa warri Ingiliiz oolmaa waraanaa Finfinnee achitti argamuudhan barreessan fi warri gaafas lubbuun ture kaaye nuuf ragaadha.

Kana maraa waan callifneef warri safuu hinbeekne, kabajaa hinbeekne kuni har’a Laga Xaafoo, Laga Daadhii, Sabata, Furii, Duukam, Bishooftuu, Galaan, Sululta, Buraayyuu, Aqaaqii, kkf ijaarsa seeran alaatin suuta suuta dhuunfachaa jiran. Kana diigun hojii jalqbaa yoo ta’u oromootan qubasiisun isa lammeessoti.

Oromoo seenaa miidhaa nurra gahe ilmaan keenya haa barsiifnuu. Meediyaalen keenya hayyootaf maanguddoota haa dubbisanii.

Lafa seeran ala saamamne osoo oolee hinbulin qotee bulaa Finfinneetif haa deebi’uu. Kooyyee Faccaa fii kkf manneen ijaaraman qotee bulaa keenya lafti isaa saamameef haa deebi’uu. Kana nullee irratti haa dhumnuu. Kana immoo teenyee mootummaa qofarraa eeguu hinqabnu. Tooftadhaan lafa keenya amma deeffachuun murteessadha.

Kana yoo bubbulchine jarri nutti malachaa jirti. Waan darbe dhiifnefi dhiifama jennaan yakkamtoonni safuu hinbeekne qeyee keenyaa nu buqqisuuf qaanii malee keenya jechaa jirti.

Dammaqi Oromoo, Dammaqi qeerroo!

No comments:

Featured Post

Raadiyoo Damablii gabaabaa

Odeeffaannoo baadiyyaa dhaqqabsuuf tamsaasa raadiyoon dambalii gabaabaa qabaachun murteessadha. Ummata keenyaa dammaqsuun maalumaafuu mur...