Saturday, March 9, 2019

OPDO - ODP- gara Paartii tokkummaa Tophiyaa


OPDO– ODP- gara paartii tokkummaa Tophiyaa amma jijjiiramtuu teenyee eeguu hinqabnu.
Akka dhiyoo tana Dr. Abiy marii sabaaf sablammootaa irratti ibsanitti dhaabni maqaa Oromootin socho’u ODP kuni yeroo gabaabaa booda gara dhaaba – ‘paartii tokkuma Tophiyaa’ (Ethiopian unity party) jijjiirama.
OPDOn saba Oromoo yeroo meeqa gante?
1. Gaafa hundeeffamtu TPLF haajaa ofii ittiin guuttachuuf saba Oromoo gowwoomsuf waggoota gara 28 caalu dura Adeetitti hundeeffamte. Yeroon san hundeessitoonni booji’amtoota saba Oromoo gananii halagaa filatan. Isaanis har’as hedduun isaanii dhaabuma kana keessa jiru.
2. Bara 1992 yeroo TPLF ABO fi saba Oromoo balleessuf murteessitus waliin ta’uudhan murtii san waggoota 27 hojiirra oolchaa turan. Yeroo sanitti adda durummaadhan qabeenya Oromoo alagaa waliin ta’uudhan saamaa, saamsisaa turan. Har’as warri saamaa ture suni aangomarra jira.
3. Bara 2018 keessa OPDOn yeroo gara ODP jijjiiramtu saba Oromootis waadaa haaraa seente. Ammaa achi alaabas, asxaas, kaayyos, hojiidhanis saba Oromootis dalagna jedhanii hayyootaf qabsaa’ota hedduu sobatanii deeggarsa dur hinqabne fi isaanis hinmalle argatan. Garuu waadaa galan san gananii ummata sobanii qabeenya Oromoo lafa Oromoo, fi Finfinnee fi naannaa ishii dabarsanii kunoo alagaadhaf kennaa jiran.
4. Oromoo osoo mirgi afaanii, aadaa, lafaa fi walqixxummaa isaa hineegamin alagaa gammachiisuf jecha dhaaba maqaa Oromootin jiru kana diiganii ammas yeroo lammataatif alagaatti galuuf murteeffatan. Kanas saba Oromootin mariidhan osoo hintaane ormaan mari’atanii tasa mediyaarraa dhagaye Oromoon. OPDO gara paartii Tokkummaa Tophiyaa jijjiiramuu jechuun Oromoon mirga afaanii, aada fi lafaa gaafachaa jiru kana gonkumaa kaasuu hindanda’u. Qabsoo isaanii gaafas biyya takka, afaan tokko, aadaa tokko waan ta’uuf. Qabeenya oromoo ammallee alagaan hamoommachaafii jiru kana guututti kennuufii jechuudha.
Kanaafuu OPDO-ODP kan taate gara paartii tokkummaa tophiyaa osoo hinjijjiiramin miseensonni dhaabichaa dura dhaabbachuu qabu, ummannis ofiin of ijaarun murteessadha. Gaafa ODPn maqaa Oromootin paartii Tophiyaa ijaaru eegun rakkoo dhala.


No comments:

Featured Post

Raadiyoo Damablii gabaabaa

Odeeffaannoo baadiyyaa dhaqqabsuuf tamsaasa raadiyoon dambalii gabaabaa qabaachun murteessadha. Ummata keenyaa dammaqsuun maalumaafuu mur...